Diddaan Barattoota Univarsitii Awaasaa Itti Fufe!

(Qunnamtii Qeerroo, Awaasaa, Ebla 30, 2011) Barattooti Oromoo hidhaman  hanga gadhiifamanitti barumsa idilee kan hin eegalle ta’uu barattooti Univarsitii Awaasaa gaafatan.

Humoonni tikaa fi waraanni Wayyaanees gaaffii brattootaa kana ukkaamsuuf guyyaa har’aa, Ebla 30/4/2011, ganama irraa kaasee mooraa Univarsitichaa weeraranii barattoota jeeqaa akka jiran beekamee jira.

Barattooti garuu, hiriyyooti isaanii seeraan ala ukkaamsamanii achi buuteen isaanii dhabame haga argamanitti seexaa ittiin batratan akka hin qane ibsuun humnooti tikaa wayyaanee fi humnooti waraana hidhatanii mooraa barnootaa gara mooraa waraanaatti geeddaruuf jiran hatattamaan mooricha keessaa akka bahan gaafatanii jiru.

Humnooti Wayyaanees “barattootni diddaa fi fincila kaasuuf jiru,” jechuun humnooti  poolisii  federaalaa mooraa san  guutanii akka jiran maddi Oduu Qeerroo gabaasee jira.

Kan malees, humnooti wayyaanee kun  “barattoota barbaannu waan qabnuuf mooraa hin gadhiifnu,” jechuun nageenya barattootaa jeequun alattis keessattuu, mooraa san keessa oliifi gadi deemuun naannoo barattooti Oromoo itti argaman maratti hordoffii gochaa akka jiran hubachuun danda’ameera.

Universiitii Awaasaa keessaa barattoonni sadii maqaan isaanii,1.Sayyoo Beenyaa 2.Gadaa Raggaasaa 3.Daagim Baqqalaa  jedhaman ji’a darbe keessa erga qabamanii eegalee hang har’aatti achi buuteen isaanii  kan hin beekamne ta’uun ifaa dha.

!!!!!!!

Wayyaaneen Humna Waraanaa Gara Daangaa Eritiriyaatti Guuraa Jirti!

(Qunnamtii Qeerroo, Adaamaa, Ebla 30, 2011) Mootummaan Wayyaanee humna waraanaa hedduu  daangaa Eritiriyaa karaa Affaar jirutti guuraa akka jiru beekame. Dargaggooti biyyattii lola dantaa Wayyaanee tiksuuf adeemsisamu kamuu keessatti akka qooda hin fudhanne Qeerroon hubachiise.

Akka Qunnamtiin Qeerroo humna Waraanaa Wayyaanee keessaa gabaasetti, mootummaan Wayyaanee gidduu kana, keessaayyu, Ebla 22 fi 23,2011 raayyaa isaa  konkolaataa Autobisa nama 60 baatu hanga 50 tahuun gara  magaalaa Buree fi Maandaa jedhamutti guuraa kan  jiruuf biyya Eritrea weeraruun Asabiin Ethiopiatti deebifna jechuun duula guddaa banee jira.

Waraanni Wayyaaneen gama magaalota Buree fi Maandaatti guure kun irra caalaan sabummaan warra Kibbaa fi Binishaangul yoo ta’an, Affaarotaa fi Somalee warra Affaar akkasumsa Tigroota garii ammoo akka mormitoota Eritrea tti leenjisuun waraana humna addaa godhee gama magaalaa Maandaatti akka qubachiise beekameera.

Kana waliin wal qabatee dabballoonni Wayyaanee ummata Amaaraa fi kanneen Ethiopia leellisan keessatti bobba’un, “Asabiin Ethiopia itti deebisuuf tokko taanee ka’uu qabna, tokkummaan Ethiopia yeroo kana keessa deebi’uu qaba, erga Asabiin deebifnee booda bulchiinsa naanoo jedhame dhabamsiifnee biyya Ethiopia akka durii kiflaagariitti deebifna,” fi kkf ololaa akka jiran illee beekmaeera.

Haala kana irratti Qeerroon ibsa kenneen, ololaa fi afaanfaajjiin kamuu warraaqsa biyyatti keessatti finiinaa jiru dhaabuu akka hin dandeenye yaadachiisee, Qeerroonis kijiba Wayyaaneef otuu gurra hin kennine diddaa fi fincila isaanii akka itti fufan hubachiisee jira.

“Wayyaanee TPLF,Warraaqsa Oromiyaa keessatti qabatee, biyyattii keessatti immoo dhowuuf  jiru gara dabarsuuf mala adda addaa baasaa  jirti,” kan jedhe Qeerroon keessaayyuu, “ummata tokkummaa Ethiopia tti amanan kanneen gaaffii eenyummaatti fi hiree murteeffannaa ummattootaatti hin ammanne ofitti qabuuf yaaliin godhamaa jiru, ummattoota biyyattii addaan qoqqooddee bituuf shira xaxxu ta’uu addeessee jira.

“Wayyaaneen yeroo adda addaatti waadaa ummataaf galaa turte takkaayyuu guuttee hin beektu; egeres guutuu hin dandeessu,” kan jedhe ibsi Qeerroo kun qeerroon biyyattii diddaa fi fincila isaanii belbelaa jiru jabeessanii mootummaa abbaa irree wayyaanee buqqisuu malee bifa kamiinuu akka hin tumsineef dhaamee jira.

Seenaa biyyattii keessatti Qeerroon Oromoo kumaatamatti lakkaayaman waraana isaan hin ilaalle keessatti hirmaatuun wareega hin barbaachifne baasaa akka turan kan yaadachiise Qeerroon, Qeerroon Oromoos ta’ee kan biyyattii qabsoo diddaa garbummaa kabajaa fi namummaa  namatti horu  keessatti hirmaachuun seenaa haaraa akka galmeessan waamicha lammummaa irra deebi’ee dhiyaassee jira.