በመላ አዲስ አበባ የደህንነት እና የጸጥታ ጉዳይ ስብሰባ ተደረገ

(Qeerroo News, Finfinnee, April 17, 2011) ኢህአዴግ በመላ አዲስ አበባ የደህንነት እና የጸጥታ ጉዳይ ላይ የሚያተኩር ስብሰባ  አደረገ፤ ልዩ ልዩ የሰላምና የልማት ኮሚቴዎችንም በአዲስ መልክ አዋቅሯል፡፡

በሕዝባዊ ውይይቱ ላይ ከፌዴራል ፖሊስ የተወከሉ ባለሥልጣናት በአሥሩም ክፍለ ከተሞች በመገኘት ወላጆች ልጆቻቸውን ተገቢ ባልሆኑ ቦታዎችና እንቅስቃሴዎች ላይ እንዳይሳተፉ እንዲቆጣጠሩ ማስጠንቀቂያ ሰጠ።

በአዲስ አበባ አሥሩም ክፍለ ከተሞች አዳራሾች ባካሄደው ሕዝባዊ ስብሰባዎች ላይ የኢህአዴግ አመራር አባላት የተገኙ ሲሆን ከወጣት ማህበራት፣ ከሴቶች ሊግ፣ ከጎበዝ ተማሪዎች፣ የመንግሥት ሠራተኞች እና ተደማጭ የአካባቢ ሰዎችንና ሽማግሌዎችን እንዲሁም የአካባቢው እድሮች አመራር አባላትን ያካተተ ልዩ ልዩ ከሚቴዎችን በአዲስ መልክ አቋቁሟል፡፡

በስብሰባው ላይ የኢህአዴግ አመራር አባላት የአምስት ዓመቱን የዕድገትና የትራንስፎርሜሽን ዕቅድንና በቅርቡ መንግሥት ይፋ ያደረገውን የሚሊኒየም ግድብን በአምስት ዓመቱ ጊዜ ውስጥ ተግባራዊ እንዲሆን ሕብረተሰቡ የቦንድ ግዢ በመፈጸም ተሳትፎ እንዲያደርግ ቀስቅሰዋል፡፡

ኢህአዴግ እሁድ ዕለት ከአዲስ አበባ ከተማ ውጪ በክልል ዋና ዋና ከተሞች ላይም መሰል ሕዝባዊ ስብሰባዎችን ማድረጉን ምንጮቻችን ገልጸውልናል፡፡

በውይይቱ ላይ በደህንነት እና ጸጥታ ጉዳይ ላይ ንግግር ያደረጉት የኢህአዴግ አመራር አባላት ማንኛውም ሥራ መሥራትን የሚፈልግ ሰው በአነስተኛና ጥቃቅን ቢደራጅ ብድር ሊያገኝ እንደሚችልና በግሌ እሰራለሁ ብሎ የተነሳሳ ሰውም ቢሆን የቀበሌ መታወቂያ ያለው ዋስ እስከ አቀረበ ድርስ ብድር ሊያገኝ እንደሚችልና በሂደት ደግሞ የሥራው አዋጭነትና ግለሰቡ ብድሩን የመመለሱ ሁኔታ እየታየ የብድር መጠኑ ሊጨምርለት እንደሚችል ገልጸዋል፡፡

Sochiin Barattoota Haromaayaa Uggurame

(Oduu Qeerroo, Haromaayaa, Ebla 17, 2011) Mooraa Yunivarsitii Haromaayaa keessatti diddaa fi fincilli barattootaa akka hin kaane gochuuf Ebla 15, 2011 irraa kaasee baratan tokko doormii hiriyyaa isaa akka hin deemne godhamaa jiru.

Guutummaan mooraa sunis to’annaa waraanaa jala kan gale yoo ta’u, barataan tokko yemmu bilokii irra ga’u waraqaa eenyummaa isaa  agarsiisetu daraba. Humni polisii federalaas kan dura jiru irratti, konkolatota 5 dabalataan  osoo baratoni arganii moaraa keessaatti harcafamanii jiru.

Akkasumas barataan tokko yoo library senu sakata`a addatin sena; mooraa keessa asifi achi deemuun dhorkadha. Sababa kanaanis guyyaa har’aa damee barnootaa kan  muumeen  sociology ta’e, sagantaa guyya har`aa kan ittiin guyya maangudotaa kabajuuf  mooraa eyamsiisanii turan dura taa`aa mooraa kanafi gareen poolisi akka sochii tokko hin goone waan dhorkaniif hafee jira.

Yeroo barattooti gaaffiin isaanii kan barattooti hidhaman haa hiikana, jedhuuf deebii eeggachaa turanitti, meeshaa gurguddaan mooraa barnootaa kan weerare mootumaan Wayyaaneen dhuunfatame uggurri sochii tolfamuun barattoota hedduu dheekkamsiisee jira.

