Qeerroon Ergamtoota Abbaa Irreetiif Dhaamsa Dabarse!

(Oduu Qeerroo, Adaamaa, Ebal 23, 2011) Yeroo ummati keenya cunqursaa irratti fincilee qabsaa’aa jirutti, kanneen diinaaf ulee ta’anii saba isaanii hiraarsaaf dhiyeessaa jiran gochaa jibbamaa kana irraa akka of qusatan Qeerroo dhaamsa dabarse.

Kanneen haga ammaatti gochaa farra Namummaa, Bilisummaa, Haqaa fi Dimokiraasii ta’an kana irratti bobba’an akka irraa dhaabbataniif yeroo adda addaa dhaamsi darbaafii turuu kan yaadachiise Sochiin Dargaggoota Biyyooleessaa, Qeerroon, ibsa hatattamaa baaseen, ergamtoota gocha jibbamaa san irraa dhaabbachuu didanii barattoota Oromoo hiiisisuun garaa isaanii guuttachaa jiran haga tokko illee maqaa fi suuraa isaanii ummataaf ibsuuf akka dirqame hubachiisee jira.

Ergamtooti kunneen akka gocha kana irraa dhaabbataniif gorsii fi yaadachiisni adda addaa kennamaafii akka ture kan yaadachiise ibsi kun, “nuti darggaggoonni Oromoo Oromiyaa keessa jirru osoo teenyuu du’a seenaa hin qabne du’uu irra ummata keenyaaf osoo qabsoofnuu wareega kafaluu filannee osoo jirruu , qabsoo dargaggootaa dhaabuu fi gaaffii mirgaa ummata Oromoo dhukkaamsuuf yaaliin godhamaa jiru amma illee hin dhaabbatiin jira,” jedhee jira.

Keessaayyuu yeroo ammaa kanatti, ergamtoota diinaa tahan barattoota Oromoo basaasuun gabaasaa  jibbiinsaa fi kijiba irratti hundaaye kanneen diina jala deemanii gabaasuun barattoota Oromoo qabsiisaa jiran akka jiran kan ibse ibsi Qeerroo kun,  “Kaayyoon Qeerroo Namummaa, Bilisummaa, Haqaa fi Dimokiraasiin biyyattii keessatti akka lalisu deeggaruu waan ta’eef, Qeerroon marti dhugaa kana hubatanii nu waliin akka dhaabbatan gaafanna; kanneen odeessa hin taane kannanii barattoota hiisisaa fi ajjeechisaa jiranis gochaa farra Namummaa, Bilisummaa, Haqaa fi Dimokiraasii ta’an akkanaa irraa akka of qusatan gaafanna,” jedhee jira.

Haala kanaan yeroo duraaf kanneen wayyaanee waliin ta’anii gochaa farra Namummaa, Bilisummaa, Haqaa fi Dimokiraasii ta’an barattoota Oromoo irratti geessisaa jiran keessaa lukkeewwan muummee armaan gadiif dhaamsi duraa kennamee jira.

Muktaar Daawud

Gollisaa Roobaa

Lukkeewwan kunneenis, tokkoffaa  Adoolaa Waataa, Barataa University Haramaayaa, lammaffaa Muktar Dawud  hojjetaa University Haramayaa, sadaffaa, Gollisaa Roobaa, barataa University Arbaaminci, arfaffaa Faris Kedir, barataa University Adaamaa ti.

Adoolaa Waataa

Faaris Kadiir

Barattoota Oromoo otuu hin beekiin diinaaf meeshaa ta’an gorsanii gara leellistummaa qabsoo Namummaa, Bilisummaa, Haqaa fi Dimokiraasiitti deebisuun akeeka ibsa kanaa ta’uu kan hubachiise Qeerroon, yeroo adda addaatti garuu gorsii fi barsisti kennameefii kannneen irraa deebi’uu didaniif dhaamsi duraa kun kan darbeef ta’uu itti dabalee beeksisee jira. Qeerroon akka qajeelfamaatti, miidhaa fi roorroo kamuu ni balaaleffata; kanneen diddaa keessatti hirmaatanis miidhaa fi roorroo kamiyyuu akka lagatan jabeessee dhaama.

Statement of Qeerroo

The Popular Revolution will not be Hindered by Mischievous Propaganda 

Statement of Qeerroo: The National Youth Movement for Freedom and Democracy

The current dictatorial regime of Ethiopia led by the Tigrean Peoples’ Liberation Front (TPLF) is engaged in a futile propaganda in an attempt to divert attention from the middle-east stile popular revolution declared by Qeerroo, and which is about to explode inOromia and in the entire Ethiopia at large. One such convenient propaganda chosen by the regime at this moment  is the so called plan to construct a huge dam of the “Abbay” (Blue Nile) river.For the regime this kind of propaganda has two purposes: 1) to divert the attention of the peoples of Ethiopia and the international community from the inevitable revolution, 2) to use this opportunity to collect money for their own purpose. In relation to this Abbay river dam construction the regime is also forcing people to rally in the support of the dam, and forceful conscription of the youth for their military is intensified.

In conjunction with the propaganda campaign, the regime is intensifying the arrest of people suspected of instigating the popular uprising. Particularly the regime has considered Oromo students and teachers as its number one enemy. Although the regime is trying to hide its enmity for the Oromo people, human rights organizations such as Human Rights Watch are testifying how the regime has targeted the Oromo people based on their own investigation and evidence.

As we speak, all universities and colleges in Oromia are surrounded by the regimes’ police and are under strict watch due to fear that the students may instigate protests. The situation is even worse in universities outside of Oromia. Oromo students there are not only watched by police and secretly armed intelligence forces who are Tigrean by birth, but are also intimidated and harassed  by Tigrean students. Inside sources and some leaked information suggest that the regime is even not confident on any structure running under OPDO. This shows that the regime is an enemy of the Oromo people and other peoples of Ethiopia. Meanwhile, the Oromo people and all other peoples of the country are showing vividly that they are ignoring the empty propaganda of the regime.

Two weeks ago, the regime dispatched its cadres to North America in an attempt to influence the Diaspora population, in which the people stood in unison and clearly said “ENOUGH! GAYE! BEKA!” embarrassing the regime in public.Except few puppets, all peoples of Oromo, Amara, Ogaden, Sidama, Gambella, etc stood shoulder to shoulder in exposing the regime. These protests also helped in unifying all peoples of Ethiopia against the regime. To hide this embarrassment from the people of the country the regime is jamming medias such as VOA, DW, VOL and others. It is also known that, after the Oromian students declared for protest, telephone services are constantly interrupted.

One of the tactics used by the regime is the divide-and-rule policy used for a long time. There is no doubt that this anti-freedom and democracy regime is panicked when different peoples of the country overcame their differences and united in opposition to the regime. A similar revolt is going to break out inside the country in unison. Oromo youth have organized themselves under the name The National Youth Movement for Freedom and Democracy or in short Qeerrooinside the country and declared to revolt against the regime in coordination with other oppressed people of the country. The regime is using different tactics to relinquish this movement. Among the tactics used so far are: spreading malicious and fabricated propaganda, abducting and arresting suspected students, trying to bribe and deceive the youth with money, infiltrating among the youth and trying to convince them by telling them that “the time is not ripe for revolution” etc. We would like to make clear that all these tactics will not reverse the revolution of the youth and the oppressed people in general.

It is time to rise up. To take the lesson of the revolution in the Arab world and North Africa in conjunction with our own popular uprising known usFincilaDiddaaGarummaa (Revolt Against Subjugation) and register owns’ history. Because the Oromo people is the single largest population in the region, and because of the democratic systemGadaa we inherited from our forefathers, we can indeed be the hope of democracy not only for the peoples of Ethiopia, but also for the entire Horn of Africa. In collaboration with other peoples of the country we are confident that our struggle shall bear fruit and reach the end goal of achieving Freedom and Democracy for all oppressed people in the country.

Ka’i Qeerroo!

April 22, 2011

Yaamicha WBOBS

YAMICHA DEGERSA FDG WALDAA BARATTOOTA OROMOO BIYYA SUDAN

Waamicha fincila diddaa gabrummaa (FDG) yeroo amma biyya keenya Oromiyaa fi bakkota addaa addaatti finiinaa jiru irratti barattoti Oromoo biyya Sudaan jirtus qooda fudhachuuf magaalaa gudditti biyya Sudan Khartoum itti gaafa Ebla 29,2011  ganama keessaa sa’a 9;00 irratti University Khartoum faculty fayyaa fula duratti akka nuuf argamtan hawasa Oromoo fi barattootaa Oromoo  biyya Sudaan keessatti argamtaniif waamicha Oromummaa isìniif dhiyeessina.

Waldaa barattota Oromoo biyya Sudaan!