(Oduu Qeerroo, Adaamaa, Waxabajjii 15,2011)Guyyaa Kaleessaa Waxabajjii 14,2011 Ergamtichi TPLF mooraa University Adamaa keessa naannoo barattooti baratanii fi doormii ciisicha barattootaa irra deemee barattoota Oromoo akka doorsisaa turee fi kanneen ergamtoota isaa tahan ammoo if jala hiriirsee waldaa tokkoma Oromiyaa ijaarra jedheen maqaa isaanii galmeessaa akka ture beekame.
Ergamtichi TPLF kun bara 2005 irraa eegalee barattoota Oromoo ajjeesisuu fi hiisisuu akkasumas biyyaa ariisisuu kaaniin hojii dhablee taasisuutti qooda inni Wayyaanootaaf kenne himamee hin dhumu,saba Oromoo fi barattoota Oromoo birattis seenaa xuraayaa fi fokkotaa qaba.
Yeroo ammaa kanas gochaan isaa itti fufee barattoota Oromoo adda addaa qooduuf jecha guyyaa kaleessaa list warra miseensa OPDO tahan galmeeffatee barattoota Oromoo kanneen hafan keessaa bahanii doormiin qofaatti akka isaanii kennamuu fi tajaajjilli addaa akka isaaniif tahu ajaja dabarsee deemeee jira.
Yeroo kanattis barattooti gama tokkoon sodaatanii list inni galmeesse keessatti maqaa kennan nuti duunee banna malee dhiiga obbolaa keenyaa irra dhaabbannee waan ergamaan kun hambaa diinaa jalaa funaannee nuu kennuu hin goyyomnu jechuun Qeerrolee mooraa University Adaamaaf ibsanii jiru.
Namtichi kun barattoota maqaa tokkoomsaa Oromiyaa jedhuun goyyomsuu fi raatessuuf haayaalu malee dhimma saba Oromoo irratti barattooti Oromoo University baratan haaturuu kanneen yeroo ammaa mana barumsaa gadaanaa keessa jiranuu Junaddiiniif barnoota sabboonummaa kennuu kan dandayan malee isa irraa waan baratan takka illee akka hin jirre Qeerroon Adaamaa gabaasu.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!