የወያኔ የግፍ አገዛዝ ነባር አባላቱን በማራገፍ በአዲስ መልሶ በማደራጀት ላይ ነው

(የቀሮ ዜና ምንጭ /ፊንፍነ/ ሚያዝያ 18/2011) ዘረኛውና አምባገነኑ የወያኔ አገዛዝ በመላ ኢትዮጵያ የሚገኙ አባሎቹን የየመልሶ ማደራጀትና የማጠናከር ሥራውን አቀላጥፎ መቀጠል እንዳለበት ከበላይ አካል ትዕዛዝ መተላለፉን ኢህአዴግ ጽ/ቤት የሚገኙ የዜና ምንጮቻችን አስታወቁ፡፡

የዘረኛውና አምባገነኑ የወያኔ ኢህአዴግ አገዛዝ የመልሶ ማደራጀትና ቀደም ሲል የነበረውን መዋቅር የማጠናከር ሥራው በስፋት የሚካሄድባቸው መዋቅሮች በእናት ድርጅቶች (የየአካባቢው ነዋሪዎች) በሴቶች ሊግ፣ በወጣት ሊግ፣ በመንግሥታው ተቋማት- የቢሮ አደረጃጀት እና በመምህራንና ተማሪዎች አደረጃጀት ላይ ያተኩራል ያሉን የዜና ምንጮቻችን በዕድር ምክር ቤት ፎረም እና የልማት ጣቢያዎችም ላይ አዲስ ተዘዋዋሪ መዋቅር ይዘረጋል ብለውናል፡፡

እንደ ምንጮቻችን ገለጻ ይህ የመልሶ አደረጃጀት ያስፈለገበት ሁኔታ የተዳከመውን፣ የተሰላቸውንና በሙስና የተዘፈቀውን የኢህአዴግ ፓርቲ አመራር አባላትና ተራ አባላት በማራገፍ በምትኩ አዳዲስ አባላትን በማፍራትና በኢህአዴግ ፕሮግራም “በማጥለቅ” የማስፈጸም አቅምን ማጎልበትና  የወያኔ አገዛዝ  ዕቅድን በመተግበር የህብረተሰቡን ይሁንታ ማግኘት ነው፡፡

በዚህ የፓርቲ አባላት የመልሶ ማደራጀትና የማጠናከር ሂደት በርካታ የኢህአዴግ የአመራር አባላት ከፓርቲው የሚራገፉ ሲሆን፣ በምትካቸውም አዳዲስ የወያኔ አባላትን ወደ አመራር ደረጃ ከፍ በማድረግ እነርሱም በሂደት ሌሎች አዳዲስ አባላትን ለፓርቲው እንዲመለምሉ ሥልጠናዎች ይሰጣቸዋል ሲሉ ምንጮቻችን ገልጸውልናል፡፡

የሕዝብ ኃይል ያሸንፋል!

Waraqaan Diddaa Facaasamaa Jira;Wayyaaneenis Hidhaa Babal’iste!

(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 18, 2011) Hidhaa fi ukkaamsaan barattoota Oromoo irratti eegale, gara kaabinee bulchiinsa OPDO keessattis babal’ataa jira. Qeerroon hidhaa fi ukkaamsaa wayyaanee ciciranii gara injifannootti ce’uuf jabaatanii akka hojjatan illee gaafatame.

Oduu damee qunnamtii Qeerroo irraa nu gahaa jiru akka ibsutti, yeroo ammaa kanatti kaabineen bulchiinsa Harargee Dhiyaa akka jiranitti hidhaatti kan darbaman yoo ta’u, Goree fi Shaashamannee keessattis qorannoo booda qondaaltota OPDO akka hidhan beekamee jira. Hidhaan kun akkasumas barattoota oromoo qaroo fi jajjaboo ta’an irratti xiyyeeffatee babal’achaa jira.

Oduu godinaalee Oromiyaa mara keessa nu gahaa jiru irraa akka hubatamaa jirutti, wayyaaneen gooxii irraa haga naannootti qorannoo fi gimgamaa dhimma tikaa fi nageenyaa irratti xiyyeeffate gochaa jirti.

Haala kanaan dargaggooti akka fincila hin kaafneef dursanii miseensa OPDO/EPRDF akka ta’anii caasaa dadala xixxiqqoo jalatti liqii akka fudhatan sossobaa jirti.

Yeroodhuma kanatti ummati ijoollee isaa diddaa fi fincila kamirraayyuo akka ittisaniif maatii ijoolleef akeekkachiisti kennaumus, warri ijoollee immoo “mootummaan kan kabajamu yoo lammiin itti amanee dha; mootummaan lammiidhaan se’atamee fi jibbame dheekkamsa maatiin eegamuu hindanda’u,” jedhanii humnoota tikaa fi basaasa wayyaanee qaanessaa jiru.

