Guyyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Nannoo Adda Addaatti Haala Ho’aan Kabajame

Video

Amajjii 06,2012 Gabaasa Qeerroo,Finfinnee

Sabboontotni barattoota Oromoo fi hojjettootni yuunivarsiitii Haramaayaa sabboontota Oromoo naannoo waliin walitti dhufuun Amajjii 1, guyyaa waraana bilisummaa Oromoo haala ho’aan kabajanii jiru.Sabboontotni kun walitti dhufuun uffata aadaa Oromoo uffachuun shaamaa diimaa magariisa diimaa ibsuun eebbaan kan jalqaban yoommuu ta’u akeekaa fi seenaa Amajji 1,ittiin ayyaaneffatamu wal hubachiisuun ayyaaneffatameera.Ayyaana kana irratti diraamaa,baacoo fi walaloon garaa garaa dhiyaataniiru.Ganama guyyaa kanaa irraa kaasee ilmaan Oromoo bakkeewwan amantaa deemanis uffata aadaan guyyaan kun ilmaan Oromoof guyyaa kabajamaa ta’uu mul’isanii jiru. Tikni Wayyaanee guyyaan kun sabboontota Oromoon akka kabajamu bartee ganda keessa dabballootaa fi basaastota federaalota waliin gadhoostus qophii sabboontotni Oromoo duraan godhan daran waan caaleef ayyaana kana gufaasisuu hin dandeenye.Ilmaan oromoo uffata aadaa uffatan arganis mataa dhukkubsachaa oolaniiru.Sabboontontni Oromoo walitti dhufuun ayyaana kana ayyaaneffatan qabsoo bilisummaa ilmaan Oromoo ABOn durfamu yoomuu cinaa akka dhaabbatan murteessanii jiru.Ayyaana kana irratti qabsoo Qeerroon Oromoo itti jiru adda durummaan ba’uuf murtii dhumaa dabarsanii jiru.Qabsoo Bilisummaa oromoo ABOn durfamu cinaa dhaabbachuun barattoota,barsiisota,daldaltoota,qotee bultoota Oromoo fi sabawwan cunqurfamoo mara akka kakaasan irratti marii guddaa godhanii jiru.

University Arbaa Minci

Haaluma wal fakkaatuun Guyyaan waraana Bilisummaa Oromoo Sabboontota barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Arbaaminciin ayyaanaffatamee jira.Ayyaana kana irratti sabboontotni Oromoo naannoo diinni dhaqqabuu hin dandeenye deemuudhaan marii cimaa gaggeessanii jiru.Qabsoo Bilisummaa oromoo ABOn durfamu cinaa dhaabbachuun qabsoo akka finiinsanii fi dirqama dhaaabni itti kenne yeroo isaa osoo hin dabarsiin akka ba’an dubbatanii jiru.

Shaambuu

Haaluma wal qabateen Amajji 1,barattoota sadarkaa lammaffaa fi qophaa’ina mana barumsaa Shaambuun ayyaaneffatamee jira.Ayyaana kana irratti barattootni mana barumsaa fi koollejjii argamuun diddaa uummatni itti jiru adda durummaan milkeessuu akka qaban marii’atanii jiru.Yeroo ammaa kanatti hojiin dhaabni teknoolojii garaa garaa fayyadamuun odeeffannoo ilmaan Oromoo fi sabawwan cunqurfamoo geessisaa jiru waan qabsoo kana saffisaan tarkaanfachiisu ta’uu dubbatanii jiru.Dhaabbilee barnootaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti argaman adda durummaan akka kakaasan irratti walii galanii jiru.

Anaa Jaartee

Dabalatas,Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee keessattis Amajjii 1,Barsiisota Oromoon kabajamee jira.Barsiisotni ayyaana kana kabajan barattootni ilmaan isaanii dubbachuun dhiibbaa mootummaa garboomfattuu irraa barattoota keenyatti dhufuuf adda durummaaan kan falmu isaan ta’uu murteessanii jiru.Ayyaana kana haala ho’aan erga kabajanii booda hojii dhaabaa caasaa barbaachisuun hojjechuuf MAADHEE LAGA ALIIBOO 01 jedhamu jalatti wal ijaaranii jiru.Daldaltootni,barattootnii fi qotee bultootni qabsoo ilmaan oromoo ABOn durfamu cinaa dhaabbachuun gumaata barbaachisu akka ba’an dhaammatanii jiru.

Magaala Gimbii

Kanumaan  wal qabateen Guyyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Godina Wallagaa Lixaa Magaala Gimbiin ayyaaneffatamee jira.Qeerroon Oromoo naannoo kanatti argaman hojii dhabdummaaa impaayera biyyattii keessatti babal’achaa jiruu fi hidhaa jumlaa ilmaan oromoo irraan gahaa jiru irratti mormii cimaa kaasuun namootaa fi dhaabbiileewwan garboomfattuu mootummaa Wayyaanee qabsoo ilmaan Oromoo gufachiisuuf dhaabbatan irratti tarkaanfii maayii fudhachuuf GAREE RAAWWII DAANDII BILISUMMAA “A” fi GAREE  RAAWWII  BILISUMMAA “B” jedhaman kanneen miseensota heddumminaan of keessaa qabanii fi gochaa Wayyaanee irraa roorroo ittisan caalaatti ijaaratanii jiruHaaluma wal fakkaatuun Guyyaan WBO yuunivarsiitii Finfinnee keessatti haala ho’aa ta’een kabajamee jira. doormii shamarrannii keessatti shaamaa diimaa magaariisa diimaa ibsuun uffata aadaa uffachuun kabajamee jira.Shamarran oromoo yuunivarsiitii kanaa gahee isaanii qeerroo waliin ba’uuf qophaa’oo ta’uu isaanii ibsanii jiru.

Lixa Shawaa

Godina Shawaa lixaa manneen barnootaa Geedoo,midaaqenyii fi Amboo keessatti haala ho’aan ayyaanefattamee jira.Dabalatas Ayyaanni kun Qeerroowwan Oromiyaa keessaan wal quba qabeenyaanii fi bilbilaan baga geessanii fi wal mariisisuun ayyaaneffatamee jira.Ayyaana kana irratti mariin erga gaggeeffamee booda waadaa walii seenuun ibsawwan ejjennoo armaan gadii kana baafachuun milkiin xumuramee jira.

University Adaamaa fi Kanneen Kaan

Akkasumas Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti barattootni Oromoo hidhaa ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru mormuun bakkeewwan galma abbaa gadaa deddeebi’uun kabajanii jiru.

Walumaa galatti Qeerroon Oromoo yuunivarsiitiiwwan Hawaasaa,Jimmaa,Amboo fi Gondar haala ho’aan kabajanii jiru.Akkasumas Godina wallagaa Bahaa Magaala Naqqamtee barattoota Koollejii Dibooraa fi yuunivarsiitiin kabajamee jira.Godina Horroo guduruu magaala kombolchaa keessattis ayyaaneffatamee jira.

Ibsoota Ejjennoo Ayyaana Guyyaa WBO irratti dhihaate kan naannoo garaa gara bal’aa waan tahee gara fuula duraatti dhiheessina.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Nuti dargaggoon Oromoo kan nu gabroomfatee darbee fi kan nu gabromfataa jiruuf harka hin laannu. Harka laachifna malee!

;;

Walaloon Gabaabaa kun Amajjii guyyaa WBO maadheeleen Qeerroo baha Oromiyatti kabajatan muldhisa.

Qeerroo Oromiyaa

Qeerroo Oromiyaa
lammii biyya kiyyaa
hin qabdu hiriyaa
maaliif baata biyyaa

Gabrummaan hammaatee
hireen hidhaa taatee
waliin falmuun haftee
sanyiin sanyii nyaatee
hunduu wal hamata
qomoon wal himata
diina waliif ta’ee boolla walii qota

Mee haqa sodaadhu
ka’iitii falmaadhu
mirga kef gaafadhu
dhugadhaf jiraadhu

Maaliif of dagatnaa
gabromnee jiratnaa
alagaan reebamnaa
umrii hidhamnaa
du’aan adabamnaa
badiin himatamnaa

Koottaa mee walgeenyaa
odaa jala teenyaa
kaayyoo keenya beekna
bilisoomuu feena
dhugaa keenyaaf boonya
ergaa dabarsina
addunyaatti iyyina
kaayyoo boorantummaa
kan sanyii tuulamaa
warra baarentummaa
dhugaa jirtu himaa
dhaamsi keenya dhumaa
gumaacha umamaa
kalaqa ganamaa
madda walabumaa
abjuu saboontotaa
dirqama dhalootaa
abdii bilisummaa
Oromoota mee ati akkam gootaa?

Sanyii Falmataa Dirre Dawaa irraa