(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Jimmaa, Ebla 20, 2011)Barattooti Oromoo University Jimmaa baratan akkuma barattoota Oromoo naannoo addaa addaa irraa gaaffii mirgaa, bilisummaa fi democracy gaafataa jiran; waammichi diddaa fi fincila ummataaf hiramus bakka adda addaatti maxxanfamaa akka jiru beekame.
Bittaa sirna wayyaanee eaggoota 20f fulla’etti iggitii tolchuuf sochiin biyya keessattii, keessattuu barattootaan eegalame karaa hundaan babal’atee jira. Barattootis sirna bulchiisa Wayyaanee mormuun humna wayyaanee ifaa fi dhoksaan isaan keessatti ijaarame ofirraa dhorkaa diddaa isanii itti fufanii jiru.
Haga yoonaatti waraqaan waamicha Qeerroo baadiyaa fi magaalaa adda addaa keessatti bittimsamaa kan jiru yoo ta’u, dhimma kanaan walqabatee caasaa OPDO keessattiyyuu wlshakkii fi walhidhuun babal’atee jira.
Gama kaaniin diiddaa babal’achaa jiru qabbaneessuu fi ukkaamsuuf jecha barattoota Oromoo hidhuu fi ukkaamsuun itti fufee jira.
Akka kanaan gaafa Ebla 18,2011 mooraa University Jimmaa keessaa fincila qindeessitan jechuun humnaan qamamanii bakka hin beekamneen kanneen geeffaman jagnoota barattoota Oromoo keessaa:-
- Barata Tufaa Baacaa BISC waggaa 3ffa kan baratu,
- ” Tolasaa Jabanaa Economics Waggaa 3ffa ka baratu
- ” Shibbiruu Law ” ” ” ” ,
- ” Darajjee Guutuu Agri. ” 1ff “
- ‘’ Shaafii banking waggaa 2ffaa
Kana malees barattoota lakkoofsaan hedduu tahan FDG gaggeesitan jechuun bakka mooraa keessaan walitti guuruun hidhaa yeroo gabaabaa hidhanii haagadhiisan malee barattooti kanneen keessan warra qabaman hanga deebi’an fi gaaffiin Ummata Oromoo hanga deebi’u diddaan keenya itti fufa kan jedhu ejjennoo fudhachuun beekame.
Gama kaaniin University Arba-miinci fi University Wallaggaa keessaa barattoota hedduu galgala Ebla 17,2011 bakka hin beekamneen geeffamuu qeerroon mooraalee universitichaa gabaasanii jiru.
Naannoo kanneen keessaa maqaa fi guutummaa haala jiru gabaasuuf daandiin net work internet cituun dandqaa akka uumaa jiru beekamaa dha.Kanas tahu hanga ammaa Universiti Arbamincii keessaa barattooti humnaan qabamanee bakka buuteen wallalame keessaa:-
1.Seenaa Mararaa sociology and Anthropology 3rd year
2.Ashannaafii Mararaa civic 3rd
3.Tasfaa sociology 3rd
4.Roobee Dhaabaa geo
5. Warqee Dibaabaa English 3rd
6.Taaddasaa econmics 3rd
7. Magarsaa sociology 3rd
8.Katamaa sociology 3rd
9 .Waariyoo
10.Biqilaa Economics 3rd
11.Dammaraa Gammadaa civics 3rd
12.Dhugumaa chemistry 3rd
13.Tilaahun Fufaa Economics 3rd
14.Taakkalaa Aagaa sociology 3rd
15.Fiqiruu Tashoomaa Irrigation eng.
16. Ashabbir irrigation eng
17. Warisoo Management waggaa 3ffaa
18. Biqilaa Economics ” ” ,
19. Dhugumaa chemistry ” “,
20. Jamaraa Phisics ” “,
21. Biqilaa Iregation ” “,
Haata’uu tti, dameen Qunnamtii Qeerroo ibsa baaseen akka hubachiisetti, fincilli diddaa gabrummaa fi gaaffii mirgaa Oromiyaa guutuu keessatti qabatee jiru hanga galii isaa gahutti hin dhaabbatu.
“Amalli mootummaa garboomsaa yeroo kufaatiin isaa gahu gochaa hummata fayyaalessa irratti raawwachuub beekama,” kan jedhe ibsi kun, ummati keenyas gochaa diinaa kana gaddaan otuu hin ta’uun qooda fudhannaadhaan akka birmatu yaadachiisee jira.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk