Barattooti 286 waggaa lamaaf Adabaman

(Oduu Qeerroo, Amboo, 03 Waxabajjii 2011) Godina Shawaa Lixaa aanaa Calliyaa Mana Barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa keessaa barattooti  badii tokkoo malee  adabaman.

Akka gabaasa Qeerrootti barattonnii kutaa 9ffaa fi kutaa 11ffaa barachaa turan 286 [dhibbaa lamaaf
saddettamii ja’aa] barnoota idilee isaanii irraa waaggaa lamaaf [2] ugguramanii jiru.

Sababni barattooti kunneen itti aryatamanis, Oromummaa ta’uu kan ibse Qeerroon, “Barattoonnii kunneen badii godhanii utuu hin tanee mootummaa abbaa irree wayyaanee fi sirna bittaa isaaf hin bitamnu,”  jedhee jira.

Keessaayyuu, kanneen gaaffii mirgaa gaafatan haala adda ta’een hidhuu fi adabuun Oromiyaa keessatti hammaataa jiraachuu kan ibse Qeerroon, “miidhaa fi roorroon kun immoo gaaffiin Qeerroo qajeelaa fi sirrii ta’uu kan mirkaneessuu fi haalli kunis Qeerroon akka daran hidhatee qabsaa’u kan jabeessu malee boodatti  deebisu hin ta’u,” jedhee jira.

Qeerroon tokkos yaada gabaasaa kanaaf kenneen, “Bakka hundatti kanneen maaliif  ilmaan Oromoo badii tokkoo malee hidhamuu? Maaliif sabboontota Oromoo dhugaa Oromummaa fi dimookiraasii haqaaf qabsaa’an naannoo jireenyaa irraa arii’atuu? fi hiitanii dararsituu?’ jedhanii  gaafatan hidhamaa fi hiraarsamaa jiru.

“Haallen kunneen sirni Wayyaanee Oromoo irraa jibba guddaa akka qabu mul’isa. Mootummaan kun Oromoo balleessuuf hidhatee kan hojjatu waan ta’eef bakka geenye maratti diddaa fi fincila keenya jabeessinee ofirraa jkaasuu qabna,” jedhee jira.

Kanneen gaaffii haqaa fi mirgaa gaafatan bakka iyyuutti hidhuu fi hiraarsuun garuu mallattoo sirna sabaaf hin yaadnee waan ta’eef, dhalooti keenya sirna akka sabaatti nu diineffate kanatti duulee buqqisuu akka qabus dhaamamee jira.

Haalumaa wal fakkaatuun barattonnii mana barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa fi qopha’iinaa kutaa 12ffaa fi 10ffaa barachaa turan kan baay’inni isaanii 15 ol ta’an qormaata biyyooleessaa bara kana [2003] akkaa hin qoramnee dhorkamanii jiru.

Gochaan hammeenyaa mootummaa garboomfataa wayyaaneetiin ilmaan Oromoo irrattii dalagamaa jiruu kaayyoo keenyaa daran safisiisa malee duubattii kan isaan hin deebisnee ta’uu sabboontonnii Oromoo Godina lixaa shawaa aanaa Calliiyaa cimsanii dhaammataniru.

Jidduu Galeessa Oromiyaatti Qoteebulaan Oromoo Lafa Keenya hin dhaalchisnu jechuun FDG Kaase.

(Odeessa Qeerroo, Adaamaa, Waxabajjii 03, 2011) Oromiyaa Jiddu galeessa, naannoo Aanaa Boosat gandoota akka Dongorree ,Moomee, bakka jedhamanitti qotee bultoota Oromoo akaakiliin lafa irratti jiraatanii wal horan irraa mootummaan TPLF buqisee gurguraa jiraachuun beekame. Oromoonni lafa keenya dabarsinee oromaaf hin dhaalchifnu jechuun FDG gaggeessaa akka jiran naannoo Aanaa Bosaati irraa gabaafame.

Haaluma kanaan qotee bultoota fincila gaggeesitan, lafa mootummaan gadi dhiisaa isiniin jedhe irraa buqa’uuf fedhii hin qabdan jechuun mootummaan TPLF qoteebultoota hedduu gara mana hidhaatti guuraa akka jiran maddeen gabaasu .

Kanatti dabaluun qoteebulaa naannoo aanaa san keessa jiraatuuf  ajaji qondaaloti Wayyaanee dabarsan keessaa tokko qoteebulaan lafa isaa irraa buqa’e keessaa namni tokko illee deebi’ee lafa san kiyya jedheen qotachuuf dhufnaan gaaffii tokkoon malee rasaasaan akka ajjeefamuu danda’an ajaja dabarsee jira.
Warra lafa keenya hin kenninu jedhamanii hidhaman keessaa hammi tokko maqaan isaanii:-

1. Obbo Daaccoo Baqqalaa
2.Obbo Zawudee Kabbadaa
3.Obbo Alamaayyoo Kabbadaa

Warri kunii fi qotee bulutoonni hedduun hanga ammaatti mana hidhaa keessatti dararamaa akka jiran qeerroon gabaasee jira.


