Gita Bittuuf Ulee Ta’anii Lammii Ofii Reebuun Dhaabbatu Qaba
Oromoon wayta ammaa kutaalee Oromiyaa fi Oromiyaa ala jiraatu akka ummataatti bilisa taheee walabummaan biyya isaa Oromiyaa keessa bulchiinsa ofii diriirfatuun jiraataa ture. Ummatni aadaa, afaan, seenaa fi biyya tokka (Oromiyaa) qabuu kun duula irratti geggeeffameen walabummaan isaa haqamee, bilisummaan isaa sarbamee, eenyummaan isaa haqamee jireenya gabrummaa jalatti dhama’uuf eerga dirqamee xiqqaatu mootummootni Koloneeffataa afurii gadi hin taane irratti wal jijjiiraniiru.
Ummatni Oromoo bilisummaan jiraachaa ture duula gabroomfataa irraa itti banameen harqoota gabrummaa jalatti buluuf haa dirqamu malee gabrummaan durattis tahe sirna gabrummaa humnaan irratti diriirfame keessatti falmaa mirga isaatiif adeemsiseen wareegama ulfaataa baaseera. Ilmaan Oromoo muratoo ummata isaaniif hadoodan irratti wareegamanii eenyummaa isaa dhabama irraa hambisanii jiran. Falmaa gootummaa adeemsisaniin gabroomfataan osoo hin hafiin Oromiyaa akka biyyaatti fudhachiisuun akka ittiin waamamu tasisuu danda’aniiru. Aadaa fi afaan isaa dhabamaaf kaadhimame dhabama irraa baraaruun mul’isuu fi itti gargaaramuu irratti milkaa’ameera.
Oromiyaa goototni, beektotni, barattootni, qeerroo fi maanguddoon Oromoo irratti kitimaa tahaa jiran uumaadhaan badhaatuu fi taadhii dha. Kan gabrummaaf sababa itti tahes qabeenyaa ishee kana.
Bittootni Itophiyaa Oromiyaa gabroomfatuun abjuu isaanii baroota dheeraa tahu illee kan itti milkaa’anii bakkaan gahatan bara Minilik ture. Gabroomuu ummata Oromoo fi koloneeffatamuu Oromiyaa milkeessuu keessatti qoodni meeshaa baranee fi Oromoota haalli siyaasaa fi diplomasii hin galiiniif diina waliin hiriiranii bakka ol aanaa qabaatuu ragaaleen ni addeessan. Oromoon gootummaan osoo hin taane haxxummaan caalamee gabroomfatame. Diina isa fakkaatee itti dhihaateen sobame mo’ame. Ilmaan isaa diina waliin hiriiraniin cabe.
Cabinsaan booda bittootni aangoo walitti dabarsuun Impaayera Itophiyaa bitan hundi bifa adda addaan Oromoo miidhaa yoona gahan. Qabeenyaa fi beekaaa Oromootti gargaaramanii of jiraachisan, of ijaaran. Maqaa fi bifa bittaa jijjiirrataa kooraa aangoo kan dhuunfaa godhatuun jiraatan. Yeroo ammaa kanas Oromoo fi qabeenya isaa irratti duulli baname bifa irra hammaataa fi bal’aa akka tahe kan alagaan iyyuu raga irratti bahaa jiru dha. Sirnoota gitootni bittuu Itoophiyaa diriirfatanii ittiin bitaa yoona gahan hunda keessatti qoodni ilmaan Oromoo sirna isaanii kana tiksuu fi gadi dhaabuu keessatti kan hin tuffatamne tahus ummatni keessaa dhalatan garuu ummatoota biyyattii keessa jiraatan hundaan olitti cafaqamaa fi irratti roorrifamaa bittaa humnaa garaa laafina hin qabne jala jiraachifame. Yoo mirga isaa gaafate, dilboon itti duulamee ajjeefama. Hidhaatti guurama. Farrummaan balaaleffatama.
Yeroo ammaa kana lamiin Oromoo kamiyyuu miidhaa gabrummaan irraan gahaa jiruun ifaajuu irraa gabrummaan yoom nurrraa hafa? Ilmaan Oromoo alagaa jalatti hiriiruun hafee ummata isaanii cinaa hiriiruu dhaan bittaa gabrummaa kuffisuuf falmaa adeemsifamaa jiru keessatti yoom makaman? Shira diinni ummata Oromoo naannoo dhalootaa, gosaa fi amantiin qooduu dhaan wal dura dhaabuun itti fayyadamu, akkasumas, umrii bittaa isaa dheereffatuuf sabootaa fi ummatoota ollaaan wal dura dhaabaa jirutti ummatni Oromoo dammaqee kan tokkummaa isaa cimsatuun diina irratti ka’u yoomi? gaaffiilee jedhu kaasaa jira.
Tooftaan Oromoo Oromoo dhaan cabsuu Saahila-sillaaseen eegale, Minilkii fi haile Sellaseen dhimma itti bahamee fi Wayyaaneen itti fufamee ilmaan Oromoo ulee godhattee itti fayyadamaa jirti. Ilmaan Oromoottu gargaaramuutti dabaltee Wayyaaneen Oromoo gosaa fi naannoon, akkasumas ummatoota cunqurfamoo waliin wal dhabsiisaa, bakka kaanitti ammo amantiin walitti diruun sirna bittaa isii dheerefatuu irratti argamti. Daba kana Qaroo fi beekaan Oromoo irratti dammaqee, harka wal qabatuudhaan mirga namoomaaf falmachuu fi natu siif beekaa cunqursaatti xumura gochuun yeroo isaa amma. Dhufaa dabraan harka Oromoon Oromoo ajjeesuun bor osoo hin taane har’a, booda osoo hin taane amma dhaabbatuu qaba.
Alagootni ummata Oromoo gabroomsuu dhaan biyya isaa irratti abbaa kan tahan lammii Oromoo dantaan sossobatuu fi kanneen lolaan booji’aman of dura oofuun tahuun bara Wayyaanee haa bay’atu malee tooftaa bara Minilik irraa jalqabee jiru dha. Kanneen Oromoo tahanii dantaan sobamaniis tahe booji’amuun ulee diinaa tahuun sirna gabroomfataa tajaajilaa turan dhumni isaanii bareedaa akka hin tahiin seenaan isaanii ni hubachiisa. Oromoon hangamuu amanamaa tahu kan inni bittoota Itophiyaan barbaadamuu fi faarfamu yeroo rakkoo fi dhiphuu qofa tahuu seenaan bittootaa raga baha. Guyyaa soda fi dhiphuu keessaa bahanitti dagatuu qofa osoo hin taane dhabamsiisuu irratti akka fuulleeffatan kanneen isaan waliin hiriiranii dhuma irratti qaanii fi salphinaan ari’amanii fi ajjeefaman seenaa irraa hubachuun ni danda’ama. Kanneen bara Oromoon gabrumma jalatti kufee hanga bara amma keessa jirruu keessatti sinra kana mulátoo tahanii tajaajilan fi tajaajiilaa turan ammo xumurri isaanii sirnichaan deebifamee nayaatamanii fi gadi darbataman kaasuun ni danda’ama.
Ilmaan Oromoo sirna bittootaa keessatti qaroo fi gootummaan beekaman kanneen sirna keessa turan tajaajiluu qofa osoo hin taane Xaalyaanii injifatuu keessatti qooda ol aanaa fi murteessaa kennaniiru. Itophiyaa boojuu xalyaanii irraa baraaran iyyuu hangi seenaa bittootaa keessatti kaafaman hedduu murtaawaa dha. Oromoota isaan tajaajiluu fi diina irraa dachaasuun beekaman kan kaasan yeroo bittaan isaanii gaaffii jala galuu fi ummata Oromoo hawwatuu barbaadan qofa. Kana kan mirkaneessuu bittootni kanneen qooda mul’ataa hanga dhalattoota Oromoo hin qabne, Impaayera ijaarratan tiksuu keessatti illee shoorri taphatan xiqqaa tahe siidaa dhaabuu fi moggaasa adda addaan akka yaadataman oggaa taasisan kanneen dhalootaan Oromoo tahan garuu akka hin yaadatamnee fi hin mul’atneef gaaddisa irratti uuman.
Murnni bicuu Wayyaanee ilmaan Oromoo of dura qabuun fedhii ummata Oromoon alatti waggoota digdamaaf humnaan bitaa akka jirtu ni beekama. Wayyaaneen kanneen akka meeshaatti dhimma itti bahaa turtee fi jirtu akki itti ijaarrattes akkanuma ifaa dha. Kanneen Shaabiyaan booji’ee fi ofiif boojite akeeka isii fudhatan ijaarrattee of dura ofuudhaan daandii Oromiyaa ittiin seentu saaqqatte. Oromiyaa ittiin dhuunfattee ummata Oromoo irratti ramaduu dhaan gurraa fi ija godhattee ummata Oromoo fi Oromiyaa ittiin tohatte.
Ilmaan Oromoo waggoota dheeraaf mirga abbaa biyyummaa fi dirmokraasiif jecha osoo diinaan qabsawaanii wareegaman hedduu dha. Kanneen akka Elemoo Qilxuu, Taddasaa Birruu, Maammoo Mazammir, Baaroo Tumsaa,Magarsaa Barii,Gadaa Gammadaa fi kkf akka fakkeenyaatti dura kaafamani dha. Maqaa gootowwan Oromoo kanneeniis qabriin olitti jiraata. Seenaa fi maqaan isaanii onnee Ormoo walabummaa fi bilisummaan hawwii isaa tahe hunda keessa jira. Ummatni Oromoo kabajaa fi jaalala qabuuf irraas bara baraan isaan yaadata. Seenaan isaanis dhalootaa dhalootaatti akka dabru taasisa malee akka ilmaan Oromoo kanneen sirna farra ummata Oromoo osoo tajaajilanii dabranii akka golgamu ykn dhokfamu hin haayyamuu.
Oromoo alagaaf ulee ta’ee Oromootti duulee fi Oromoota Oromoof jecha lubbuu isaanii wareegan kaasuun kan barbaachiseef ilmaan Oromoo yeroo ammaa humna tikaa, poolisaa fi raayyaa loltuu Wayyaanee keessa jiran seenaa dabre kana irraa maal irraa baratu? gaaffii jedhuuf deebii argamsiisuufi. Yeroo ammaa kana ilmaan Oromoo bittaa gabrummaan haa gahu jechuun fincila diddaa gabrummaa golee Oromiyaa hunda keessatti adeemsisaa jiran. Maarree har’as “harki harka nyaachun” itti fufa moo wal nyaachuun hafee waliif hirkoo taana? Har’as akkuma kaleessaa obboleewwan keenya ajjeesnee haraamofnaa? moo gootummaa fi ogummaa qabnu mirga saba keenyaa argamsiisuu irra oolchina? Gaaffiilleen kun ilmaan oromoo sirna kana tajaajilaa jiraniin deebii argatuu qaba.
Dhalli Oromoo ammaan booda ulee alagaa ta’ee lammii isaa reebuun hafuu qaba. “Maqaan baduu mannaa, mataan baduu wayya!” kan jedhu makmaaksa abbootii dalagaan argisiisee, wareegama barbaachisu baasee lammii isaa walabummaa, bilisummaa,walqixxummaa fi mirga namoomaaf falmatu waliin hiriiree cunqusaa jalaa baasuutu irraa eegama.
Mootummaan Wayyaanee, waan hunda dhuunfatuu wayta mirkaneeffatetti, sabboontota Oromoo waraana isaa keessa turan, maqaa deggertummaa ABO fi malaammaltummaan kaan hidhee, kaanis hojii ala taasisuu dhaan, bakka furtuu mara ilmaan Tigraay qabsiiseera. Kaan Ilmaam Oromoo ammoo saba isaanii irratti duulchisuu dhaan qabeenyaa isaa saamaa jiraatuu itti fufuuf duula addaa eegalee jira. Kanaaf fedhii gita bittuu Tigraay kana doomsuu dhaan mirga saba keenyaa kabajsiisuuf sabboontota obboleewwan keenyaa waliin hiriiruun yeroon amma jenna.
Oromiyaan shira gita bittotoa Habashootaa fi gabroomfattoota Awurooppaan cabdee bittaa alagaa jala erga galtee kunoo jaarraa tokkoo irratti ganni kudhanii ol lakkaawamee jira. Bitootni Impaayera Itoophiyaa ganna dhibbaa ol kana keessatti gootaa fi beekaa Oromootti osoo hin fayyadamiin yeroon itti of danda’anii Saba Oromoo, sabaa fi sab-lammoota kibba Impaayeratti itti bitan hin turre. Waan taheef ilmaan Oromoo gahee fi dandeettii qaban of irratti beekuu dhaan qaroomnii fi qabeenyi, gootummaa fi beekumsi keenya ammaan booda saba keenyaaf ooluu qabaa jedhanii murteeffatnuun qabsoof hiriiruun irraa eegama. Murtiin kun addatti kanneen mootummaa Wayyaanee amiinummaan tajaajilaa jiran ilaallata. Kanneen qindeeffannee saba keenyaaf hojjennaan, alagaa qe’ee keenya keessatti numaan nu miidhaa jiru of irraa galchinee yeroon itti akka sabaatti kabajaa nuuf malu of gonfachiisnu fagoo hin tahu. Alagaaf ulee ta’uu dhiisanii, dandeettii ofii mirga saba ofiif oolchuun xurii seenaa of irraa haquun yeroon isaa amma. Akka sibiiilaan, sibiila tumanii akka fedhii ofiitti itti gargaaraman, Oromoon Oromoon cafaqanii, qabeenya Oromiyaan jiraachuun ammaan raawwachuu qaba. Kanatti xumurakangodhu ammoo dhala Oromoo hunda akka tahe wal nama hin gaafachiisu. Kanaaf harka wal qabannee haa kaanu. Dhalli Oromoo alagaaf ulee ta’uu toobbachuu qaba. Harki Oromoo, Oromoo mirgaa isaaf falmatutti dhukaasee yookaan rukutee madeessuun fi ajjeesuun haraamummaa dha. Mirga waloof waloon falmachuuf, waloon haa kaanu!
Injiftnoo Ummata Oromoof!
Ebla 2011
