Gabaasaa Qeerroo Finfinnee, Adoolessa 29,2011
Yeroo ammaaYuunivarsitii Maqaleetti Muummee (Department) Afaan Oromoo banametti dabballoonni dhaabbata ergamee bulaa Waayyaanee (OPDO )akka waan habashootni Afaan Oromoo guddisuu fi aantummaa Oromoof godhaniitti faarsaa turuun isaanii beekamaadha. OPDOn waan garaa isaaniif ta’u argannaan ija ittiin haxxummaa waayyaanee argan hin qabani. Akka Dr.Nagaasoo Gidaadaa erga isaan waan garaa isaanii irraan isa gahinii booda booda arguu akka dandayan beekamaa dha. Department afaan Oromoo University Maqaleetti kan baname kallattiin ilmaam Tigraay tahan afaan Oromoon leenjisee bakkoota hojii jajjaboo Oromiyaa keessaa fi gaafatama caasaalee OPDO hunda qabaatanii akka hojjetan taasisuuf ifatti akka saganteeffame beekamu. Ammaan dura absahoota afaan Oromoon leenjifamanii caasaa OPDO keessatti ramadaman 80% akka tahan gaabsi gola Wayyaanee ni addeessa ture. Yeroo ammaa kanas caalaatti dargaggoota Tigraay afaan Oromoon leenjisuun akeeka bittaa alagaa ittiin mirkaneessuuf tahuu ni beeksisa.
Ammaan duraMallas Zeenaawwii Muummee(Department)Afaan Oromoo yeroo deemee Yuunivarsitii Maqalee keessatti akka banamu eebbisetti,Hoganoota OPDO keessaa Juneid Saddoo Adaamaatti barattootaan dhimma kana irratti gaafatamnaan,”Dargaggoonni Tigraay afaan Oromoo barachuun guddina Oromomiyaaf gargaara,namni kana morme ammoo akka goolessituutti yakkama ykn ilaama” jedhee barattoota Oromoo doorsisaa ture. Jundein waan sagantaa TPLF yeroo dheeraaf Oromoo fi Oromiyaa irratti qaban bakka gahuuf siidaa tahe waan taheef kana jechuu ni dandaya,ammoo akeeki Wayyaanee beektotaa fi barattoota Oromoo tahan qeerroolee biyyaa arihaa kaaniin hidhaatti galchaa kaaniin ammoo bakka bu’an wallalchisaa duula Oromoo fi Oromiyaa balleessuu irra akka jiran beekamu. Abbootiin Qabeenya Oromiyaa keessaa yeroo har’aa Abashootaa fi Tigroota taha jiru,qabeenyi mootummaa Tigroota itti gurguramee abbootii Qabeenya Oromiyaa keessaa taha jiru,jarri kun ilmaan isaanii afaan Oromoo barsiifataa bittaa fi dhuunfata qabeenyaan Oromiyaatti duulaa waan jiraniif dargaggoonnii fi ummanni Oromoo yeroo mara kana irratti akka qabsaayee hojjetu barbaachisaa tahuu namoonni baayyee ni dubbatu.
Hogganoonni OPDO fi dabballooti isaanii yeroo ammaatti sababoota adda addaan malaamaltummaa fi gunaa nyaattan jechuun hojii irraa arihamaa jiru,bakka isaaniis kan bu’ee Oromiyaaf ramadamu dhalootaan Abashoota afaan Oromoo baratan tahuun beekamaa dha.Warri OPDO kana ifii isaanii irratti dammaquuf amma illee yeroo irraa fudhataa akka jiru taajjabdooti Oromoo ni ibsu.
Yeroo ammaa akka fakkeenyaatti wajjiraalee Oromiyaa irraa hoogantoota OPDO nama 160 ol ta’an maqaa malaammaltummaa fi kiraayi sassaabdummaatiin(rent seeking) kaan hojii irraa ari’uun, kaan mana hidhaa galchuun, kaan muudama irraa kaasuun hojjetaa gadi aanaa gochuun, kaan gara godinaa, aanaa fi gandaatti gadi buusuunii fi kan kana fakkatu gochuun bakka isaanii Tigiroota haala olitti caqasameen Yunaivarsitii maqaleetti Afaan Oromoo leenji’anii qophaa’an kan gara nama 200 ol ta’an waajjjiraalee magaalaawwan gurguddoo fi bulchiinsota addaa kan akka Godina addaa Oromiyaa naannoo Finfinnee irra muudama Olaanaa fi miindaa gurguddaadhaan irra naquun isaa beekamaadha. Keessumaa bakki Tigirooti haala kanaan Afaan leenji’anii irra kaa’aman immoo waajjiraalee bakka furtuu ta’an kan akka Biiroo Bulchiinsa Lafaa, Biroo Galiiwwanii,Waajjira Ministeera Dhimma Alaa, Barnoota, Invastmantii, kkf dha.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!