Guyyaa har’aas barattooti kunneen nyaata lagatanii diddaa fi fincila isaanii kan itti fufan yoo ta’u, keessaayyuu kan hara`a waanti adda isaa godhu gaaffiin  waa`ee barattota hidhamanii akka har`aatti  deebi`u kan waadaa galame ukkaamsaa haaraa dhalchee dhufuu isaa ti jedhamee jira.

Yeroo ammaa kanattis humni hin beekamne  ijoolleen Universitii dhiisanii gara warra isaaniitti akka deeman dhaamsa dabarsaa kan jiru yoo ta’u,  barattooti garuu achuma haga gaaffiin isaanii kan walii galaa hiikamuutti akka hin sochoone dhaammataa jiru.

Gaaffiin barattootaa inni fardii kanneen seeraan ala barnoota isaanii irraa qabamanii hiraarfaman akka gadhiifaman kan gaafatu yoo ta’u, nagaa fi bilisummaa biyyattii keessatti dagaagsuuf  dhibdeen siyaasaa biyyattii akka hiikamuu fi  hidhamtooti siyaasaa Oromoo hundi haalduree tokko malee akka hiikaman kan gaafatuu ta’uun labsii warraaqsa qeerroo irraa kan hubatamuudha.

INJIFANNOO

Kaabineen Bulchiinsa Harargee Dhihaa Akka Jiranitti Hidhaman!

(Oduu Qeerroo, Haromaayaa, Ebla 17, 2011) Diddaa fi fincilli barattootaa babal’achaa wayita jirutti, keessoo mootummaa Wayyaanee, keessaayyuu, OPDO keessattis jeequmsi dhaltuun beekame.
Akka qunnamtiin Qeerroo nuu gabaasetti, sababa diddaa fi fincila barattootaa waliin kan walqabate qorannoon  akka haaraatti caasaa mootummaa fi siyaasaa keessatti eegalamee jira.
Qorannoo godhamaa jiruunis gareen OPDO walsaaxilaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kaabineen bulchiinsa Hararghee dhihaa akka jirutti to’annaa jala akka oolana beekamee jira.
Odeessi kun akka mirkaneessutti, kabineen zoonii Hararghee dhihaa akka jirutti tohannoo jala kan oolfaman  “Oromoota qabaa jennee ajaja isinitti kennine hojii irraa oolchaa hin jirtan,” ittiin jechuun  akka ta’etu himamaa jira.
 Haalli kun immoo sababa diddaa fi fincila barattootaatiin kan walqabate, keessoo mootummaattis walshakkii fi walitti gaarreffannaan heddummaataa akka jiru hubachiisa.
Oromiyaa mara keessatti warri OPDO akka qoratamaa jiran illee odeessi nu dhaqqabe hubachiisee jira. Mattuu, Jimmaa, Shaashamannee fi Amboo keessattis humnooti tikaa fi OPDO  walgahii ariifachiisaan walmuddaa akka jiran beekamee jira.
INJIFANNOO!!

Diddaan Barattotaa Gara Ummataatti Babal’ate;OPDOnis Waljeeqaa Jirti!

(Oduu Qeerroo, Mettuu, Ebla 16, 2011) Ummati Oromoo kaayyoo diddaa fi fincila barattootaa deeggaruun  hidhaa fi ajjeecahaan barattoota irratti raawwatamu akka dhaabbatu gaafatan; haalli kun immoo OPDO keessatti jeequmsa kaasaa jira.

Guyyaa Gootota Oromiyaa, Ebla 15, sababeeffachuun labsiin diddaa barattootaa bakka adda addaatti kan facaasame yoo ta’u, kaayyoon barattootaas kan hawaasa hunda biratti jaalatamee dha.

Kanneen qunnamtii Qeerroof yaada kennan akka hubachiisanitti, “yeroo barattoota keenya hidhanii ajjeesan, usnee taa’uu hin dandeenyu; diidaa fi fincila barattootaas ni deeggarra,” jechuun deeggarsa barattootaaf qaban ibsacahaa jiran.

Keessaayyuu, ummati naannoo Goree fi Mattuu jiraatan waraqaa diddaa barattoota Oromiyaa irraa facaasame erga argatanii booda yaada qunnamtii Qeerroof kennaniin kaayyoon barattoota keenyaa nagaa fi bilisummaa kan argamsiisu waan ta’eef garaadhaan deeggara jedhanii jiru.

Labsiin Qeerroo Oromiyaa kaleessa irraa eegalee, magaalota Jimmaa, Baddallee, Mattuu, fi Goree keessatti baay’ifamee facaasamaa fi hiramaa jira; hawaastis labsii san heddummeessanii waliif daddabarsaa jiran.

Ummati dhaamsa barattootaa kana erga dubbisanii boodas yaada isaa fi hojii isaa keessatti akka qooda fudhatan mul’isaa kan jiran yoo ta’u, haalli kun miseesnsoti OPDO naannoo sanaa akka wal qorataniif sababa ta’ee jira.

Haaluma walfakkaatuun labsiin barattootaa kun naannoo Shaashamannee keessattis ummataaf erga hiramee booda madda waraqaa sana raabse beekuuf warri OPDO walgamaggamaa jirti.

Gimgamaa kana irratti kanneen hidda Oromummaa hin qabne, warra Oromoo ta’an shakkuu fi qeequun kan itti fufe yoo ta’u humnooti tikaa fi basaasaas dhoksaatti marii taa’anii akka jiran beekameera.

Haalli kun immoo miseensota OPDO walitti akka gaarreffatan godhee akka jiruu fi walshakkiin gidduu isaaniitti babal’acjaa jira.

Karaa marsaa walqunnamtii Qeerroo dhaamsi darbaa jirus, kaayyoon qeerroo deeggarsa guddaa jira. kanneen yaada kennaa jiran akka hubachiisanitti, ummati karaa hundaan walta’anii diddaa fi fincila isaanii babal’isuun aangoo abbootii irreetti daangaa gochuu qaban.

Mooraan Yunivarsitii Haromaayaa Kaampii Waraana Fakkaata!

(Oduu Qeerroo, Haromaayaa, Ebla 16,2011) Humni waraana Wayyaanee sagalee barattootaa ukkaamsuuf qophaa’e mooraa Ynuvarsitii Haromaayaa, Oromiyaa Bahaatti argamu, weeraree sochii barattootaa ugguraa jira.

Humni Wayyaanee tun yeroo gaaffiin barattootaa kan “Barattooti ukkaamsaman haa hiikaman!” jedhu akka deebii argatuuf eegamaa jirutti seensaa fi bahiinsa mooraa Yunivarsitichaa karaa maraan dhuufatee akka barattooti hin baanee fi hin galle godhee jira.

Keessaayyuu, Jimaata kaleessaa, Ebla 15,2011, barattooti mooraa Yuniversitii Haromaayaa kunneen barattooti kana dura mooraa san keessaa badiin tokko malee qabamanii hidhaatti darbaman akka gadi lakkisaman eegaa turanitti, sirni Oromo-nyaataa Wayyaanee torbaan kana keessa karaa qondaalota isaa himee ture, haala biraatiin mooraan yunivarsitichaa  akka weeraramu gochuun isaa barattoota hedduu aarsee jira.

Jimaata kaleessaa barii halkan osoo barattooti ciisichaa hin ka’iin mooraan Yuniversitii Haromaaya waraana Wayyaanee fi poolisa Federaalaan guutee kan argame yoo ta’u, mooraan kunis kaampii waraanaa leenjifamaa jiru malee mana barnotaa hin fakkaatu.

Humni hidhatee mooraa barnootaa weerare kunis hundi qawwee nyaachifatee, barattoota Oromoo kanneen gaaffii mirgaa gaafachuuf walitti qabaman tumaa fi reebaa kan oole yoo ta’u, hawaas-qunnamtiin martis cufamee oole.

Kana malees, barattoota qaroo fi jajjaboo ta’an adamsanii hidhauun kan itti fufe yoo ta’u, barattooti akka doormii keessaa hin baane ugguramuun, “kanneen maaliif reebamna?” jedhanii gaaffii kaasuuf yaalan immoo qabamanii gara hidhaatti darbataa jiru.

Barattooti, gama isaaniitiin, sochii isaanii daran qindeeffachuun hidhaa fi hiraarsisni daangaa malee ummata irra gahu haga hin dhaabbannetti, diddaa fi fincila karaa nagaa godhanu jabeessanee akka itti fufan beeksisaa jiru.

“Akka hidhamnu otuu beeknuu qabsoo diddaa fi fincilaa keessatti qooda fudhanne,” kan jedhan barattooti kunneen “qabsoo imal-nagaa keenya haga aangoon humnaan ummata irraa fudhatame kan ummataa ta’uun mirkanaa’utti jabeessinee itti fufna” jedhanii jiru.

“Kaayyoon keenya abbootiin irree nagaan rafanii akka hin bulle gochuudha,” kan jedhan barattooti kunneen, “yeroon kun yeroo abbootiin irree gateettii sabaa yaabbatanii taa’anii miti. Qeerroonis otuu jirtuu abbootiin iree sabatti roorrisuun yeroon itti dhumatu gahee jira,” jedhaniiru.

Kaayyoon Qeerroo mirga ofii karaa Nagaa gaafachuudha!

Barattoti kunneen, itti dabaluunis, barattooti gaaffii mirgaa gafatanii hidhaman haga hiikamanitti, sochiin diddaa karaa guutuu biyyoolessaa keessatti qabsiisame akk jabaatee itti fufus dhaammatanii jiru. “Qeerroon  hidhaamaa fi hiraarfamaa jiran  hanga hin gadhiifamnetti, gaaffiin qeerroos haga hin deebinetti, barattooti nu biraa hidhaman hanga gadi lakkifamanitti wareega barbaachisu baasuun ummata keenyaaf qabsoofna,” jedhanii jiru. INJIFANNOO!!

Finfinnee Barattooti Hidhamaa jiru; Fincillis Itti Fufe!

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 15, 2011) Diddaa ummataatiin raafamaa kan jiru, mootummaan Mallasaa humnoota isaa “Agaazii” barattoota irratti bobbaasee hidhuu fi hiraarsuu itti fufee jira. Barattootis “diddaan karaa nagaatiin taasisamu aangoo abbootii irreetti daangaa tolchuuf malee nagaa fi misooma biyyaatti gufuu ta’uu miti,” jechuun diddaa isaanii itti fufanii jiru.

Guyyaa har’aas barattooti Yunivarsitii Finfinnee kan mooraa jaha keessa baratan, humnoota tikaatiin qabamanii gara hin beekamnetti geessamaa jiru. Keessaayyuu, guyyaa har’aa, ebla 15, 2011,  barataa Abdisaa Baqaallaa,  waggaa 4ffaa History kan baratu, humnooti tikaa ukkaamsanii bakka hin beekamnetti geessanii jiran.

Haaluma walfakkaatuun barataa Geettuu Saqaataa, waggaa 5ffaa kan seera[law] barataa jiru, bakka inni barumsaa fi hojii itti shaakalaa ture, mana murtii Oromiyaa irraa qabanii gara hin beekamnetti dabarsan kanneen ijaan argan nuuf dhaamanii jiru.

Har’a ganama naannoo saatii 9:00AM irratti  immoo mooraa kiiloo 6 keessaa barataa Nagaa kan waggaa 4ffaa  barnoota muummee Poletical science baratu qabanii gara hin beekamnetti akka geessan barameera.

Humni Wayyaanee sodaan guutame baratttoota hidhuu keessa darbee humnoota isaa tikaa fi basaasaa mooraa Yunivarsitii keessatti bobbaasuun akka isaan barattoota ukkaamsan gochaa jrti. kana malees, yeroo ammaa kanatti hidhattooti Wayyaanee barattoota fakkaatanii doormii keessa akka jiraatan kan godhame ta’uun beekamee jira.

Haala kana irratti dameen Qunnamtii Qeerroo ibsa baaseen gochaa saalfachiisaa akkanaa balaaleffatee, ummati nagaa fi bilisummaaf dhaabatan martuu gochaa kana akka balaaleffatan gaafatee jira.

Ibsi qeerroo kun itti dabaluunis “waantii namaa gaddisiisu yeroo hidhattooti wayyaanee seeraan ala barattoota fakkaatanii doormii keessa galanii barattoota hidhaa fi ukkaamsaa jiranitti aangoowwan yunvarsitichaa usuun isaanii seenaa keessatti kan isaan gaafachiisuudha,” jedhee jira.

Kana malees, kanneen barattoota fakkaatanii hojii basaasummaa gaggeessaa jiran adda bahanii beekamuu isaanii kan saaxile ibsi qeerroo kun warreen gochaa jibbamaa fi abaaramaa kana irratti bobba’an yoo hojii kana irraa hin dhaabbatan ta’e, maqaa fi suuraan isaanii sadarkaa sadarkaan akka saaxilamu akeekkachiisee jira.

Hidhamuu fi ukkaamsamuu barattoota kanaan walqabatee, guyyaa har’aa mooraan kiiloo jahaa jeequmsa irra kan oole yoo ta’u, barattooti hidhaman akka hiikaman, kannneen seeraa ala mooraa mana barumsichaa keessa qubatan akka gadhiisanii bahan gaafataa oolanii jiru.

Qunnamtiin qeerroo akka gabaasetti, guyyaa har’aa naannoo mooraa 6 keessaa  keessaa akka barattooti walitti hin qabamnneef humni tikaa fi waraanni wayyaanee dhorkaa fi ariihaa jirti. Ijoolleen garuu “obbolaan keenya haa hiikaman!” jechaa jiru. Diddaa fi fincilli barattootaa kun Oromiyaa bahaa keessattis ka’ee jira; hidhaa fi ukkaamsaan illee akkasuma itti hammaatee jira.

INJIFANNOO!!

“Haga Barattooti Hidhaman hiikamanitti, Barumsatti Hin Deebinu!” BUA

Yunivarsitiin Arbaa-Miinci Humnoota Tikaa Wayyaaneen Marfamee Jira!

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 15, 2011)Guyyaa har’aa  Ebla 15,bara 2011 gootonni barattooti Oromoo Yuniversitii Arbaa-Miinci, (BUA)  mooraa isaanii keessatti FDG gaggeessanii gaaffii siyaasaa fi mirgaan mootummaa Wayyaanee baaragsaa akka jiran gabaasame.

Gabaasaan Qeerroo akka hubachiisetti, akeekni diddaa FDG barattootaa kaayyoo nagaa fi bilisummaatiin kanneen gaaffii mirgaa fi siaaysaa gaafatan cina dhaabbachuu fi kanneen ukkaamfamanii hidhaman akka hiikamaniif deeggarsaa fi birmannaa barbaachisu kennuuf  ta’uun hubatamee jira.

