Hojjettoonnii fi Barattoonni Oromoo University Haromaya Gaaffii Mirgaan Muddan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Haromaya Amajjii 19,2012

Gaaffiin Barattootaa fi Hojjetoota Yuunivarsiitii Haramaayaatti itti fufee yeroo ammaa kana Pirezedaantii Yuunivarsiitii Haramaayaa Professor Balaay Kaasaa  taa’umsa jedhamuun haara galfii isa dhorkee jiraachuun qeerroon University Haromaya irraa gabaasa.

Gaaffiileen kunis hojjettootni mootummaa fi dafqaan bulaan yuunivarsiitii kanaa ifaan gaazexeessitoota waamuun gaaffiilee hanqinoota bulchinsaa fi dhiibbaa ilmaan Oromoo irraan ga’aa turee fi gahaa jiru gaafachaa akka jiraan beekama.Gaaffiin qindoomina hojjettootaa fi barattootaan mooraa kana keessatti eelgale kun ;-

  1. Yuunivarsiitoota Oromiyaa keessa jiran  keessatti hojjettootni dafqaan bulaa miindaan isaanii xiqqaa waan taheef hatattamaan dabala isaan barbaachisa?
  2. Ilmaan Oromoo University keessaa baratan baroota dheeraaf addatti dhiibbaan mootummaa waan irra gahaa jiruuf haalli kun ummata Oromoo walii gala waan dheekkamisaa jiruuf daddaffiin akka dhaabbatu.
  3. Universityn Oromiyaa keessa jiru akka University Maqalee jiruutti hin mishoomne,sadarkaa University hin guunne, kun maaliif tahe?
  4. University n Haromaya bara baraan Habashaan hogganamuun haadhabbatu

Gaaffii jedhamee ka’eef jecha,qondaaloti Wayyaanee bakkoota adda addaa irraa dhufanii hojjettoota dafqaan bulaa walitti waamuun miindaan keessan isinii dabalama gaaffii keessanis ilaallee yeroo gabaabaatti deebii itti kennina jechuun sossobaa jiru. Haaluma wal fakkaatuun yuunivarsiitiin kun Midhaan oomishamu kana eessa dhaqata? Jedhamee gaaffii ka’eef fuuldura oomishni haa dhaaabatu jedhamee murtaa’ee dallaan yuunivarsiitii kanaa bosonaan akka uwwifamutti murtaa’ee jira.Diddaan kun Oromoota bakkeewwan jajjaboo jiran irraan itti jabaatees akka jiru gabaafama.

Haalli kun gama biraan humni poolisa Feederaalaa kan ammaan duraa irratti dabalamee mooraa marsee ta’u tahee jira.

Qasoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!