“Nu Gahe Gabrummaan!” Sagalee Miyyoo,Oromiyaa Kibbaa.

(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Yaabelloo, 30 ebla 2011) Roorroo fi gadadoon kan hiraarse, ummanni Oromoo godina Booranaa, aanaa Miyyoo keessatti argaman  hirrira diddaa godhan; kanneen hiriira san irratti argamanis adamsamaa akka jiran beekame.

Oduun qeerroo sababa hanqina qunnamtiitiin turee nu gahe akka hubachiisetti, ummati Godina Booranaa aanaa Miyyoo keessatti argaman fincila diddaa garbummaa fi jireenya gadadoo kan gaggeessan Ebla 27, 2011 ture.

Yeroo qubbattooti alagaa jireenya sadoo jiraachaa jiranitti, ummanni abbaa biyyaa fi qabeenyaa ta’e garbummaa jalatti gidirfamuu bira darbanii sirna haqaa fi walqixxummaan tajaajilamuu dhabuun isaanii akka fincila diddaa garbummaa fi cunqursaa bahan kan isaan dirqisiise ta’uu habachiisanii jiru.

Haadha Oromoo

Dubartii Tigiraay

Ummatichi bakka jiru irraa walwaamee hiriira diddaa bahe kun akka hubachiisetti, yeroo ammaa jireenyi isaanii kan jiruu gadii, kan du’aa olii ti. “nuti qe’ee keenya keessatti beelaan du’aa jirra; alagaan garuu qe’ee keenya keessatti jireenya qananii jiraata. Kana caalayyuu, biyya keenya keessatti akka baqataatti bir’ataa jiraachuun hiree keenya furmaata dhabee jiruu dha.” jedhan maanguddoon hirrira kana irratti hirmaatan tokko.

Ummata hiriira diddaa kana irratti argaman bittimsuuf kan bobba’e waraanni wayyaanee immoo akkauma amala isaa ummata baala qabatanii karaa nagaan gaaffii bilisummaa fi finnaa gaafachuuf bahan kanatti meeshaa  dhukaasaa akka ture beekameera.

Kana malees, hiriira sana irratti namooti argaman hedduun kan reebaman yoo ta’u,  erga hiriirri diddaa sun addaan bittimsamee booda humnooti tikaa namoota hedduu walitti qabanii  hidhaa jiru.

Hidhaa  fi reebicha babal’ataa jiru baqachuunis ummati aanichaa hedduun  qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisanii gara Moyyaalee Kenyaatti akka godaanaa jiran oduun nu gahe hubachiisee jira.

Qe'ee Garboonfataa

Qe'ee Oromoo

Ummanni Oromoo jireenyi isaa bara baraan gadadoo kan tahee fi caalaattuu hammaataa deemuu irraan kan ka’e, yeroo ammaa kanatti rakkina olaanaa keessa galee akka jiru kan ibsan hayyuun tokko, kanaafis sababni duraa, ‘sirna badaa, dhimma ummataaf hin yaadnee dha. kana malees, qabeenyaa fi lafa ummataa  dureessotatti gurguruun akka Oromoon lafa abaabilee isaa irraa buqqa’ee badu godhamaa jiraachuu dha,” jechuudhaan haala biyyattii keessa jiru qeeqan.

“Ummati waan nyaatu dhabe, hogganaa isaa nyaatuun waan hin oollee dha,’ kan jedhan hayyuun kun, itti dabaluunis, ” diddaan biyya keessatti mul’achaa jirus kanneen abbaa irree ta’uun dantaa ummataaf ihin yaadne yeroon itti lafarraa haxaamu dhufaa jira,” jedhanii jriu.

Yeroo ammaatti gaaffii ummata Oromoo deebisuu kan dadhabe mootummaan Orom-nyaataa Wayyaanee gaaffiilee Oromooti aanaa Miyyoo gaafatanis deebisuu hin dandeenye. Inumaayyu, ummata nagaan gaaffii mirgaa fi jireenyaa gaafchuuf bahan reebichaa fi hidhaan hiraarsaa jira.

Haata’uutii,  ummati naannichaa gaaffilee armaan gadii sagalee diddaa isaanii ol kaasuun dhiheessaa fdhageessisaa aaka turan oduun nu dhaqqabe hubachiisee jira.

  1. Jireenyi Ummata Oromoo yeroo ammaa haalaan gadadoo keessa waan jiruuf mirgi abbaa biyyummaa fi jiraachuu nuuf haa eegamu.
  2. Hiyyummaan, gadadoon, beelli, fi rakkinni waan nutti hammaatee jiruuf, mootummaan imaammata loogiin guutame kana hatattamaan nu irraa haakaasu.
  3. Mirga lafaa fi qabeenya keenya irratti dhabnee dachiin dhalootaan irra jiraannee waan nurratti gurguramaa jiruuf kun hatattamaan haadhabbatu.
  4. Oromiyaan, biyya Hindii miti! Oromiyaan China miti! Oromiyaan Tigraay miti! Kanaaf, biyyi Oromoo kan Oromoo haatahu!
  5. Ofii beelofnee orma hin nyaachifnu!,Ofii gadadoomnee, orma hin duroomsinu! fi  kkf jechuun sagalee diddaa dhageessifataa jiran.

Ummata Oromoo naannoo Miyyoo jiraatu kanaaf deebiin kallaattii kennamuu hanqachuu fi hidhaatti geeffamuun waan dhalateef yeroo ammaatti daangaa Keenyaa cabasanii jireenya baqattummaatti galaa akka jiran illee beekameera.

Yeroo ammaa kanattis, rakkina olaanaaf saaxilamanii waan jiraniif  ummati addunyaa fi UN akkasumas warri mirga namoomaa (human rights) akka isaaniif dhaqqaban Oromoonni martinuu salgalee isaanii akka tahaniif dhaammatanii jiru.

Qabsoon Itti Fufa! Gabroomsaan ni Kufa!

Call for Urgent Action

“Since the first week of April 2011 our colleagues have been abducted from various campuses, hundreds have been gravely injured in their dormitories and others have also become victims of harassment.

All these action verified their vulnerability and denial of protection for their safety. You are undeniably aware that the victims of this brutal action of the government armed forces have enormous needs for medical, psychological and social support….”

Read more: Oromo Youth Call for Urgent Action