Barataan University Adaamaa Efreem Beekumaa Humna Tikaa Wayyaaneen Ukkamfame.

Gabaasa Qeerroo University Adaamaa Sadaasa 20,2011

Baatii Sadaasa 2011 kana keessa barataan qaroo fi jabaa akkasumas barattoota biratti jaallatama guddaa kan qabu Efrem Beekumaa, boqonnaa yeroo gannaaf maatii isaa dhiha Oromiyaa Najjoo turee barnoota isaaf gara University Adaamaatti yeroo deebi’etti,humnoonni tikaa Wayyaanee yeroo adda addaatti sochii dargaggoota Oromoo duubaan jirta sababa jedhuun isa qorachaa turuun beekamaa dha. Qormaata kanaan booda ragaa barataa kana irratti dhabnaan gartuun tika Wayyaanotaa garii University Adaamaa seenuun barnoota isaa irraa qabanii hanga har’aa bakka buuteen isaa wallalamee akka jiru qeerroon Adaamaa irraa gabaasa.

Barataa Efreem Beekumaa

Ammaan dura barattoota yeroo gannaaf maatii isaanitti galan keessaa barataa Zemachuu Mokonnin fi kanneen kaan hedduu University Adaamaatti hin deebi’iin akka jiran waan hubatamee dha.Barataan Zamaachuu Mokonnin maatii isaa dubbisuuf magaalaa Dambi Dolloo yeroo deemetti humni Waraana Wayyaanee gaaffiif barbaadamta sababa jedhuun fuudhanii deeman,booda mana hidhaa Ma’ikalaawwii Finfinnee keessa  gaaffii tokkoon malee hanga ammaatti hidhamee akka jiru qeerroon gabaasee jira.

Hidhamuu barataa Efreem Beekumaa kanaan aaran barattooti University Adaamaa jiran barataan kun akka daddaffiin gadhiifamee barnoota isaatti deeb’uuf jecha bulchiinsa mooraa University kanaatti, iyyannoo dhiheessuun gaafatanii jiru .Barataa Efreem Beekumaas tahe kanneen kaan sabboonummaa isaaniin yoo hidhaman iyyuu Fincilli Diddaa Gabrummaa akka dhaabbachuu hin dandeenye qeerroon Adaama jiran kana waliin gabaasanii jiru.

Barataa Zamaachuu Mokonnon

Barattooti Oromoos tahe ummanni Oromoo kumaatamaan hidhamus kumaatami biroo ammo kan qabsoo bilisummaa kan itti fufu dhalachaa waan buluuf Wayyanonni hidhuu fi biyyaa ari’uun furmaata siyaasaa argamsiisuu akka hin dandeenye ofii isaanii ragaa ofitti bahu dandayu.

Qabsoon itti fufa ! Gabroomsaan ni kufa!

Mooraa University Hawaasaa Keessatti lukkeewwan Wayyaanee irratti tarkaanfiin fudhatame.

Gabaasa Qeerroo, University Hawaasaa Sadaasa 19,2011

Sadaasa 17 bara 2011 guyyaa keessa sa’atii 11;00wd humni addaa garee Barii Burraaqaa jedhamu mooraa University Hawaasaa keessatti lukkeelee Wayyaaneen kanneen barattoota Oromoo yeroo adda addaatti hiisisaa fi qabsiisaa turan irratti tarkaanfii laalessaa fudhate.

Basaasota Wayyaanee fi kanneen lukkee tahuuf barattoota Oromoo yeroo dheeraaf dararaa turan kana irratti tarkaanfiin tahe haala sababa hin beekamnee fi yeroo hin eegamnetti akkasumas namoota hin beekamneen tarkaanfichi raawwatee jira, rakaanfii kana irratti ergamaan diinaa tokko guutummaatti ilakaan isaa fuula duraa miidhamee adaba hojii isaatii argachuun beekame. Kanneen hafan nama lama ammo reebichaa hadoochaa taheen adabbiin kennameefii jiraachuu gabaasi Qeerroo University Hawaasaa addeessa.

Kun kana tahee osoo jiruu ergamtooti diinaa mooraa sanitti argaman kaan leeyyoon guutamanii halkan kaleessaa osoo hin rafiin of eeggachaa buluun isaanii beekame. Gochaa kanattis kan rifate humni poolisa diinaa mooricha doorsisuu yaalu illee human hin beekamne kana argachuu akka hin dandeenye qeerroon gabaasee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Guyyaan Yaadannoo Finicila Diddaa Gabrummaa(FDG) Godina Shawaa Lixaa Keessatti Kabajame.

Gabaasa Qeerroo Ejeree,Sadaasa 17,2011

Godina lixaa shawaatti maadheewwaan ijaarsa Qeerroo Bilisummaa jalatti argaman armaan gadii Sadaasa 9/2005  kan bara 2011 haala qindoomina jabaa fi mirqaansaa taheen kabajatan.Maqaa maadheewwaanii kunis;

1. Maadhee Gumaa Goototaa,

2. Maadhee Gaadisaa Lammii,

3. Maadhee Dargaggoota Oromoolakkofsa 120 fi

4. Mmaadhee Gumaabas Jaagamaa Badhaanee ‘A’ fI B’

Jedhamaan ergaa haala qabsoo Oromoo yeroo fi fincila diddaa gabrummaa Oromiyaa keessatti deemsifamuu qabu irratti bal’inaan erga marii’atanii boodaa kabajaa ayyaana Sadaasa 9/2011 haalotaa itti aanuu kanaa raawwaachuun kabajatan

  • Qabsoo finical diddaa gabrummaa hamma kaayyoon keenya bakkaan gahutti itti fufna.
  • Biyyaa fi qabeenyi Oromiyaa gurguramaa osoo jiruu ammos Oromoo qe’ee irratti dhalate irraa buqisanii godaansisuu jabeessinee morminya. Oromiyaa diina harkaa buusuuf jecha wereegama barbaachisu ni kafalla.
  • Oromoota badiin tokkoon malee manneen hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa jiran akka gadi lakkifamaniif qabsoo FDG ciminaan itti fufna.
  • Waareegama jaallan qabsoo bilisummaa Oromoof kafalan bakka itti gochuuf jecha akeeka isaanii bakkaan gahuuf qophii taane.
  • Kaayyoo keenya bakkaan gahuuf qabsoo Qeerroo bilisummaa Oromoo “KA’I QEERROO” jalatti eegalle itti fufna.


Universitoota Keessaaa fi Bakka Adda Addaatti Guyyaan Fincila Diddaa Gabrummaa Sirna Addaan Kabajame.

Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Sadaasa 14,2011 Godinaa Lixaa Shawaa Univerisity Amboottii guyyaan yaadannoo FDG  sadaasaa 9/2005 Sabboontotaa baratootaa Oromoo Univerisity Ambootiin kabajamee,Akkasummaas Sabboontotaa baratoota Oromoo mana barumsaa Amboo Sadarkaa 2ffaa fi mana barumsaa Caarii Amboo sadarkaa 1ffaatti guyyaa kana sabboontonnii mana isaanii ooluun kabajatan.Sabboontonnii kuni sabboonticha Oromoo barataa Jaagamaa Baadhaanee fi sabboontotaa Oromoo FDG irraattii wareegamaan yaadachuun wayita kabajatan,gaariin isaanii maatii Jaagamaa biratti argamuunii fi bakka awwalchaa isaa dhaquun kabajatani,

Haaluma wal fakkaatuun guyyaan sadaasa 9/2005 sabboontotaa baratoota Oromootiin Univerisity Finfinnee mooraa kiiloo 6 fi Univerisity Wallaaggaatti guyyaa gaddaa ol aanaa ta’uun akkaa kabajamee jirachuu gabaasi Qeerroo University Finfinnee gabaase.

