NAAF HIN QOORU MADAANKOO


Gurmeessaa Inkoosaa 10:57am Jun 4

NAAF HIN QOORU MADAANKOO…………………..
Yeroo darbituuf jedhee hin hojjedhu waan yaraa
Seenaadhaafan hojjedhaa natti haa afu kan garaa
Dhugaa lafatti dhiitee an hin filadhu dharaa
Har’a yoon iddoo dhabes galmeen seenaa na bara.
Kan namaa harkaa saamee hin ballisu kalookoo.
Faayidaa har’aaf jedhee hin salphisu haadhookoo.
Imimmaan sabaa dhugee anoo hin ba’u dheebuukoo
Adaraa namaa nyaannaan naaf hincoomu garaankoo
Utuu kun hundi jiruu naaf hin qooru madaankoo

View Post on Facebook · Edit Email Settings · Reply to this email to add a comment.

Haraamuun Lammii Nyaattu,Nu keessaa haa dhabamtu!

(Oduu Qeerroo, Adaamaa, 04/06/2011) Wayyaanee TPLFf lukkee tahanii lammii isaanii, foon citaa dhiga isaanii kanneen nyaachaa jiran namoonni dhalootaan Oromoo tahanii fi kanneen dhiigaan lammii Oromoo hin tanee biyya Oromiyaa keessatti  dhalatan amma illee gochaa lubbuu abbaa irree dheeressutti akka jiran ibsame.

Dhiyoo kana barattoota University Adaamaa keessatti sadrakaa duraatti Wayyaanee waliin tahuun barattoota Oromoo 1500 ol tahan summiif saaxilaman waan dhimmi kun akka qulqullaa’uuf gaafataniif akka hidhaman kan godhan, lukkee abbaa irree ti.

Lukkeeleen kunneen sirna abbaa irree waliin walta’anii barattoota mirga falmatnaa irraa dhaabuuf tarkaanfii jibbisiisaa lammii isaanii irratti fudhataa akka jiran lukkeeleen diinaa barattoota University Adaamaa baratan biratti saxilamanii jiru

“Kanneen kun akka Adaamaa keessatti saaxilaman biyyya Oromiyaa fi addunyaa keessa kanneen jiran sabboontota Oromoo birattis saaxilamuun dirqii waan taheef maqaa isaanii tarreessinee jirra,” kan jedhe Qeerroon Adaamaa, ” haalli kun garuu akka gocha jibbamaa kana irraa deebi’aniif dhaamsa darbee dha,” jedhee jira.

“Jarreen kun yeroo adda addaatti  sabboontotaan gorsi kennameefii ture; ‘yoo nu gargaaruu dadhabdan nu dura hin dhaabatiinaa jennee turre’ ammoo saba Oromoo tuffachuu fi Oromoon akka saba gadoo taheetti deebii nuu kennaa turan,” jedhu Qeerroon Addamaa.

Jarri diinaaf lukkee fi ergamtuu tahanii lammii foon isaanii Oromoo irratti gochaan hammeenyaa akkasii raawwachuu irraa akka dhaabbatanis jabeessinee kan beeksisnu yoo ta’u, yoo didanii gocha hammeenyaan guutame kanatti fufan garuu maqaa isaan akkuma baasne kanatti suuraalee isaanii illee kan maxxansinu ta’uu jabeessinee dhaammannna” jedhanii jiru.

Lukkeeleen kunneen gochaan hammeenyaan guutame kan isaan diina waliin ta’anii barattoota irraan gahaa jiran, maqaa fi suuraan isaanii akka akan beeksise, gocha kana irraa yoo deebi’aniif jecha  Qeerroon yeroof maqaa isaanii callaa kan maxxanse yoo ta’u, yoo didanii diinummaa isaanii itti fufan garuu akkuma sirna abbaa irree sanatti waan isaaniif malu akka argatan hubachiisee jira.

1,Tadase Dhuguma

2,Amsalu Abbosee

3,Akililuu………….

4,Faris Kadir

5,Lataa Yaadata

6, Mootii……. dha.