Baratoooti Oromoo mirga ummata isaanii fi saboota kanneen Ethiopia keessatti cunqurfamoo tahaniif falmii godhaa jiran kun milishooti federaala Wayyaanee meeshaa guguddaa fi salphaa hidhatanii mooraa san keessaa akka hin baane yoo dhorkan iyyuu mooraa keessatti walitti qabamuun gaaffiilee mirgaa qondaalota Wayyaanee fi ergamtoota mooraa University saniif dhiheessanii jiru.

Barattooti kunneen wayituma kanatti gaaffiilee mirgaa dhiheessan keessaa:-

  1. Barattooti Oromoo badiin tokko malee University adda addaa keessaa hidhaman haal duree tokko malee amma irraa akka gadi lakkifaman.
  2. Hidhamtooti Oromoo bakka hundatti sababaa ABO deggertuun hidhaman yeroo gabaabaa keessatti akka gadi lakkifaman.
  3. Abbaan qabeenyaa fi abbaan biyyummaa ummata Oromoo akka mirkanaawu. Fi kkf gaafataa turan.

Kana irratti dabalee xalayaa labsii sochii dargagoota biyyoolessaa bilisummaa fi dimokraasiin labsame mooraa san keessatti lukkee Wayyaanee fi Wayyaanotatti hiraa akka oolan qeerroo mooraa University sanii irraa gabaafame.

Akka labsiin kun hirameen kan baaragde Wayyaaneen mooraa keessaa humnaan barattoota 50 tana qabuun gara mana hidhaa hin beekamiinitti  akka geessitee jirtu gabaasi addeessa.

Fincilli kun hanga gaaffiin ummata Oromoo deebi’utti kan itti fufu tahuu dargaggooti Oromoo mooraa University Arba-Miinci keessaa baratan beeksisuu isaanii qunnamtiin qeerroo Arbaa-Miinci irraa gabaasee jira.

INJIFANNOO!!

Labsii Barattootaa:Bilisummaa, Walabummaa fi Dimokiraasiin Ni Mo’ata!

Warraaqsi Itoophiyaa keessatti mandi‟uuf jiru fakkii warraqsota biyyoota Kaaba Afrikaa, kan akka Tunisia, Egypt fi biyyoota Giddu-galeessa Bahaa ti. Sochiin ummataa godinaa kanneen keessatti eegalame ergaa seena-qabeessa tahe addunyaa hubachiise. Haalli keessa jirru yeroo itti dimokirasii fi sagaleen ummataa bulchiinsa abbaa irrootaa fi sirna cunqursaa siyaasaa isaan gaggeessan irratti ol-aantummaa argate tahuu mirkaneesse. Haa tahu malee hundeen dhibdee sochii warraaqsa nuti gaggeessinu fi wareegamni nu gaafatu warren kan irraa addummaa qabaata.

Nuti bartootni Oromoo fi bartootni saboota miidhaa bittaa jala jirruu ummata Itoophiyaas tahe hawaasa addunyaatti quca warraaqsaa qabsiisuu keenya kunoo ifatti labsineerra. Seenaa wareegama bartoota Oromoo dhiheenya taasisameef bakka guddaa kennaa nutis wareegama bilisummaa baasuuf murteessanne.

Bara baraan gabrummaa keessa jiraachuu irra bilisummaaf utuu falmannuu, wareegama seena-qabeessa taheef kufuu filanne. Ummatootni Ittophiyaa keessaas yaamicha keenya dhagahanii, miidhaa, cunqursaa fi gabrummaa of irraa dhabamsiisanii, bilisummaa, walabummaa fi sirna dimokiraasii haqaa dhugoomsatanii biyya isaanii keessa kabajaan jiraachuuf goca bilisummaa bakka hundatti akka qabsisanii qalbii fi onnee guutuun akka nu waliin hiriiran guddisnee abdanna. Waan taheef:

1fa- Bulchiisni Adda Bilisummaa Ummata Tigray ykn Adda Dimokirasii Warraaqsa Ummatoota Itophiyaa ofiin jedhu: Mootummaa gosummaa irratti of ijaare, kan caasaa jaarmayaa Stalinistummaan masakamu, kan bu‟ura siyaas-hawaasummaa fakkaattii tarkaanfachiisu waan taheef;

Sirni Federalummaa gartuun kun ittiin of fakkeessus sirna shiraan guutame, tokkummaa ummataa addaan diigee, qoqqoodee ittiin bituuf saganteessate waan taheef; Mootummaan kun sabootaa fi sab-lammoota kanneen akka Oromoo, Ogaaden, Sidaamaa fi Ummatoota Kibba biyyattii akka diina innikkaatti ilaalee itti duulaa hanga har‟aa waan gaheef;

Kanaaf, mootummichi dhugaa ummata biyyattii keessaa ukkaamsuuf jecha duula humna waraanaa waggaa 20f Oromia, Ogaden fi naannoo adda addaatti itti jiru, tarkaanfii waraanumaa fi lolaa, biyyattii keessaa saboota bittaa cunqursaa jalatti barootaaf kufanii jiran irraan geessisaa jiru akka irraa dhaabu jedhna.

2fa- Mallas Zenawi baroota bulchiinsa isaa, waggaa 20 guutuu, miidhaa fi cunqursaa hamtuu ummatoota biyyattii irraan geessiseen aangoo isaa jabeessataa waan deemaa jiruuf;

Bulchiisni Mallas Zenawi kunis dhiitama mirga namoomaa hammaate, kan ummata nagaa haala lammii biyyaa irra gahuu hin malleen dararkeessuu (harassment), lafa irraa buqqisuu, dararuu, guuranii hidhuu fi ajjechaa raawwataa waan yoona gahee jiruuf; Ummatni nagaan kumaatamaan manneen hidhaatti guuraman, badii takka malee manneen hidhaa keessatti hanga har‟aa dhiphachaa waan jiraniif;

Kanaaf: Hidhamtootni siyaasaa hundi haal-duree tokko malee daddaffiin akka hiikaman; Manni hidhaa Qorannaa Giddu-Galeessaa ykn ‘Maikelawi’ jedhamu kan lubbuun dhala namaa keessatti gatii dhabsiisame, kan dhala namaa keessatti dararuu, reebichaan qaamaa hir’isuu, akka beeyiladaatti keessatti gorrawuuf itti yaadamee ijaarame, akkasittis hanga har’aa lubbuu lammii biyyaa kumaatamaan keessatti galaafatamee fi galaafatamaas jiru haa cufamuu, giddu-galeessi diina lubbuu dhala namaa tahe kun daddaffiin haa diigamu jedhna.

3fa. Abbootiin taayitaa mootummaa Mallas Zenawii yeroo itti saamicha dinagdee gaggeessaniin soorumaa fi badhaadhina ofii akka guddina dinagdee biyyattiitti himataa jiran, ummatni Itoophiyaa keessaa garuu oolee buluuf iyyuu jireenya guyya guyyaa of dadhabaa waan jiruuf; 

Imaammata dinagdee dogoggoraa fi gowwoomsaa mootummichi gaggeessuun gatiin gabaa akka malee dabalaa, jireenyi ummata biyyattiitti hadhaawuutti dabalee mo‟achuun dadhabamaa waan jiruuf; Dhukkubni, beelli, hongee fi wallaalummaan mallattoo jireenya hawaasa waliigalaa Itoophiyaa keessaa tahee beekamaa waan jiruuf;

Kanaaf, Dhiheessiin mi’oota jireenya ummatichaa guyya guyyaaf barbaachisoo tattahan, kanneen akka sukkaaraa, mi’eessaa fi daabboo jarjartiidhaan ummataaf akka dhihaatan; Imaammatni dinagdee deega hamtuu ummata irraan geessisaa jiruu fi gatiin bittaa fi gurgurtaa gabaa to’annoo ala bifa saamichaan gaggeessamaa jiru akka daddaaffiin sirratu, oolee osoo hin bulin hojii irras akka oolu jedhna.

4fa- Bittaan mootummaa Mallas waa hunda keessaa harka kan qabu, keessattuu wiirtuu dinagdee biyyattii dhuunfaatti harkatti kan galchate waan taheef; Dhaabbileen dinagdee biyyattii keessaa miseensota Adda Bilisummaa Ummata Tigraayii maqaa „EFFORT‟ jedhamuun dhuunfatamuu fi haadha warraa Mallas Zenawi, Azeb Masifiniin to‟atamaa jiraachuun hiccitii ummatni biyyattii keessaa tolchee beeku waan taheef;

Kanaaf, qabeenyaan dhuunfaa maatii Mallas Zenawiin dhuunfatame akka ummataaf deebisamu, saamichi seeraan alaa maatii fi aantota isaan hanga har’aa gaggeessame, kan ifatti hin bahin dabalee haa qoratamu jedhna.

5fa – Ummatni biyyattii keessaa dhibba keessaa harki sagaltamni (90) jireenyi isaa qonnaatti hidhataa waan taheef; Dhaadannoon “Lafti kan Qotee Bulaaf Haa tahu” jedhu baroota 1960ta fi jalqaba 1970ta keessa belbelaa ture; kan bara 1974 biyya Itophiyaa keessatti ummata, siyaasa wal fakkaataa jala waliin hiriirsee, warraaqsa ummataa qabsiisuudhaan mootummaa Hayila Sillaasee aangoo irraa dhabamsiise;

Imaammata Saamicha Lafaa mootummaan Adda Bilisummaa Ummata Tigray gaggeessaa jiruun, ummatni dachee isaa dhabuun, buqqisamuu fi hoji-dhabilee taasisamuu irraa kan ka‟e, gabrummaa ammayyaa, kan aangawummaa hidhata dinagdee addunyummaan wal qabateen, har‟as naannoftuu haala fakkaattii keessa waan jiramuuf; 

Kanaaf, imaammatni deegsaan kun daddaffiin akka irraa dhaabbatamu, wal tahiinsi idil-addunyaa gurgurtaa dachee ummataa xiyyeeffate akka fashaluu fi diigamu jedhna.

6fa- Biyyi Itoophiyaa jedhamtu kun waggoota 20n (digdamman) dabran karaa siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee deega caalaa hammaate keessa seentee waan jirtuuf; Sirni siyaasaa mootummichi laf-jalaan ittiin gaggeessamu yaad-rimee (concept) Stalinistummaa waan taheef; Qoodumsaan aangoo walabaa kan seer-baastotaa, (legislatives) seer-murtootaa (judiciaries) fi seer-alangootaa (executives) dhugaadhaan addaan bahee karaa walabummaa isaanii eeggataniin hujii irra oolaa waan hin jirreef; Qaamota seeraa, kan walaba tahanii dhugaadhaan seera biyyattii keessaa hojjii irra oolchuun ture , bifa bulchiinsa Satlinistummaadhaan, Muummichi Ministeerotaa Mallas Zenawi aangoo fi ol-aantummaa irratti qabuun gara ofiif fedhutti daddabsaa waan jiruuf; Mallas Zenawi takkaahuu filamee (elected) kan hin beekne garuu sirna Satalinistummaa uummateen kan of foosisuu (selected) waan taheef; Kanaaf, Mallas Zenawi aangoo irraa bu’ee, waajjira akka gadi lakkisu barbaadna.

7fa- Filmaata biyyoolessaa Caamsaa bara 2010 gaggeessameen osoo mormitootni siyaasaa seeraan biyyattii keessatti galmaawan sagaltamaa (90) ol tahan dorgom jiranii, Addi Bilisummaa Ummata Tigiraayi, kan durumaan humnaan aangoo dhuunfate sagalee ummataa dhibba keessaa sagaltamii Sagalii fi tuqaa jaha (99.6%) aragachuu isaa haala tasumaa amansiisaa hin tahiniin waan labsateef; Gaggeessitootni filmaatichaa miseensotuma paarti aangoo bittaa of harkaa qabuu waan tahaniif; Maallqani filmaatichaaf ooluun irra ture, meeshaan sab-qunnatmii, humni poolisii fi tikiaa dhuunfata mootummichaa tahuu irraa kan ka‟e paartiin siyaasaa durumaanuu aangoo of harkaa qabu akka deebisee mo‟atuuf waan danda‟an hundaan filmaata walaba tahuun irra ture humnaan ukkaamsaa, mo‟icha paartii mootummichaaf garuu haala mijjeessaa waan turaniif; 

Filmaatni biyyattii keessatti gaggeessame jedhamu qaanfachiisaa tahuutti dabalee, addunyaa ittiin gowwoomsuuf xapha siyaasaa raawwatame tahuun ifatti waan mul‟ateef; Kanaaf, golli qaama paarlmaa biyyattii lamaan (2n) daddaffiin akka diigaman, Seera haqaa fi sirna dimokiraasii dhugaa biyyattii keessatti dhugoomsuuf mootummaan yeroo cehumsaa dhaabota sochii bilisummaa gaggeessaa jiran, jaarmota mormitoota siyaasaa adda addaa kan ammate haa utubamu jedhna. 

Injifatnoon Saba Cunqurfameef!

Bilisummaa fi Dimokraasiin Ni Mo’ata!!

Qunnamtiin Qeerroo:

Email : qeerroo2011@gmail.com

Facebook: Qeerroo Bilisummaa

Website: https://qeerroo.wordpress.com


Barattooti Hidhaman; Diddaan Itti Fufe!

(Oduu Qeerroo, Hawaasaa, Ebla 15, 2011) Humni tikaa wayyaanee barattoota Oromoo adamsee hidhuu isaa wayita itti fufee jirutti, barattooti Oromoo immoo diddaa isaanii jabeessanii babal’isaa jiru.

Maddi Oduu qeerroo akka nuuf gabaasetti, barattooti Oromoo Yunivarsitiilee biyyattii keessa baratan doorsisaa fi hidhaadhaan hiraarfamaa jiru.

Barataa Seenaa Mararaa

Akka kanaan Yunivarsitii Arbaa Miinchi keessaa barataa Seenaa Mararaa ukkaamsanii akka hidhanii fi barataa kanas mooraa keessaa qabanii yeroo deemanitti reebicha guddaa erga irraan gahanii booda qabanii  gara mana hidhaa hin beekamnetti fuudhanii deeman.

Hidhamuu barataa Seenaa Mararaan walqabatee mooraa University Arbaa Miinchi keessatti mormiin guddaa kan ka’e yoo ta’u,   guyyaa har’aa  Ebla 15,2011 guutummaatti hiriira bahanii mirga barattootaa fi guutummaa ummata cunqurfamaaf gaafachuuf ejjennoo fudhatanii jiru.

