(Oduu Qeerroo, Najjoo, Waxabajjii 01, 2011) Wallagga keessa FDG itti fufee naannoo Najjoo, Jaarsoo fi Baabboo jedhamanitti fincilli haala jabaan itti fufee jira,ummanni naannoo kanaas nu gahe gabrummaan jechuun meeshaa malee Wayyaanee soda guddaa itti naqanii jiraachuun qeerroon gabaasa.
Akka kanaan Oromiyaa Dhiyaa, magaalaa Najjoo gandoota 01,02,03 fi 04 jedhaman keessatti sochiin dargaggoota Oromoo(Qeerroo)n durfamu jiraattota magaalaa Najjoo dabalachuun gaafa Caamsaa 23,2011 FDG gaggeessuun beekame.
Fincila kana irratti magaalaa Najjoo kallattii hundaanuu dargaggoonni Oromoo ka’uun bakkoota buufata waajjiroota Wayyaanee irraa alaabaa mallattoo gabromfataa Wayyaanee bakka fannifamee gadi buusuun kan mallattoo qabsoo fi alaabaa ummata Oromoo biratti jaallatamaa tahe kan ABO fannisuun guyyaa tokkoof magaalittii kallattii hundaanuu keessatti balaliisaa oolaniiru.
Guyyuma kana sochii kanatti kan rifatte bulchiinsi Wayyaanee waraana polisii federaalaa yaamuun ummata naannoo san irraa reebichaan bitimsuu yaalii goddaa godhan.Sana malees haala kana qabaneessuu fi ummata dagachiisuuf jecha,waayee ittis laga Abbayyaa irratti ummata degertoota Wayyaanee tahan hiriira magaalaa Najjootti baasuuf yaalii gooteen ummati hiriira san bahe sirboota Ebbisaa Aduunyaa sirbuu fi WBO fi ABO faarfachuun KA’I QEERROO!! Ilmaan biyyaa !! jedhanii sirbaa Wayyaanee qaanessanii deebisuun isaanii beekamee jira.
Sirboota guyyaa sanii fi sochii guyyaa gaafasii rakkoo Network mootummaan naannoo Wallaggaa fi naannolee Oromiyaa kaan irraa hanga ammaatti kutee jiruun yeroon gabaasuu hin dandeenye ture.
Kanatti dabalee Anaan Jaarsoo keessa bakka waajira bulchiisa Wayyaanee keessatti sochiin Qeerroon Oromiyaan durfamu gaafa Caamsaa 28,2011 alaabaa mallattoo gabroomfataa buusuun alaabaa ABO waajjira bulchiinsaatti fannisanuun beekame.
Alabaa ABO bulchiinsa magaalittiitii fannifamee yeroo dheeraaf ture kana buusuuf sodaatamee waraanni Federaalaa guyyaa lammaffaatti dhufee akka hiiku godhame,soda kana irraas kan ka’e Wayyaneen dargaggoota naannoo fi jiraattota aanaa sanii hedduu mana hidhaatti geessee akka jirtuuf fi fincilichi hanga ammaas qabanaawee akka hin jirre Qeerroon aanaa sanii gabaasu. Sochiilee naannoo sanaas hir’inoota quunamtiin yeroo yeroon gabaasuu fi kallattiin gabaasuun rakkoo tokko tahee jira.
Kana malees Wallaguma aanaa Baabbootti, guyyuma kana ummata karoora laga Abbayyaa cufuu akka nu degertan jedhuun homnaan ganda irra yaatee hiriira kan baafte dabballoonni Wayyaanee ofii qaanoftee magaala gadhiisuun baqatte.
Ummati guyyaa kana hiriira bahamuuf yaamame ABO fi WBO akkasumas sirboota qabsoo Oromoo faarsan sirbuun gara bulchiisa magaalaa deemee alaabaa Wayyaanotaa buusee morma Sareetti hidhanii magaalaa keessa gadhiisuun beekame, bakka alaabaa gabromfataa bu’e san alaabaa Oromoo kan mallattoon odaaa,urjiin qarri shanii,kuula irraa jalaan diimaa fi walakkaan magariisa fannisuun guyyaa lamaaf bakka sanii kan buusu dhibee oolee bulee injifannoon ummataan fincilichi hanga ammaa itti fufee jira.Aanuma kana keessaa ummata hedduu akka hidha jirtus Qeerroon gabaasanii jiru.
Walumaa gala sochiilee Oromiyaa keessa jiran guutuu akka hin gabaafamneef jecha daandiilee walquunamtii hawaasaa fi humnoota ibsaa waan guutummaatti ciramee jiruuf akka barbaachisee fi yeroo barbaachisaa tahetti dhiheessuu dhabuun ni jira.
Qabsoon itti fufa ! Gabroomsaan ni kufa!!
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk