Fincilli Itti fufe, Wayyaaneen Network qunamtii balleesite.

Fincilli Itti fufe, Wayyaaneen Network qunamtii balleesite.

Gootonni Barattooti Oromoo University Haromayaa Ebla 14,2011 irraa eegalanii hanga guyyaa har’aatti fincila diddaa gabrummaa itti fufanii jiru. Mootummaan Orom-nyaataa Wayyaanee barattoota Oromoo gaaffii mirga eenyummaa gaafataniif deebii deebisuu haqachuu irraan barattoota hidhuu fi rasaasaan madeessuun tooftaa godhatee jiraatu illee,gootoni barattooti Oromoo bakka hundatti jagnummaan dura dhaabbachuu itti fufanii jiru.

Ebla 19,2011 Diddaa barattooti Oromoo mooraa University Haromaya keessaatti mul’isaniin mootumman Wayyaanee humnoota poolisaa fi tikaa kan feederaalaan barattoota hedduu fuudhee bakka hin beekaneen geessuun hubatame.Kanneen keessaa.

  1. SILASHI SORI   Afan oromo 3rd yr,
  2. IFA OBSI  animal science 3rdyr
  3. BIRHANU  Agri 3rd yr.

Warri jedhaman keessatti argamu. Barattooti kanneenii fi warren armaan dura harka sirna Orom-nyaataa galan illee qabsoo keenyatti daran nu jabeessa malee duubatti nu hin deebisu kan jedhu dhadannoon moraa University Haromaya keessatti akka deemsisfamaa ture qeerroon beekssifti.

Kana malees moraalee University Jimmaa,Arbamicii,Mizan Teeppii,Wallaggaa,Hawaasaa fi kanneen kaanittis fincilli diddaa gabrummaa itti fufee jiraachuun beekamaa dha. Loltuun feederaalaa haala barattoota Oromoo kana tohatanii tasgabbeessuu akka hin dandeenye qeerroon gabaasti.

Gama kaaniin mootummaan Wayyaanee naannoo fincilli diddaa gabrummaa deemaa jiruu fi godinoota Oromiyaa bakka hedduu irraa network telefoonaa fi interneetaa ciree qunnamtiin ummataa akka adda cite jiru beekama.