(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 20, 2011) “Oromoo alagaaf ulee ta’ee Oromootti duulee fi Oromoota Oromoof jecha lubbuu isaanii wareegan kaasuun kan barbaachiseef ilmaan Oromoo yeroo ammaa humna tikaa, poolisaa fi raayyaa loltuu Wayyaanee keessa jiran seenaa dabre kana irraa maal irraa baratu? gaaffii jedhuuf deebii argamsiisuufi.
Yeroo ammaa kana ilmaan Oromoo bittaa gabrummaan haa gahu jechuun fincila diddaa gabrummaa golee Oromiyaa hunda keessatti adeemsisaa jiran. Maarree har’as “harki harka nyaachun” itti fufa moo wal nyaachuun hafee waliif hirkoo taana? Har’as akkuma kaleessaa obboleewwan keenya ajjeesnee haraamofnaa? moo gootummaa fi ogummaa qabnu mirga saba keenyaa argamsiisuu irra oolchina? Gaaffiilleen kun ilmaan oromoo sirna kana tajaajilaa jiraniin deebii argatuu qaba.”
Waamicha Ilmaan oromoo Humna Polisaa, Tikaa fi Waraanaa keessa jiraniif Qeerroo irraa kenname:
