Diddaan Gabrummaa Hanga Bilisummaatti(Barattoota Oromoo Uni Madda Walaabuu)Irraa

Universitylee  Oromiyaa keessaa fi naannoolee Ethiopia kaan keessatti FDG Itti fufe.

Gabaasa qeerroo,Ebla 25,2011 Barattooti Oromoo mooraa University adda addaa keessaa baratan FDG itti fufanii hanga har’aa human Feederaalaa Wayyaaneen marfamanii jiraachuun beekamaa dha. University hedduu keessaa barnooti dhaabbatee akka jirus gabaasa keenya dhihoo keessatti dhiheessuun ni yaaatama. Guyyaa kaleessaa mooraa University Maqalee keessaa barattooti Oromoo baratan human tikaa mootummaa Wayyaanee waliin waan walitti bua’aniif mooraa Universiticha keessaa akka hin baanee dhorkamanii yoo didanii fincila caalaa kaafna jedhan ammoo akka telefonni isaanii irraa fudhamee qunamtii maatii waliin dhaban doorsisi human tikaa Wayyaaneen irra gahee jira.

Kana malees mooraa  University Madda Walaabuu keessatti diddaan gabrummaa barattoota Oromoon ka’e itti fufee jira. Sababaa diddaa kanaaf barataa Oromoo Abdiisaa Guddattaa  barnoota Geogaphy Waggaa 3ffaa kan baratu human loltoota Federaalaan qabamee moraa irraa fuudhamuun hanga amma bakka buuteen isaa wallalamuun qunamtiin qeerroo mooraa University Madda Walabuu gabaasee jira.

Kanuma waliin barattoonni moraa keessaa bahuu dhorkamanii diddaa isaanii moraa keessatti deemsisa jiran Oromoota Oromiyaa keessaa fi biyyoota alaatti argamaniif dhaamsa dhaammataniin diddaan gabrummaa hanga bilisummaatti itti fufa qabsoon keenyi kan haqaati jabaadha kan jedhu dhaamachuu qeerroon gabaafti.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!