Barattooti 286 waggaa lamaaf Adabaman

(Oduu Qeerroo, Amboo, 03 Waxabajjii 2011) Godina Shawaa Lixaa aanaa Calliyaa Mana Barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa keessaa barattooti  badii tokkoo malee  adabaman.

Akka gabaasa Qeerrootti barattonnii kutaa 9ffaa fi kutaa 11ffaa barachaa turan 286 [dhibbaa lamaaf
saddettamii ja’aa] barnoota idilee isaanii irraa waaggaa lamaaf [2] ugguramanii jiru.

Sababni barattooti kunneen itti aryatamanis, Oromummaa ta’uu kan ibse Qeerroon, “Barattoonnii kunneen badii godhanii utuu hin tanee mootummaa abbaa irree wayyaanee fi sirna bittaa isaaf hin bitamnu,”  jedhee jira.

Keessaayyuu, kanneen gaaffii mirgaa gaafatan haala adda ta’een hidhuu fi adabuun Oromiyaa keessatti hammaataa jiraachuu kan ibse Qeerroon, “miidhaa fi roorroon kun immoo gaaffiin Qeerroo qajeelaa fi sirrii ta’uu kan mirkaneessuu fi haalli kunis Qeerroon akka daran hidhatee qabsaa’u kan jabeessu malee boodatti  deebisu hin ta’u,” jedhee jira.

Qeerroon tokkos yaada gabaasaa kanaaf kenneen, “Bakka hundatti kanneen maaliif  ilmaan Oromoo badii tokkoo malee hidhamuu? Maaliif sabboontota Oromoo dhugaa Oromummaa fi dimookiraasii haqaaf qabsaa’an naannoo jireenyaa irraa arii’atuu? fi hiitanii dararsituu?’ jedhanii  gaafatan hidhamaa fi hiraarsamaa jiru.

“Haallen kunneen sirni Wayyaanee Oromoo irraa jibba guddaa akka qabu mul’isa. Mootummaan kun Oromoo balleessuuf hidhatee kan hojjatu waan ta’eef bakka geenye maratti diddaa fi fincila keenya jabeessinee ofirraa jkaasuu qabna,” jedhee jira.

Kanneen gaaffii haqaa fi mirgaa gaafatan bakka iyyuutti hidhuu fi hiraarsuun garuu mallattoo sirna sabaaf hin yaadnee waan ta’eef, dhalooti keenya sirna akka sabaatti nu diineffate kanatti duulee buqqisuu akka qabus dhaamamee jira.

Haalumaa wal fakkaatuun barattonnii mana barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa fi qopha’iinaa kutaa 12ffaa fi 10ffaa barachaa turan kan baay’inni isaanii 15 ol ta’an qormaata biyyooleessaa bara kana [2003] akkaa hin qoramnee dhorkamanii jiru.

Gochaan hammeenyaa mootummaa garboomfataa wayyaaneetiin ilmaan Oromoo irrattii dalagamaa jiruu kaayyoo keenyaa daran safisiisa malee duubattii kan isaan hin deebisnee ta’uu sabboontonnii Oromoo Godina lixaa shawaa aanaa Calliiyaa cimsanii dhaammataniru.

Jidduu Galeessa Oromiyaatti Qoteebulaan Oromoo Lafa Keenya hin dhaalchisnu jechuun FDG Kaase.

(Odeessa Qeerroo, Adaamaa, Waxabajjii 03, 2011) Oromiyaa Jiddu galeessa, naannoo Aanaa Boosat gandoota akka Dongorree ,Moomee, bakka jedhamanitti qotee bultoota Oromoo akaakiliin lafa irratti jiraatanii wal horan irraa mootummaan TPLF buqisee gurguraa jiraachuun beekame. Oromoonni lafa keenya dabarsinee oromaaf hin dhaalchifnu jechuun FDG gaggeessaa akka jiran naannoo Aanaa Bosaati irraa gabaafame.

Haaluma kanaan qotee bultoota fincila gaggeesitan, lafa mootummaan gadi dhiisaa isiniin jedhe irraa buqa’uuf fedhii hin qabdan jechuun mootummaan TPLF qoteebultoota hedduu gara mana hidhaatti guuraa akka jiran maddeen gabaasu .

Kanatti dabaluun qoteebulaa naannoo aanaa san keessa jiraatuuf  ajaji qondaaloti Wayyaanee dabarsan keessaa tokko qoteebulaan lafa isaa irraa buqa’e keessaa namni tokko illee deebi’ee lafa san kiyya jedheen qotachuuf dhufnaan gaaffii tokkoon malee rasaasaan akka ajjeefamuu danda’an ajaja dabarsee jira.
Warra lafa keenya hin kenninu jedhamanii hidhaman keessaa hammi tokko maqaan isaanii:-

1. Obbo Daaccoo Baqqalaa
2.Obbo Zawudee Kabbadaa
3.Obbo Alamaayyoo Kabbadaa

Warri kunii fi qotee bulutoonni hedduun hanga ammaatti mana hidhaa keessatti dararamaa akka jiran qeerroon gabaasee jira.


FDG Itti fufe, Barattooti University Arbaaminc Heddumminaan Hidhaa Jiru.


(Oduu Qeerroo, Arbaa Minci, 03 Waxabajjii 2011
) Ebala 14,2011 sochiin dargaggoota biyyoolessaa Oromiya keessatti erga warraaqsa qabsiisee,barattooti Oromoo keessaafuu Universitylee adda addaa baratan mirga ummata isaaniif jecha gaaffii mirgaa gaafachuu irraa hin dhaabbanne. Ummata Oromoo fi saboota Ethiopia haalaan gabrummaa akkaanii keessa galanii jiraniif sagalee tahuun gaaffiin dargaggooti (Qeerroon) gaafataniif deebiin mootummaa Wayyaanee irraa kennamaa jiru, reebicha,Hidhaa,ajjeechaa,rasaasaan waxaluu fi biyyaa arihuun isa hangafa.

University Miizaan Teeppiitti barattoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafattan jechuun 1400 rasaasaan waadamanii yeroo har’aa kana gariin hosptala gariin ammoo bakka isaan itti waldhanamaa jiran hin beekamu,sana irra darbee University lee Haromaayaa,Jimmaa,Arbaminci,Adaamaa,Hawaasaa,Wallaggaa,Ambo,Finfinnee fi kanneen kaan keessaa barattoota  reebuun kaaniin dorsisaan arihanii heddumminaan kanneen qaroo fi booru abdii biyyaa jedhaman mana hidhatti geeffamanii har’a bakka jiran hin beekaman,

Dhihoo University Adaamaa itti fufa Miizaan Teeppiif gaaffii mirgaa Qeerroon gaafataniif deebiin summii nyaachisuuf heddumminni hosptala akka galanii fi kaanis sababa kanaan akka qaamaa hirdhatan tahee jira. Kanumaan wal qabatee University Arbaminc keessatti Waxabajjii 01,2011 barattooti Oromoo gaaffii mirgaa gaafataniif humni waraana Federaalaa mooraa seene heddumminaan miidhaa qamaa jabaa irraan gahe,doormii ciisan keessatti dhukaasa aaraa kan nama ukkaamsu itti dhukaasuun barattooti bakka ukkamananii kufanii guuruun konkolaataa 4 fi xiqqaa tokkotti yaabisisuun hanga har’aa bakka buusan hin beekamu.

Barattooti Arbaminci hangamuu namni irraa hidhamu gaaffii mirgaa isaanii hin dhabne,ammos gaafuma Waxabajjii 01,2011 qondaaloti Wayyaanee fi ergamtooti isaanii nyaata duraan bultii sadiif irraa dhaabanii turan deebisanii dhiheessuun barattoota hirbaataaf argaman dhangaa summaayyee nyaachisan,Qeerroon biyyaa namni 455 battala summayanii kufan, kanneen haalaan miidhamanii hosptala olaanaa barbaadanis nama 75 tahan.

Barattooti summii kana irraa hafan kaan itti fufuun gaaffii mirgaa fi sababa summii nyaachifamaniif yeroo gaafachuuf wal gurmeessan reebichi Hidhaa fi dorsisi itti hammaate, Kanneen Waxabajii gaafa duraa heddumminaan fuudhanii deemaniin ala guyyaa har’aa Waxabajjii 03,2011 barattoota dargaggoo qindeessitu jedhanii reebichaan fuudhanii deeman keessaa,

1, Barataa Morkaa 3rd yer barataa Hydrologist
2, Barataa Abaabu  Dibabaa 3rd yer physics
3,Barataa Milyoon 3rd yer Management

Warri baratan keessatti argamu. Barattooti Oromoo Ebala 14,2011 irraa kaasee hanga har’aatti kanneen Arbaminci irraa hidhaman bakka isaan geeffamanii fi jiran namni beeku hin jiru.

Kanuma waliin wal qabatee University Arbaminc irraa ammaan dura baratee kan xumure,ergamaan TPLF akka sochii dargaggootaa basaasee gabaasuf mooraa keessatti ramadamee gochaan fi sochiilee barattootaa Wayyaanotaaf gabaasaa kan jiru nama Gosaa Tulluu jedhamu dha. Ergamticha TPLF kana yeroo adda addaatti “nu dhiisi,lammiin lammii hin nyaatu,haraamuu hin tahini” jedhanii qeerroon gaafannaan hanga ammaa barattoota qabsiisuu fi dorsisuu irraa hin dhaabbatiin jira.

Gabaasa Qeerroo Arbaminci

የአርባ ምንጭ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎች ትምህርት አቆሙ

(ቄሮ – የኦሮሞ ወጣቶች, አርባ ምንጭ, 01/06/2011) በደቡብ ክልል ከአዲስ አበባ በ500 ኪሎ ሜትር ርቀት የሚገኘው የአርባ ምንጭ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎች  በተማሪዎች መመገቢያ አዳራሽ ውስጥ የተመገቡ 450 ያህል ተማሪዎች በጠና ታመሙ፡ተማሪዎች ባስነሱት ተቃውሞ ከፖሊስ ጋር መጋጨታቸውንና ግቢው በፖሊስ ጥበቃ ሥር መዋሉና፣ ከግንቦት 22 ቀን 2003 ዓ.ም. ጀምሮ ትምህርት ማቆማቸውን ተማሪዎች  ገለጹ፡፡

የተማሪዎቹ ተቃውሞ  ያሳሰበው ዩኒቨርሲቲው ለአካባቢ ፖሊስ ደውሎ ኃይል እንዲመጣ በማድረግ ፖሊሶች ቢደርሱም፣ ሊቋቋሙት እንደማይችሉ በመታወቁ የፌዴራል ፖሊስ ደርሶ የተማሪዎቹ ተቃውሞ  ከግቢው እንዳይወጣ መቆጣጠር መቻሉን አስታውቀዋል፡፡

ከግንቦት 22 እስከ ትናንትና ምሽት ድረስ ምግብም ሆነ ውኃ ሳያገኙ መቆየታቸውን ተማሪዎቹ ጠቁመዋል፡፡

በዩኒቨርሲቲው የሚገኙ የቄሮ ምንጮች እንደገለጹት፣ ተማሪዎቹ ምሳ ከበሉ በኋላ  መታመም ጀመሩ፡፡ የሕመሙ ምልክቶች ራስ ምታት፣ ቁርጠትና ራስን እየሳቱ መውደቅ ሲሆኑ፣ በሁሉም ታማሚ ተማሪዎች ላይ ተመሳሳይ ምልክቶች ታይተዋል፡፡

በተማሪዎቹ እንቅስቃሴ ምክንያት ፌዴራል ፖሊስ ረብሻውን ለማስቆም በተከታታይ በሚተኩስበት ወቅት ራሳቸውን የሳቱ ተማሪዎች ወደ ጤና ጣቢያ መወሰዳቸውን፣ ሁለት ቀን ሙሉ ምግብ ያላገኙት ተማሪዎች ረብሻውን አባብሰዋል የተባሉ መታሰራቸውንም ተማሪዎቹ ገልጸዋል፡፡

ተማሪዎቹ ከግቢ ለመውጣት ከፖሊስ ጋር በፈጠሩት ግብግብ ለፖሊስ ቆመጥ መዳረጋቸውን የዓይን እማኞች ገልጸዋል፡፡ በግቢው ውስጥ የነበሩ የተሸከርካሪዎች መስታወት በድንጋይ ተሰባብረዋል፡፡

Nama karaa

karaan kuni dheeraa
karaan kuni seeraa
namni karaa kuni
hineegne barfata
subii lafaa ka’ee
haalaan dhimma ba’uuf
haajuuf ariifata
Namni karaa kuni
otuu dararamuu
                      seexaaf hiraaramuu
                         akka duujee namaa
                               hinrafne ganamaa
                                             miilasaa butachuuf
                                           obboroon suksuka
                                            obboroon tuktuka
                               lafa barii duukaa

“Birmannaa Barbaanna…Oromoon nu dhaqaba jedhu Barattooti University Arbaa Minci”

(Oduu Qeerroo, Arbaa Minci, 01 Waxabajjii 2011) Barattoota Yunivarsitii Arbaa Minci nyaata summaa’een miidhaman amma illee tajaajila malchiisu dhabanii rakkachaa wayita jiranitti, kanneen dhimma summaa’ina nyaataa san irratti gaaffii kaasan immoo daranuu akka hiraarfamaa jiran beekame.

Akka Odeessa Qeerroo Arbaa Minci  irraa argametti, barattooti wayita gaaffii gaafatanitti aara nama boochisu itti dhukaasuun barattoota hedduu miidhanii jiru.

Yeroo ammaa kanattis barattooti afur hedduu kan miidhaman yoo ta’u, kanneenis tajaajila wal’aansaa hin argatiin jiran.

Qeerroon dhimma kanairratti kanneen haasofsiise akka ibsanitti, haallii mooraa keessa jiru hedduu yaaddessaa dha. “ Erga nyaati keenya summaa’ee eegalee waa nyaachaa hin jirru; mooraa irraa immoo bahuu hin dandeenye. Amma hedduu miidhaan nurra gahaa jira. Dhimma keenya illee nmani nuuf dhagayaa hin jiru,” jedhanii jiru.

Barattooti akka mooraa irraa hin baaneefis shira wayyaaneen xaxxe yeroo ibsan, “Wayyaaneen mooraa keessatti nayaata summaa’een nu fixaa jirti. Akka mooraa keessaa hin bane immoo humna ittiseen nu eegaa jirti. Yoo karaa arganne illee bahuu hin dandeenyu.  Akka hin baaneef, ‘barattooti kunneen ergamtoota diinaa misooma keessan balleessanii dha,’ waan ittiin jetteef hawaasti naannoo ija shakkiitiin nu eegaa jira,” jedhee jira.

Wayyaaneen akka barattooti mooraa keessaa gad hin bane ittisaa kan jirtu yoo ta’u, kanneen karaa bahan argatanis akka karaa hin darbineef ummata naannoo irratti kakaaftee akka jirtu beekamee jira.

Wayyaaneen kanaan duras mooraa Yunivarsitii Miizaan Teeppii,  kan Adaamaa fi kan Haromayaa haaluma walfakkaatuun kan dararaa jirtu yoo ta’u, akka odeessi gad hin baaneef immoo sarara  bilbilaa fi kan intarneetii dhiphisuu, xiqqeessuu fi suutessuun dadhabsiisaa jirti.

Mooraa Yunivarsitii Arbaa Minci kana keessaa kana duras barataa sociology and Social anthropology  kan tae, Seenaa Mararaa humnoota tikaa wayyaaneen ukkaamsamee achi buuteen isaa haga yoonaatti akka hin beekamne ifaa dha.

Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe,Wallaga Keessa Magaalota adda addatti Alabaan ABO Fannifame.

(Oduu Qeerroo, Najjoo, Waxabajjii 01, 2011) Wallagga keessa FDG itti fufee naannoo Najjoo, Jaarsoo fi Baabboo jedhamanitti fincilli haala jabaan itti fufee jira,ummanni naannoo kanaas nu gahe gabrummaan jechuun meeshaa malee Wayyaanee soda guddaa itti naqanii jiraachuun qeerroon gabaasa.

Akka kanaan Oromiyaa Dhiyaa, magaalaa Najjoo gandoota 01,02,03 fi 04 jedhaman keessatti sochiin dargaggoota Oromoo(Qeerroo)n durfamu jiraattota magaalaa Najjoo dabalachuun gaafa Caamsaa 23,2011 FDG gaggeessuun beekame.