Haaluma walfakkaatuun barattoonni Oromoo mooraa University Hawaasaa keessatti baratan hedduun qabamanii hidhaatti darbamaa jiru.

Barataa Daagim Gizaw

Haga ammaattis barattooti Oromoo jajjaboo fi qaroo sadii gaafa Ebla gaafa 13, 2011 mooraa keessaa qabamuun gara mana hidhaa hin beekamnetti fudhatamanii jiru. Barattooti hidhamnis, Barataa Sayyoo electrical Engineering waggaa 3ffaa, Barataa Daagim  Gizaawu Electrical and Computer Engineering, Barataa Gadaa Raggaasaa Vetr waggaa 5ffaa kan baratu ta’uun beekamee jira.

Yeroo hidhaan kun babal’ataa jirutti, barattooti Oromoo immoo “qabsoo irratti hirmaannus dhiisnus reebamuufi ajjeeffamuun nuuf hin oolu. Kanaaf bu’aa buusaanii wareegama gaafatu kaffaluun filatamaadha,” jedhanii jiru.

Yeroo ammaas hidhaa ummata Oromoo irratti labsame gargalchuun hawaasti marti bakka jiru irraa walqabatee akka ka’u illee Qeerroon dhaamsa dabarsatanii jiru.

INJIFANNOO!!

“Hidhaa fi Hiraarsaan diddaa keenyatti nu jabeessa!”

(Oduu Qeerroo,Haromaayaa,14 Ebla 2011) Hidhaa fi hiraarsaa barattoota Oromoo irra gahu hatattamaan akka dhaabbatu barattooti Oromoo mooraalee Yunivarsitii adda addaa keessa baratan gaafatan.

Barattooti kun guyyaa kaleessaa hala rakkisaa keessatti wal qunnamanii akka dhaamsa dabarsatanitti barattooti hidhaman hatattamaan hin hiikaman taanaan barumsa akka dhaaban beeksisanii jiru. “Hidhaa fi Hhiraarsaanis diddaa karaa nagaatiin goonutti akka cichinee hojjannu nu gargaara,” jedhanii jiru.

Yeroo ammaa kana Oromoota hidhuu fi ajjeessuu irraan qabsoo ummata Oromoo ukkaamsuun fala jedhee kan itti jiru mootummaan Orom-nayaataa Wayyaanee ammas magaalotaa fi University lee irra deemee ilmaan Oromoo funaanee hidhuu itti fufee jira.

Barataa Mirreessaa H/yasuus

Akka kanaan Barattoota Oromoo  barnootaan qaroo tahan keessaa gaafa Ebla 11,2011 halkan bakka ciisicha cabsanii itti seenuun kenneen hidhaatti geeffaman keessaa Barataa Mirreessaa Hayleyesus Qananii barataa  Universal University  clinical Pharmacy waggaa 3ffaa, Barataa Damee Olambe Universal University Clinical Pharmacy waggaa 2ffaa, Barataa Taddasaa Takkaleny University Finfinnee Journalism waggaa 3ffaa ta’uun beekamee jira.

Haga ammaatti barattoota Oromoo adamsanii hidhuun kan itti fufe yoo ta’u, haala isaan keessa jiran beekuuf yaaliin godhame hin milkaa’iin jira.

Barataa Daandii Baqqalaa

Odeessi turee nu aghe immoo barattooti Oromoo kunneen mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti hiraarfamaa akka jiranii fi keessaayyuu barataa Tolesa Farajaa University Jimmaa, Barataa Tufaa Baacaa University Jimmaa, Barataa Sanbataa Damee University Haromayaa, fi barataa Daandii Baqalaa, University Haramayaa irraa mana dukkanaa keessatti hidhamanii akka jiran beekameera.

Kana malees, barsiisota dhalootaan Oromoo tahan Kaampaasii Goteraa keessaa kanneen barsiisan ammoo Barsiisaa Alamayyo Garumaa, Barsiisaa Fayyisaa Alamineh fi Barsiisaa Dachaasa Magarsa kanneen jedhaman mana hidhaa bakka hin beekamiinitti geessuun hanga ammaa bakka jiran hin beekamu.

Damee Olambee

Kana malees college University Rift Vally keessatti barattooti Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan irraan bulchitooti Wayyaanee rakkoo uumanii haalli college kanaa yeroo gabaatti kan cufamuuf deemu tahuu qeerroon ni beeysifti.

Yeroo ammaa kana tikaa fi basaasaan wayyaanee heddummaachaa akka jiru kan dhaaman barattooti Oromoo, kanneen hidhaman martuu maatii fi firoottan isaanii waliin akka qalqunnamaniif yookaan abukaatoo seeraa akka argataniif waanti godhamee akka hin jirre beekameer jira. Sababa kanaan haala isaan keessa jiran beekuun hedduu rakkisaa waan ta’eef yaaddoon jiru guddaa dha. jedhamee jira.

This slideshow requires JavaScript.

Oduu Qeerroo