Ergamee Bultooti( OPDO)n Lafa Kaare Meetira 300,000 Albuuuda Qaqqaalii Qabu TPLF Itti Gurgurre Jedhan.

 

Gabaasa Qeerroo Ambo irraa Hagayya 26,2011

Godina Shawaa Lixaattii Lafaa qaabeenyaa uumamaa kanneen akka warqee,Amoolee,dhagaawwaan ijaarsaaf olaan kanneen akka dhagaa sanqallee,Ibinana baradii fi Albuudaa adda addaatiin kan baadhaatee ”Nyaamar” Onotaa Midaa Qaanyii,Amboo,Ilfataa,Gindabaratii ,fi Godina Horroo Guduruu Wallaaggaa gidduutti kan argamuu amaa Maqaa ”Amboo nyaamar” jedhuu OPDO’n itti moggaastee karee metiraa[300,000]ol kan ta’uu maqaa investimentiin mootummaan naannoo Oromiyaa jedhamee kan diinaan moggaafame OPDO’n abootii qabeenyaa qondaaltotaa mootummaa Wayyaneetti qarshii biliyoona 4 [afuri] olin gurguraa jiraachuun ibsame,Galiin lafaa kanaa irraa argamuus ta’ee gurgurtaan isaas irraa guddeessi isaa mootummaa Feederalaaf kan galu ta’uun isaa fi ajaji TPLF irraa OPDOtti kennamuun saaxilamee jira.

Qaabeenyaa uumama Oromiyaa samsisuun amala fi hojii ergamee bulaa OPDO waan ta’eef ilmaan Oromoo qabeenyaa isaa kan baadhaasa uumamaan qabu kan dhaloota boriif abdii ta’ee utuu ilaalluu diinni saammuu akka hin qabne maadheeleen Qeerroo Oromiyaa jiran godinoota hundatti wareega kafaluun akka dura dhaabatan beeksisanii jiru.

Kana malees sabboontotiin onoota olitti tuqamanii qabeenyi Oromiyaa naanoo isaaniitti argamu akka salphaatti diinatti gurguramee saamamuun haalaan waan isaan yaachiseef akka dura dhaabbatanii fi Oromoon biyya keessaa fi alaas samamuu Oromiyaa irratti damaqiinsaan ka’ee akka diina harkaa buusuuf waamicha godhanii jiru.

Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!