Dargaggooti gama isaaniitii, “sossobbaan diinaaf hin bullu!” jedhanii walijaaruu fi dhaamsa qeerroo kan diddaa ummataa labsu waliif baay’isaa fi tamsaasaa jiru.

“Bilisummaa fi dimokiraasiin bakka hin jirretti, guddinni jiraachuu hin danda’u,” kan jedhan Qeerrooleen Oromiyaa keessaa sossobbaadhaan dhimma nagaa fi bilisummaa dabarsinee hin kenninu; dhumaatiin abbootii irreetti gduunfaa gochuu qabna,” jechuun diddaa fi fincila ummataa kaasuuf hojii isaanii jabeessanii itti fufaa jiru.

Kun kanaan otuu jiruu, barattoota Oromoo hidhuu fi hiraarsuun amma illee jabaatee itti fufee jira; barattooti Yunivarsitii adda addaa keessa baratanis to’annaa fi hordoffii jjaboo keessatti argamu.

Barattoota Ebla 15, 2011 hidhaman keessaa, Barataa Dani’el Tarreessaa Shonee, bakka dhalootaa Gedoo kan ta’e,Yunivarsitii Finfinnee, mummee Socieology kan barataa jiru, waggaa 1ffaa ,dormii isaa D-Block kan ture,humnoota tikaa mootummaa wayyaanetiin qabamee bakka hin beekamnetti geeffamee jira.

Akkasumas, Barataa Sanbataa Damee, yuunivarsitii Wallaggaa irraa qabamee bakka buuteen isaa akka dhabame qunnamtiin qeerroo gabaasee jira.

Hidhaa fi ukkaamsaan ilmaan Oromoo irratti jabaatus, diddaa fi fincilli ummataa bifa kamiinuu jabaatee kan itti fufu ta’uu dameen qunnamtii Qeerroo dhaamsa dabarsee jira. Qeeroon akkuma duratti tooftaa fi tarsimoo isaanii jijjiiraa bara aangoo wayyaaneetti  dhumaatii akka tolchan qunnamtiin qeerroo dabalee hubachiisee jira.

INJIFANNOO!!

Diddaan Barattootaa gara Raayyaa Waraanaatti Ce’e!

(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 18/2011) Diddaab abarattootaan eegalame gara ummataa gahuu bira darbee raayyyaa ittisa biyyaa keessatti dhalachuu isaa oduun damee qunnamtii Qeerroo humna ittisa biyyaa irraa nu gahe addeesse.

Oduun humna raayyaa wayyaanee keessaa nu gahe akka hubachiisutti, wayyaanoti ummata shakkuu fi sadaachuu irraa kan ka’e humna waraanaa fi ummata addaan baasuuf shira adda addaa xaxaa jira.

Akka tarsimoottis, raayyaan ittisaa ilaalcha siyaasaa irraa qulqullaa’uu qaba aguuggii jedhuun qorannaan akka humna ittisaa sadarkaa sadarkaa addaa addaa keessatti godhamuuf akeekamee jira.

Akka kanaan gidduu kana qorannaan humna tikaa fi ittisaa keessatti dhoksaan erga godhamee booda qorannaan kun qondaaltota waraanaa dhaloota saboota biroo kan ta’an kan akka Oromoo, Ogaadeen, Amaaharaa fi kanneen cunqurfamoo irraatti jabinaan akka gaggeeffame ajajni darbee jira.

Qorannoo kun immoo humna ittisaa keessatti walshakkii duraan ture babal’isuu bira darbee, yeroo ammaa kana kanneen qondaalummaa qaban akka biyya fincilan kakaasee jira.

Odeessa boodana nu gaheenis, guyyoota lamaan kana keessa qondalotaa fi waraana Itophiyaa karaa Kibbaa jiran keessaa humni guddaan mootummaa Keeniyaatti harka kennatanii jiru.

Humna Waraana  mootummaa Keenyatti harka  kennatan keessattis qondaaloti olaanoo sadii, Shalaqaa Alamuu Namarraa, Kolonel Hailemariam Kumsaa Waqayyoo fi Kolonel Gammachuu Kabadaa Furgasa yoo ta’an humni waraanaa 50-60 gahu  waliin akka harka kennate beekmee jira.

Sababaan himame kanaan mootummaan Itophiyaa yeroo ammaa human waraanaa keessaa kanneen saboota biroo ta’an irratti basaasota ramadee eegaa fi to’annaa gochaa akka jiru beekameera. Yeroo ammaa kanas kellaawwan gara Mooyyaleetti nama geessan hedduu eegamaa jiru; karaa Sudaan illee namoota bahuuf yaalan qabanii deebisuutti akka jiran beekamee jira.