 

Yaa Jaagamaa Badhaanee

Gumaan kee hin bane..

Tarree gallee kaanee

Gumaa baasuuf qophoofnee.

 

(Barattoota Uni)

 

Gootowwan Qeerroon Oromoo Guyyaa FDG Anaalee Adda addaa Keessatti Kabajatan.

Gabaasi Qeerroo magaalaa Amboo akka ibsutti, dargaggoonni anaalee lixa Shawwaa haala howwaa fi gammachiisaa taheen Guyyaan fincila diddaa gabarummaa(GFDG)  kabajachuun beekame.

Dargaaggooni  aanaa Amboo, Aanaa Gudar,Aanaa Abunaa, aanaa Gincii fi Gindabarat keessatti Sadaasa 13,2011 sirna howwaan wayita kabajatan, Dargaggoonni kun bakkoota adda addaa Universty lee adda addaa irraa kabajaa guyyaa kanaaf jecha walitti dhufuun kabajaa kana irrattis dhimmoota qabsoo bilisummaa Oromoo fi itti fufa finciloota Qeerroo irratti maree bal’aa deemsisanii jiru.

Qeerroleen aanaa adda addaatti kabajatan kunniin,maadheelee isaanii  University adda addaa irraa anoleetti ergachuun yeroo kabajatan,bakkoota sirni kun kabajamaa ture sanitti telefoonaan walitti bilbiluun guyyaa FDGn nagaan akka gahan gammachuu isaanii walii ibsaa turanii jiru.

Qabsoon karaa nagaa mirga ofii kabachiisuu fi bilisummaa ummata ofiif akkasumas walabummaa Oromiyaaf jecha fincilli diddaa gabrummaa akka itti fufuu fi hireen murteeffannaa ummata Oromoo akka mirkanaawuuf jabeessanii akka irratti hojjetan dargaggoonni sirnicha irratti argaman ibsanii jiru.

Gabaasi dhimma kanaa akka guutuutti qindaayeen bakka bakka irraa gabaafama.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

A Chronological Review of Oromian Students Revolt Against Subjugation

By Daandii Qajeelaa

(Qeerroo, Finfinnee, 13 Sadaasa 2011) The month of November is special for Oromians. During this month Oromians all over the globe commemorate the historical Oromian student movement, known as Fincila Diddaa Gabrummaa (meaning, Revolt Against Subjugation), that was first lit on November 9, 2005 at Ambo High School, located about 80 miles west of Finfinne (Addis Ababa), and which engulfed the entire Oromian schools like a wild fire.

Ka'i Qeerroo

The movement lasted nearly two years, uninterrupted, but largely unreported and unnoticed by the international media, and continued to this day, taking several different forms, the main goal being to restore freedom, justice, and democracy for the biggest and yet most marginalized nation in Ethiopia: the Oromo.

In April 2011, the Oromian student movement underwent a qualitative change. Inspired by the Arab Spring, Oromian youth all over the globe came together by forming a coordinating body for civil disobedience known as the National Youth Movement for Freedom and Democracy (NYMFD) aka Qeerroo. In Afan Oromo “Qeerroo” literally refers to an unmarried young person. It can also mean simply a young person.

Several Oromo students who were graduated with first degree from different universities were denied job opportunity due to the usual allegation that they have been supporters of OLF, the Oromo Liberation Front. Among them are 400 who got their degree in environmental health, 240 in pharmacy, and 250 in medical laboratory. For more details read the following PDF  document: Oromian Students Movement in 2011

Sabboontichi Oromoo Barsiisaa Damissoo Waaqwayyaa Reebicha Wayyaaneen Wareegaman.

