Gabaasaa Qeerroo Naqamtee,Amajii 10,2012
Baratotaa University wallaaggaatti midhaan humna olii irraa gahee jiruu kessaa barataa Tasfaayee Daggafaa barataa Envaromental Health waggaa 2ffaa kan ta’ee, reebichaa humnaa olii humnota poolisaa Wayyaaneetiin qaama isaa irraa gaheen akka malee midhamee,yeroo amma hospitala Naqamtee kessaatti giluukosii fi oksiijiiniin hidhameefi kan jiruu ta’uun bira gahame,hospitala ol aanaatti riiferiin akkaa barreeffamuuf Sabboontoti magaalaa Naqamtee gaafataniifii jiraachuu qeerroon gabaasa.
Barataa Leejjiisaa Raggaasaa mooraa University Wallaggaa keessatti rasaasa Wayyaanee rukutamee Hosptala galuu irraan kan ka’e sabboontoi magaalaa Naqamtee fi barattooti manneen bardoota sadarkaa 2ffaa jiran haalaan diddaa isaanii muldhisaa waan jiraniif humni poolisa Feederaalaa dabalamee magaallii fi manneen barnootaa eegamaa akka jiru gabaasi Naqamte irraa addeessa.
Barattooti Oromoo reebaman heddumminaan waan Hosptala galanii jiraniif ummani Oromoo magaalaa Naqamtee jiraatu gargaarsaa fi birmannaa inni godhaafii jiru seenaa keessatti kan hin dagatamne tahuu qeeroon beeksisu.
Bulchitonni Wayyaanee gaaffii mirgaa barattooti gaafataniif sagalee raadiyoo VOA irratti ukkaamsanii barataan fooqii irraa wal darbe kan jedhanii deebii kennaniif caalatti dheekkamsa ummataa fi barattootaa kaasee waan jiruuf haalli mirga Oromoo kanaan akka hin dhaabbannee addeessu.
Kana malees Amajjii gaafa 8,2012 Wayyaaneen barattoota Oromoo mooraa University Wallaaggaa irraa Qeerroolee 60 oliitti lakkaahaman konkolaataan ukkamsee kanneen ture Amajii 9,2012 konkolaattaatti ugguree gara mana hidhaa Ma’ikelaawwii fi hidhaa dhoksa Tigray jirutti geessuuf qophii fixatee yeroo inni konkolaataa kaaftee magaalaa Naqamtee bahuuf jedhu barattooti Oromoo fi ummanni Oromoo dursanii odeeffata kana waan argatanii jiraniif karaa cufuun konkolaaticha dabarsuu waan dhorkaniif hidhamtoota kana gara Finfinnee geessuu irraa deebisanii gara magaalaa Gimbiitti akka dabarsan gaabasi qeeerroo addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!