Ilmaan Oromoo Mana Hidhaa Qaallitti Keessaa Dhabaman!

(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 18,2011) Diddaa fi fincila ummataa biyyatti keessatti mandi’aa jiruun kan baaragde Wayyaaneen hidhamtoota siyaasaa illee gara dabarsuutti akka jirtu beekame.

Maddi qunnamtii Oduu Qeerroo akka mirkaneeffatetti, hidhamuu fi butamuu barattoota Oromoo irratti baatii kana keessa eegalameen kan walqabate, kanneen kanaan dura Oromummaa fi ilaalcha siyaasaa isaaniin hidhamanii mana hidhaa Qaallittii keessatti gidirfamaa jiran illee ukkaamsamanii bakka buuteen isaanii dhabamee jira.

Akka kanaan, Injiner Mesfin Abebe/Rasoo Abdisaa fi Tasfaahun Camadaa/Barii Mana hidhaa Qaallitti keessaa bakka buuteen isaanii dhabamuun beekamee jira. Akka qunnamtiin oduu Qeerroo qulqulleefatetti, ilmaan Oromoo kunneen sababa hin beekamneef  kutaa hidhaa keessa jiran keessaa gaafa 04/04/2011 (halkan Dilbataa Wixatatti barihu) hidhattoota wayyaaneen ija fi harki isaanii hidhamee bakka buuteen isaanii wallaalameera.

Injinarooti ilmaan Oromoo kunneen Ebla bara 2007, keessa mootummaa Kenyaatiin Nirobi irraa ukkamfamanii fi gidiraa guddaa irratti gaggeeffamaa turee booda Wayyaaneetti dabarfamanii kennaman.

Akkaataa fi Sababa itti qabaman kan seenaan of dura kan baasu ta’us, erga harka tika Keeniyaa galanii irraa kaasee hiraarii fi gidiraa hedduu fi guddaa irra gahee booda gaafa May 12, 2007 halkan keessaa sa’aa 2:00tti humnaan ukkaamfamuun harka fi iji isaanii hidhamee Wayyaaneetti dabarfamanii kennaman.

Erga wayyaaneetti dabarfamanii kennamanii yeroo waggaa tokkoo fi ji’a sadiif otoo aduu, ija firaa fi hiriyyaa hin argiin qoratnoon hamaa irratti gaggeeffame booda gara mana hidhaa qaallittiitti dabarfaman.

Erga qaallittiiti dabarfamaniis yakki dharaa tolfameefi dhadhachi fakii manni murtii wayyaaneetti deddiibihaa turanii; ragaa qabatamaa tokkoon alatti, badii isaan hin dalagnetti yakkamuun gaafa Caamsaa 31, bara 2010; Injiner Mesfen Ababaa/Raasoo irratti du’ti yeroo muramu Injiner Tasfahun Camadaa irratti ammoo hidhaa umurii guutuu dabarfame.

Ilmaan Oromoo saba fi biyya isaaniif dhama’aa turanii fi of durallee waan guddaa dalaguu dandahan, sababa ilaalcha siyaasaa isaaniif qofa ijii fi harki isaanii hidhamee murtiin dabaa irratti darbee ture xiqqaate jedhanii hardhas ilmaan Oromoo kana ijaa fi harka hidhanii mana hidhaa keessaa ukkaamsuun gabaafame!

Sabboontoti ilmaan Oromoo dhimma kana hordofaa jiran sababa dhimma kanaaf kaahan yoo jiraate tokkoffaan wayyaanooti shiraa fi yakka kijibaan murtii du’aa fi umurii guutuu irratti dabarsan raggaasifatuuf shiraa jiran yeroo jedhan kan lammaffaa ammoo imaammati wayyaanee Oromoo qaamaan qofaa hidhuun gahaa miti jedhu hojiitti hiikaa jirti jedhu. Wayyaanooti Oromoo qaamaan qofaa hidhuu otoo hin taane haamlee isaas cabsamuun barbaachisaa dha jedhanii waan amananiif ilmaan Oromoo kana qaamaan isaan hidhuun garaa isaan gahuu dadhabee haamlee ilmaan cabsuuf hiraarsaa jiran jedhu.  

Kanaaf yakka mirga dhala namaa irratti dalagamaa jiru kana warri mirga dhala namaaf falman kan akka human right watch, amnesty international, red cross, Oromo Support Group fi kan biroos dhimma kana itti dhiyeenyaan hordofuun hiraarfamuu fi dhabama lubbuu ilmaan Oromoo kanaa oolchan dhiibbaa godhan sabbontoti Oromoo dhaamsa jabaa dabarsaa jiru.