Gabaasa Qeerroo Ona Limmuu,Sadaasa 12,2011

Godinaa wallaaggaa Baahaa Onaa Limmuu Gaaliillaattii Barsiisaa Mana Barumsaa Limmuu Galiilaa sadarkaa 2ffaa Kan ta’an barsiisa Damisoo Waaqwayyaa Daararamaa human warrana diinaatiin baatii fulbaanaa 2,2011 keessaa qabamanii waajiraa poolisaa Onichaattii akka malee reebamnii midhaa guddaa isaan irraan ga’ameen lubbuun isaanii Sadaasa 11,2011 biyya lafaa kanaa irraa boqotan, barsiisaa Damisoo Waaqwayyaa abbaa ijoollee 9 ti,Umriin isaanii gannaa 45 dha, guyyaa har’aa Sadaasa 12,2011 sirnnii awwaalchaa isaanii Onaa Limmuu Gaaliilaattii gaggeeffaama jira. Sirna awwaalchaa isaanii irraattii baratoonnii 3000 olii fi barsiisonnii, akkasummaas uummaannii 4000 walumaagalattii namoonnii 7000 ol irraattii argamanii jiruu, sirna awwaalcha isaanii irrattis sabboontoti Oromoo dhadannoo adda addaa dhageeessisuu fi quuqamaa fi aarii mootummaa Wayyaanee irraa qabanis ifatti dhageesifataa turan.

Barsiisaa Damissoo Waqwayyaa sochii Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessaa turan irratti qooda sabboonummaa isaanii kennanii hidhamuu barattootaa,hidhamuu qotee bulaa Oromoo irratti sirna mootummaa Wayyaanee dura waan dhaabbataa turan. Sabboonummaani fi wareegama barsiisaan Damissoo ummata Oromoof kafalan bara bara akka urjii samii ifsee seenaa Oromoo keessatti yaadatamee hafa.

Gabaasaan qeerroo dabalataan akka ibsutti sirnnaa awwaalchaa barsiisaa Damissoo Waqwayyaa irraatti jirattonnii godinaa wallaaggaa bahaa Onootaa sadii jechuun Heebentuu, Giddaa Ayyaanaa fi Limmuu Galiilaa irraa waliitti ba’anii sirna awwaalcha isaa si’a raawwatan dararamnii diinaa dubaatti nu hin deebisuu, gumaa barsiisaa keenyaa ni baafnaa, kaayyoo isaa galmaan ni geenyaa dhaadannoo jedhuu qabatanii, akkasumas walaloowwaan gootummaa barsiisaa kanaa fi qabsoo sabaa kanaa faarsuu dhiyaateera, Barattoonnii Oromoos addaatti ‘KA’II QEERROO” waliittii dirmaadhuu wamichaa abbaa kee dhaga’ii,wamichaa haadhaa kee dhaga’ii jechuun dhaadatanii dhaadachiisanii sabboonaa barsiisaa Oromoo kana awwalataniiru, poolisoonnii Wayyaanee Oromoo tahan naannoo kanatti argamanis haala ummati Oromoo awwaalcha kana irratti boo’uu fi dhadannoo warraaqsaa arganii ummata waliin dhaabatanii gadda isaanii agarsiisuu fi sochii Qeerroon agarsiisan cinaa akka dhaabatanitti yaada tokko tokko mata mataan dargaggoota quunamuun akka kennan qeerroon gabaasa. Haallii kunis wayyaanee tigrootaa fi alagoota akka rifaase jiru beekamee jira.

Wareegama sabboontota Oromoon Qabsoon keenya bakkaan ni gaha!

http://www.youtube.com/user/marsaaabo#p/a/f/0/5ZQwuu5I99k

Guyyaan Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) University lee Jimmaa keessatti Sirna Gaariin Kabajame

(Gabaasa Qeerroo magaalaa Jimmaa Sadaasa 12,20011) Nuti barattootiin Oromoo kanneen University fi kolleejjota Jimmaa keessaa barannu sabboonummaa keenyaan walitti dhufuun guyyaa yaadannoo FDG Sadaasa 12 bara 2011 sirna ho’aan kabajjannee jirra. Guyyaa kana haalli ergamtoota diinaa fi lukkeeleen sabboontota bakka tokkotti wal gahanii yoo suufaa oolan illee qindoomninaa fi jabina Qeerroo bilisummaa Oromoo irraan kan ka’een akka barbaachisaa tahetti sirna kana kabajachuu danda’amee jira.

