Gabaasa Qeerroo Amajjii 09,2012 Naqamte
Amajjii 9,2012 presedantiin Mooraa University Wallaaggaa kan maqaan Fiqaaduu Bayyaana jedhamuu sa’aa 9:30WD irraattii huccuu of irraa lafa buusee baratoota Oromoo akka isaan diddaa isaanii itti hin fufnee fi gaaffiin isaanii akka deebii argatuuf carraaqqiin godha jedhee kadhatee barattota hanga tokko mooraa University keessaatti waliitti qabuun walga’ii teesisee, walgahii kanaa irraattii barattoonnii gaaffii itti aanuu kanaa gaafatan:
- Humni waraanaa Wayyaanee barataa keenyaa barata Leejjisaa Raggaasaa rasasan rukute ariitiin seeraatti dihaatee adaba haa argatu.
- Barattoonnii keenyaa konkolaata lamaan ukkaaffamani fi ilmaan Oromoo mooraa Univesity Adaamaa irraa hidhaaman hatattamaan haa hiikaman
- Gaaffiin barattoonni Oromoo Finfinnee ,Haroo Ammaayyaa,fi universitota kanneen biroo irraa kaasaa jiran gaaffii keenyadha ni deeggaarra hattataman deebii qubsaa argachuu qaba.
- Waan mirga keenyaaf gaafanneef hidhaan,duutii,arii’atamun nurraa dhaabbachuu qaba.
- Biyyaa abbaa keenya keessaatti mootummaan Wayyaanee nyaata summaa’ee nuf laatee nu fixaa jira. Guman ijoollee keenya baalaa kanaan du’anii kaffalamuu qaba.
- Hireen murteeffannaa ummata Oromoo akka mirkanaawuuf jecha mootummaan Wayyaanee aangoo gadhiisee dhaabota hunda kan haammatu chaarterri haaraan haa ijaaramu.
- Gaafiin Qonnaan bulaa Oromoo hattattamaan deebii haa argatu.
Jechuun gaafatan peresedantichi gaaffiin barattootaa waan humna isaa ol ta’eef jecha deebi isiini kennina jechuun waadaa galee tasgabeessuu yaalus baratoonni yeroo dhiiyootti jechuusa rdinaan kan asiitti dandeenyu asiitti, kan immoo gara qaama dhimmaa ilaalutti dabarsina jechuun walgahiin bittinnaayee diddaan barattootaas itti fufee jira.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
Uni W