Fincila kana irratti magaalaa Najjoo kallattii hundaanuu dargaggoonni Oromoo ka’uun bakkoota buufata waajjiroota Wayyaanee irraa alaabaa mallattoo gabromfataa Wayyaanee bakka fannifamee gadi buusuun kan mallattoo qabsoo fi alaabaa ummata Oromoo biratti jaallatamaa tahe kan ABO fannisuun guyyaa tokkoof magaalittii kallattii hundaanuu keessatti balaliisaa oolaniiru.

Guyyuma kana sochii kanatti kan rifatte bulchiinsi Wayyaanee waraana polisii federaalaa yaamuun ummata naannoo san irraa reebichaan bitimsuu yaalii goddaa godhan.Sana malees haala kana qabaneessuu fi ummata dagachiisuuf jecha,waayee ittis laga Abbayyaa irratti ummata degertoota Wayyaanee tahan hiriira magaalaa Najjootti baasuuf yaalii gooteen ummati hiriira san bahe sirboota Ebbisaa Aduunyaa sirbuu fi WBO fi ABO faarfachuun KA’I QEERROO!! Ilmaan biyyaa !! jedhanii sirbaa Wayyaanee qaanessanii deebisuun isaanii beekamee jira.

Sirboota guyyaa sanii fi sochii guyyaa gaafasii rakkoo Network mootummaan naannoo Wallaggaa fi naannolee Oromiyaa kaan irraa hanga ammaatti kutee jiruun yeroon gabaasuu hin dandeenye ture.

Kanatti dabalee Anaan Jaarsoo keessa bakka waajira bulchiisa Wayyaanee keessatti sochiin Qeerroon Oromiyaan durfamu gaafa Caamsaa 28,2011 alaabaa mallattoo gabroomfataa buusuun alaabaa ABO waajjira bulchiinsaatti fannisanuun beekame.

Alabaa  ABO bulchiinsa magaalittiitii fannifamee yeroo dheeraaf ture kana buusuuf sodaatamee waraanni Federaalaa guyyaa lammaffaatti dhufee akka hiiku godhame,soda kana irraas kan ka’e Wayyaneen dargaggoota naannoo fi  jiraattota aanaa sanii hedduu mana hidhaatti geessee akka jirtuuf fi fincilichi hanga ammaas qabanaawee akka hin jirre Qeerroon aanaa sanii gabaasu. Sochiilee naannoo sanaas hir’inoota quunamtiin yeroo yeroon gabaasuu fi kallattiin gabaasuun rakkoo tokko tahee jira.

Kana malees Wallaguma aanaa Baabbootti, guyyuma kana ummata karoora laga Abbayyaa cufuu akka nu degertan jedhuun homnaan ganda irra yaatee hiriira kan baafte dabballoonni Wayyaanee ofii qaanoftee magaala gadhiisuun baqatte.

Ummati guyyaa kana hiriira bahamuuf yaamame ABO fi WBO akkasumas sirboota qabsoo Oromoo faarsan sirbuun gara bulchiisa magaalaa deemee alaabaa Wayyaanotaa buusee morma Sareetti hidhanii magaalaa keessa gadhiisuun beekame, bakka alaabaa gabromfataa bu’e san alaabaa Oromoo kan mallattoon odaaa,urjiin qarri shanii,kuula irraa jalaan diimaa fi walakkaan magariisa fannisuun guyyaa lamaaf bakka sanii kan buusu dhibee oolee bulee injifannoon ummataan fincilichi hanga ammaa itti fufee jira.Aanuma kana keessaa ummata hedduu akka hidha jirtus Qeerroon gabaasanii jiru.

Walumaa gala sochiilee Oromiyaa keessa jiran guutuu akka hin gabaafamneef jecha daandiilee walquunamtii hawaasaa fi humnoota ibsaa waan guutummaatti ciramee jiruuf akka barbaachisee fi yeroo barbaachisaa tahetti dhiheessuu dhabuun ni jira.

Qabsoon itti fufa !  Gabroomsaan ni kufa!!