Sirna kana irratti sabboontoti shammarran Oromoo faaruu alabaan yeroo sina kana yoggaa banan sabboontoti bakka sanatti argaman hedduun bo’ichaa fi iyya akkasumas dhadannoo injifannoo ummata Oromoof! Barabaraan gabrummaa bannee hin teenyu! WBOn goota keenya! ABOn haajiraatu! Gadaan gadaa bilisummaati! Kan jedhuu fi waanneen kana fakkaataniin tokkummaan sagalee dhageessisaa turuun beekamee jira.

Kabjaa sirna kanaa irratti shaamaan gootota wareegamaniif erga qabsiifameen booda haala ummata keenyaa fi qabsoo Qeerroon bilisummaa biyya keessaa gaggeessaa turan eessa irraa gara kamitti kan jedhu wal duraa duubaan ka’ee dubbatamee jira. Erga haasaa fi mareen ta’ee booda ejjennoo qabsoo keenya itti fufnaa fi dhaaba keenya ABO ni degerra qajelfama isaa hamma wareegamaatti bakka geenya. Sochii dargaggoota Oromoo(Qeerroo) hanga kaayyoon keenya bakka gahutti itti fufna. Golee Oromiyaa hunda keessatti araddaalee fi onoota hundattiWayyanee fi jalee isii rakkoo itti taanee akka injifannu murteeffannee jirra kan  jedhu fudhachuun nagaa fi milkiin xumuramee jira.

Qabsoon itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!

Raayyaa Qeerroo Bilisummaa

Qeerroon Bilisummaa akka Oromoon bilisoomuuf karaa maraan tattaaffii gochaa jira; dhugaa keenya mirkaneeffachuuf karaa mara hojjachuun barbaachisaa dha.

"Nuti, Qeerroon Oromoo, seenaa wareegama qabsaa’ota Bilisummaa Oromoo haga yoonaatti galmeeffameef bakka guddaa kennaa, nutis akka dhaloota haaraatti wareegama bilisummaa baasuuf kaanee jirra."

Dhaamsa Qeerroo Bilisummaa

Qabsoon itti fufa! Garboonfataan ni kufa!!

Qeerroo nagaadhaa ?

Hi,
Nagaan haa dursu!
Dhalooti keenya akka dheebuu bilisummaan gubataa jiru kanatti, egereen dhaloota keenyaas hiree akkanaan akka dhaalamu hayyamuu hin qabnu. Nuti, kufnee lattuu egereef xurree banuu qabna, Dhugaadha, dhalooti kamuu hirkattuu dhaloota darbee akka ta’u namuu hin hawwu ta’a. Ammoo, kan har’a hin facaafne egere haamuun rakkisaa dha; kana biraan waanti facaasanis kan egere waan gaarii baasu ta’uu isaa mirkaneeffachuun nurraa eegama.

Bakka jirrutti dhallota imaanaa nyaatu otuu hin taane dhaloota imaanaa baasu ta’uunn dirqama lammummaa ti.
Haa qabsoofnu, ni bilisoomna!!

"Nuti, Qeerroon Oromoo, seenaa wareegama qabsaa’ota Bilisummaa Oromoo haga yoonaatti galmeeffameef bakka guddaa kennaa, nutis akka dhaloota haaraatti wareegama bilisummaa baasuuf kaanee jirra."

Dhaamsa Qeerroo Bilisummaa

Qabsoon itti fufa! Garboonfataan ni kufa!!