FDG Itti fufe, Barattooti University Arbaaminc Heddumminaan Hidhaa Jiru.


(Oduu Qeerroo, Arbaa Minci, 03 Waxabajjii 2011
) Ebala 14,2011 sochiin dargaggoota biyyoolessaa Oromiya keessatti erga warraaqsa qabsiisee,barattooti Oromoo keessaafuu Universitylee adda addaa baratan mirga ummata isaaniif jecha gaaffii mirgaa gaafachuu irraa hin dhaabbanne. Ummata Oromoo fi saboota Ethiopia haalaan gabrummaa akkaanii keessa galanii jiraniif sagalee tahuun gaaffiin dargaggooti (Qeerroon) gaafataniif deebiin mootummaa Wayyaanee irraa kennamaa jiru, reebicha,Hidhaa,ajjeechaa,rasaasaan waxaluu fi biyyaa arihuun isa hangafa.

University Miizaan Teeppiitti barattoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafattan jechuun 1400 rasaasaan waadamanii yeroo har’aa kana gariin hosptala gariin ammoo bakka isaan itti waldhanamaa jiran hin beekamu,sana irra darbee University lee Haromaayaa,Jimmaa,Arbaminci,Adaamaa,Hawaasaa,Wallaggaa,Ambo,Finfinnee fi kanneen kaan keessaa barattoota  reebuun kaaniin dorsisaan arihanii heddumminaan kanneen qaroo fi booru abdii biyyaa jedhaman mana hidhatti geeffamanii har’a bakka jiran hin beekaman,

Dhihoo University Adaamaa itti fufa Miizaan Teeppiif gaaffii mirgaa Qeerroon gaafataniif deebiin summii nyaachisuuf heddumminni hosptala akka galanii fi kaanis sababa kanaan akka qaamaa hirdhatan tahee jira. Kanumaan wal qabatee University Arbaminc keessatti Waxabajjii 01,2011 barattooti Oromoo gaaffii mirgaa gaafataniif humni waraana Federaalaa mooraa seene heddumminaan miidhaa qamaa jabaa irraan gahe,doormii ciisan keessatti dhukaasa aaraa kan nama ukkaamsu itti dhukaasuun barattooti bakka ukkamananii kufanii guuruun konkolaataa 4 fi xiqqaa tokkotti yaabisisuun hanga har’aa bakka buusan hin beekamu.

Barattooti Arbaminci hangamuu namni irraa hidhamu gaaffii mirgaa isaanii hin dhabne,ammos gaafuma Waxabajjii 01,2011 qondaaloti Wayyaanee fi ergamtooti isaanii nyaata duraan bultii sadiif irraa dhaabanii turan deebisanii dhiheessuun barattoota hirbaataaf argaman dhangaa summaayyee nyaachisan,Qeerroon biyyaa namni 455 battala summayanii kufan, kanneen haalaan miidhamanii hosptala olaanaa barbaadanis nama 75 tahan.

Barattooti summii kana irraa hafan kaan itti fufuun gaaffii mirgaa fi sababa summii nyaachifamaniif yeroo gaafachuuf wal gurmeessan reebichi Hidhaa fi dorsisi itti hammaate, Kanneen Waxabajii gaafa duraa heddumminaan fuudhanii deemaniin ala guyyaa har’aa Waxabajjii 03,2011 barattoota dargaggoo qindeessitu jedhanii reebichaan fuudhanii deeman keessaa,

1, Barataa Morkaa 3rd yer barataa Hydrologist
2, Barataa Abaabu  Dibabaa 3rd yer physics
3,Barataa Milyoon 3rd yer Management

Warri baratan keessatti argamu. Barattooti Oromoo Ebala 14,2011 irraa kaasee hanga har’aatti kanneen Arbaminci irraa hidhaman bakka isaan geeffamanii fi jiran namni beeku hin jiru.

Kanuma waliin wal qabatee University Arbaminc irraa ammaan dura baratee kan xumure,ergamaan TPLF akka sochii dargaggootaa basaasee gabaasuf mooraa keessatti ramadamee gochaan fi sochiilee barattootaa Wayyaanotaaf gabaasaa kan jiru nama Gosaa Tulluu jedhamu dha. Ergamticha TPLF kana yeroo adda addaatti “nu dhiisi,lammiin lammii hin nyaatu,haraamuu hin tahini” jedhanii qeerroon gaafannaan hanga ammaa barattoota qabsiisuu fi dorsisuu irraa hin dhaabbatiin jira.

Gabaasa Qeerroo Arbaminci