Gartuun siyaasaa “G7″ Oromummaa doomsee Itoophiyummaa moosisuuf hojjachaa jira!” Ibsa Infodeskii ABO

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 17 Amajjii 2012) Gartuun Siyaasaa G7 jedhamee beekamu humnaa fi deeggartoota qabu mara guuza waammatee, ABO dadhabsiisee sabboonummaa Oromummaa dhabamsiisuu irratti xiyyeeffatee hojjachaa akka jiru ibsame.

Ibsi infodeskii ABO irraa kanaa Qunnamtii keenyaa nu dhaqqabe akka hubachiisutti, humni harcaatota sirna dargii fi nafxanyootaa yeroo ammaa kanatti bakka jiran mara irraa walwaamanii ABO fi  Oromiyaa balleessuu fi xiqqeessuu irratti bobba’anii jiru.

Akka ibsa kanaatti, humnooti kunneen Goobanoota haarawaa kanneen “gatata seenaa” ta’anii fi garaan malee sammuun yaaduu hin dandeenye walitti qabuun mirgoota Oromoon haga yoonaa goonfate mara balleessuuf yaalii olaanaa gochaa jiru.

Keessaayyuu, miidiyaaleen Afaan Amaaraa dubbatan kan maqaaf walaba jedhaman marti humna G7 jedhamu kana waliin dirrisanii, “dhaamsa walii dabarsanii akka itti Oromummaa doomsanii Itoophiyummaa abbootii isaanii durii bakkatti deebisan irratti wal tumsanii hojjechaa jiran,” jedhee jira, ibsi kun.

Gootummaa Ibsa kanaa PDF kana banaatii dubbisaa; Ummata Oromoo maraaf illee maxxansaatii dabarsaa!!

Duula Siyaasaa Kaayyoo QBO Irratti Banameen Balaa Boru Dhaqqabuu Maluuf

Hubachiisa:

Qeerroon Bilisummaa waantota faayidaa ummata Oromoo xiqqeessan yookaan cabsan yookaan haalan kamiyyuu callisee kan hin ilaalle ta’uu asumaan beeksissuu feena! Lafeen jaallan keenyaa, dhiigdi gootota keenya akka Elemoo Qilxuu, Jaagamaa Badhaanee, Alamaayyoo Garbaa, Gaaddisaa Hirphasaa fa’aa Itoophiyaa dullattii suphuuf kan hin dhangalaane ta’uu illee dagatamuu hin qabu.

Akkuma wayyaanee dura dhaabbannutti, kanneen faayidaa saba keenyaa miidhan kamiyyuu dura waan qabnu maraan kan dhaabbannu yoo ta’u, Qeerrooleen marti kan hubatanii ummata keenya bakka jiranitti akka hubachiisan illee asumaan dhaamsa keenya dabarsina!

Injifannoo ummata Oromoof!!

Dhaamsa Qeerroo

Aside

(Qeerroo, Oromiyaa, 16 Amajjii 2012) Qeerroo Bilisummaa, yeroo ammaa kanatti waan biyya keenya Oromiyaa keessatti deemaa jiru karaa hundaan irra aanuuf jabinaa fi kutannoon akka hojjannu haata’u.

Dhaamsa darbaa jiru qalbeeffachaa, haala adeemaa jiru faana bu’uun bakka hundatti injifannoo galmeessaa haa adeemnu!

Nuti Qeerroon otuu teenyuu, biyyi keenya, Oromiyaan alagaan hin dhaalamtu; garbummaanis dabaree nutti hin dabartu!!

Dhaamsa Haala Yeroo

Aside

(Qeerroo, Jimmaa, 16 Amajjii 2012) Qeerroo Bilisummaa, dhaamsi armaan gadii kun qunnamtii keenya alaa irraa nuuf ergame; dhimmi isaa haala yeroo amma kana humnoota warra Habashaatiin akka afaan faajjjiitti deemaa jiru ilaalchisee dubbataan ABO, Dr Bayan Asoobaa, gaaffii fi deebii raadiyoo warra Habashaa, “Addis Dimtsi” jedhamu waliin taasisanii dha.

Asumaan Qunnamtii Qeerroo, kan dhimma kana hordofee nuuf dabarseen maqaa Qeerroo Bilisummaatiin galati kee Bilisummaa haa ta’u! jenna.

Qeeroo Bilisummaa

Secondary school students are following suit with University Students in a continued peaceful demonstration; raising serious demands

Aside

January 17, 2012 (Qeerroo)

The students’ demonstration in Haromaya, Adama, Wollega and other Universities are quickly spreading to secondary school students in different part of Oromiya. These students are raising serious demands of rule of law, democracy; land right, regional security and safety of students staging for their constitutional right.

According to Qeerroo informants, the students are battling with police and the situation is growing by the day. On the 13 of January 2012 in the Eastern Wollega zone, students of Limmu Galiila secondary School have staged peaceful demonstration. Some of their demands include

  1. Give legitimate answer to the demand of University Students
  2. Accusation, imprisonment, exiling and mistreatment of Oromo nationalists should stop
  3. Stop evicting Oromo farmers, provide them with a means to prosper themselves
  4. Stop stirring conflict between centuries old friends and neighbors of the Oromo and Gumuz nation and others.

Shocked by the situation, the security people are randomly imprisoning and threatening the civilian population, while the special police force were doubled and security was biffed up in the town.

In similar news, Hagamsa secondary school students have reportedly staged their own demonstration on the 12 of January 2012 demand the realization of self determination according to the constitution of the country. The police attempt to control the situation failed after the students tried to protect themselves with stones. It is reported that the school is still closed for similar reason. The demands raised by students in Naqamte Preparatory school and Gidda Ayana secondary school are still unanswered after a full day demonstration was held on the 11TH of January 2012.

While the unity and the perseverance of Wollega University students are still continuing, more than 60 students are known to have been kidnapped.  On another incident, students named Tolasa Urgi from English department was saved by the friends and committed Qeerroo network members while some of the security members tried to kidnap him. After all the options and amazed by the firm stand of the brave students, the Woyane official are sending out Elders of the City for reconciliation.

The struggle shall continue!!!

@Qeerroo