የአርባ ምንጭ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎች ትምህርት አቆሙ

(ቄሮ – የኦሮሞ ወጣቶች, አርባ ምንጭ, 01/06/2011) በደቡብ ክልል ከአዲስ አበባ በ500 ኪሎ ሜትር ርቀት የሚገኘው የአርባ ምንጭ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎች  በተማሪዎች መመገቢያ አዳራሽ ውስጥ የተመገቡ 450 ያህል ተማሪዎች በጠና ታመሙ፡ተማሪዎች ባስነሱት ተቃውሞ ከፖሊስ ጋር መጋጨታቸውንና ግቢው በፖሊስ ጥበቃ ሥር መዋሉና፣ ከግንቦት 22 ቀን 2003 ዓ.ም. ጀምሮ ትምህርት ማቆማቸውን ተማሪዎች  ገለጹ፡፡

የተማሪዎቹ ተቃውሞ  ያሳሰበው ዩኒቨርሲቲው ለአካባቢ ፖሊስ ደውሎ ኃይል እንዲመጣ በማድረግ ፖሊሶች ቢደርሱም፣ ሊቋቋሙት እንደማይችሉ በመታወቁ የፌዴራል ፖሊስ ደርሶ የተማሪዎቹ ተቃውሞ  ከግቢው እንዳይወጣ መቆጣጠር መቻሉን አስታውቀዋል፡፡

ከግንቦት 22 እስከ ትናንትና ምሽት ድረስ ምግብም ሆነ ውኃ ሳያገኙ መቆየታቸውን ተማሪዎቹ ጠቁመዋል፡፡

በዩኒቨርሲቲው የሚገኙ የቄሮ ምንጮች እንደገለጹት፣ ተማሪዎቹ ምሳ ከበሉ በኋላ  መታመም ጀመሩ፡፡ የሕመሙ ምልክቶች ራስ ምታት፣ ቁርጠትና ራስን እየሳቱ መውደቅ ሲሆኑ፣ በሁሉም ታማሚ ተማሪዎች ላይ ተመሳሳይ ምልክቶች ታይተዋል፡፡

በተማሪዎቹ እንቅስቃሴ ምክንያት ፌዴራል ፖሊስ ረብሻውን ለማስቆም በተከታታይ በሚተኩስበት ወቅት ራሳቸውን የሳቱ ተማሪዎች ወደ ጤና ጣቢያ መወሰዳቸውን፣ ሁለት ቀን ሙሉ ምግብ ያላገኙት ተማሪዎች ረብሻውን አባብሰዋል የተባሉ መታሰራቸውንም ተማሪዎቹ ገልጸዋል፡፡

ተማሪዎቹ ከግቢ ለመውጣት ከፖሊስ ጋር በፈጠሩት ግብግብ ለፖሊስ ቆመጥ መዳረጋቸውን የዓይን እማኞች ገልጸዋል፡፡ በግቢው ውስጥ የነበሩ የተሸከርካሪዎች መስታወት በድንጋይ ተሰባብረዋል፡፡

Nama karaa

karaan kuni dheeraa
karaan kuni seeraa
namni karaa kuni
hineegne barfata
subii lafaa ka’ee
haalaan dhimma ba’uuf
haajuuf ariifata
Namni karaa kuni
otuu dararamuu
                      seexaaf hiraaramuu
                         akka duujee namaa
                               hinrafne ganamaa
                                             miilasaa butachuuf
                                           obboroon suksuka
                                            obboroon tuktuka
                               lafa barii duukaa

“Birmannaa Barbaanna…Oromoon nu dhaqaba jedhu Barattooti University Arbaa Minci”

(Oduu Qeerroo, Arbaa Minci, 01 Waxabajjii 2011) Barattoota Yunivarsitii Arbaa Minci nyaata summaa’een miidhaman amma illee tajaajila malchiisu dhabanii rakkachaa wayita jiranitti, kanneen dhimma summaa’ina nyaataa san irratti gaaffii kaasan immoo daranuu akka hiraarfamaa jiran beekame.

Akka Odeessa Qeerroo Arbaa Minci  irraa argametti, barattooti wayita gaaffii gaafatanitti aara nama boochisu itti dhukaasuun barattoota hedduu miidhanii jiru.

Yeroo ammaa kanattis barattooti afur hedduu kan miidhaman yoo ta’u, kanneenis tajaajila wal’aansaa hin argatiin jiran.

Qeerroon dhimma kanairratti kanneen haasofsiise akka ibsanitti, haallii mooraa keessa jiru hedduu yaaddessaa dha. “ Erga nyaati keenya summaa’ee eegalee waa nyaachaa hin jirru; mooraa irraa immoo bahuu hin dandeenye. Amma hedduu miidhaan nurra gahaa jira. Dhimma keenya illee nmani nuuf dhagayaa hin jiru,” jedhanii jiru.

Barattooti akka mooraa irraa hin baaneefis shira wayyaaneen xaxxe yeroo ibsan, “Wayyaaneen mooraa keessatti nayaata summaa’een nu fixaa jirti. Akka mooraa keessaa hin bane immoo humna ittiseen nu eegaa jirti. Yoo karaa arganne illee bahuu hin dandeenyu.  Akka hin baaneef, ‘barattooti kunneen ergamtoota diinaa misooma keessan balleessanii dha,’ waan ittiin jetteef hawaasti naannoo ija shakkiitiin nu eegaa jira,” jedhee jira.

Wayyaaneen akka barattooti mooraa keessaa gad hin bane ittisaa kan jirtu yoo ta’u, kanneen karaa bahan argatanis akka karaa hin darbineef ummata naannoo irratti kakaaftee akka jirtu beekamee jira.

Wayyaaneen kanaan duras mooraa Yunivarsitii Miizaan Teeppii,  kan Adaamaa fi kan Haromayaa haaluma walfakkaatuun kan dararaa jirtu yoo ta’u, akka odeessi gad hin baaneef immoo sarara  bilbilaa fi kan intarneetii dhiphisuu, xiqqeessuu fi suutessuun dadhabsiisaa jirti.

Mooraa Yunivarsitii Arbaa Minci kana keessaa kana duras barataa sociology and Social anthropology  kan tae, Seenaa Mararaa humnoota tikaa wayyaaneen ukkaamsamee achi buuteen isaa haga yoonaatti akka hin beekamne ifaa dha.

Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe,Wallaga Keessa Magaalota adda addatti Alabaan ABO Fannifame.

(Oduu Qeerroo, Najjoo, Waxabajjii 01, 2011) Wallagga keessa FDG itti fufee naannoo Najjoo, Jaarsoo fi Baabboo jedhamanitti fincilli haala jabaan itti fufee jira,ummanni naannoo kanaas nu gahe gabrummaan jechuun meeshaa malee Wayyaanee soda guddaa itti naqanii jiraachuun qeerroon gabaasa.

Akka kanaan Oromiyaa Dhiyaa, magaalaa Najjoo gandoota 01,02,03 fi 04 jedhaman keessatti sochiin dargaggoota Oromoo(Qeerroo)n durfamu jiraattota magaalaa Najjoo dabalachuun gaafa Caamsaa 23,2011 FDG gaggeessuun beekame.

Fincila kana irratti magaalaa Najjoo kallattii hundaanuu dargaggoonni Oromoo ka’uun bakkoota buufata waajjiroota Wayyaanee irraa alaabaa mallattoo gabromfataa Wayyaanee bakka fannifamee gadi buusuun kan mallattoo qabsoo fi alaabaa ummata Oromoo biratti jaallatamaa tahe kan ABO fannisuun guyyaa tokkoof magaalittii kallattii hundaanuu keessatti balaliisaa oolaniiru.

Guyyuma kana sochii kanatti kan rifatte bulchiinsi Wayyaanee waraana polisii federaalaa yaamuun ummata naannoo san irraa reebichaan bitimsuu yaalii goddaa godhan.Sana malees haala kana qabaneessuu fi ummata dagachiisuuf jecha,waayee ittis laga Abbayyaa irratti ummata degertoota Wayyaanee tahan hiriira magaalaa Najjootti baasuuf yaalii gooteen ummati hiriira san bahe sirboota Ebbisaa Aduunyaa sirbuu fi WBO fi ABO faarfachuun KA’I QEERROO!! Ilmaan biyyaa !! jedhanii sirbaa Wayyaanee qaanessanii deebisuun isaanii beekamee jira.

Sirboota guyyaa sanii fi sochii guyyaa gaafasii rakkoo Network mootummaan naannoo Wallaggaa fi naannolee Oromiyaa kaan irraa hanga ammaatti kutee jiruun yeroon gabaasuu hin dandeenye ture.

Kanatti dabalee Anaan Jaarsoo keessa bakka waajira bulchiisa Wayyaanee keessatti sochiin Qeerroon Oromiyaan durfamu gaafa Caamsaa 28,2011 alaabaa mallattoo gabroomfataa buusuun alaabaa ABO waajjira bulchiinsaatti fannisanuun beekame.

Alabaa  ABO bulchiinsa magaalittiitii fannifamee yeroo dheeraaf ture kana buusuuf sodaatamee waraanni Federaalaa guyyaa lammaffaatti dhufee akka hiiku godhame,soda kana irraas kan ka’e Wayyaneen dargaggoota naannoo fi  jiraattota aanaa sanii hedduu mana hidhaatti geessee akka jirtuuf fi fincilichi hanga ammaas qabanaawee akka hin jirre Qeerroon aanaa sanii gabaasu. Sochiilee naannoo sanaas hir’inoota quunamtiin yeroo yeroon gabaasuu fi kallattiin gabaasuun rakkoo tokko tahee jira.

Kana malees Wallaguma aanaa Baabbootti, guyyuma kana ummata karoora laga Abbayyaa cufuu akka nu degertan jedhuun homnaan ganda irra yaatee hiriira kan baafte dabballoonni Wayyaanee ofii qaanoftee magaala gadhiisuun baqatte.

Ummati guyyaa kana hiriira bahamuuf yaamame ABO fi WBO akkasumas sirboota qabsoo Oromoo faarsan sirbuun gara bulchiisa magaalaa deemee alaabaa Wayyaanotaa buusee morma Sareetti hidhanii magaalaa keessa gadhiisuun beekame, bakka alaabaa gabromfataa bu’e san alaabaa Oromoo kan mallattoon odaaa,urjiin qarri shanii,kuula irraa jalaan diimaa fi walakkaan magariisa fannisuun guyyaa lamaaf bakka sanii kan buusu dhibee oolee bulee injifannoon ummataan fincilichi hanga ammaa itti fufee jira.Aanuma kana keessaa ummata hedduu akka hidha jirtus Qeerroon gabaasanii jiru.

Walumaa gala sochiilee Oromiyaa keessa jiran guutuu akka hin gabaafamneef jecha daandiilee walquunamtii hawaasaa fi humnoota ibsaa waan guutummaatti ciramee jiruuf akka barbaachisee fi yeroo barbaachisaa tahetti dhiheessuu dhabuun ni jira.

Qabsoon itti fufa !  Gabroomsaan ni kufa!!