Guddinni Mootota Ethiopia Manneen Hidhaa Ijaaruu fi Hidhamaa Heddumminaan Qabaachuu Irratti Hundaaya.

Aside

Amajjii,16,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamte

Mootummaan Wayyaanee Dargaggoota Gaaffii Mirga sabaa gaafataniif deebii laachuun waan human isaa ol taheef hidhuu ajjeessuu fi barnoota irraa arihuun aadaa isaa tahee jira. Gochaan Wayyaanee kun kan yeroo kufaatii isaa gabaabsuu fi caalaatti ummata biyyitti irratti kakaasu gochaa jiraachuun beekamaa dha.

Barattoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan keessaa dhihootti rakkoo mooraa University Wallaggaatti dhalate haga ammaa hin qabanaawiin jiru guyyuu barattoota hidhuu fi gara dabarsuun magaalaa Naqamtee goolaa akka jiru beekama. Haala kanaan barattoota University Wallaggaa baratan keessaa namni 60 ol hidhaa kan jiran yeroo tahu kanneen keessaa barattooti maqaan isaanii gaditti jiru kanneen qabamanii bakka buuteen isaanii hin beekamiin jira.

1.Abdiisaa Guutaa Dhalootaan Ginc irraa
2.Dajanee Baqqalaa Dhalootaan Gindabarat irraa
3.Asaffaa Xaafaa Dhalootaan Amboo irraa
4.Bojaa Gaddafaa Hoolota irraa

Haaluma wal fakkaatuun barataa Addunyaa Iddeesaa jedhamu mootummaan Wayyaanee bara lamaan darbe kana Yuunivarsiitii Hawaasaa irraa osoo waggaa 3ffaa barachaa jiruu ati deeggaraa ABOti jechuun yakkitee barnoota isaa akka addaan kutu gochuun waggaa tokkoof hidhaa kan tursiistee fi Yeroo ammaa garuu barnoota isaa magaala Amboo keessatti Computer science dhaan waggaa 4ffaa kan ta’e ukkaamsanii fudhachuun as
buuteen isaa dhabamee jira.Funaansi qeerroo Oromoo yeroo yerootti dabaluun kan hammaatee fi tarkaanfiin gara jabeenyaa irratti raawwachaa kan jiru yoommuu ta’u Barataa Maammush jedhamus konkolaataa isaanii keessa buusuun bakka inni jinru kan hin beekamne ta’uu qeerroon naannoo kanaa ifa godha.Gochaalee gara jabeenyaa ilmaan oromoo irratti raawwachaa jiru dura dhaabbachuun diddaa jabduu akka goonuu fi ilmaan oromoo marti sagalee keenya akka nuu dhageessan jechuun qeerroon magaala Amboo fi naannoo ishee waamicha dabarsee jira.