(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 18, 2011) Hidhaa fi ukkaamsaan barattoota Oromoo irratti eegale, gara kaabinee bulchiinsa OPDO keessattis babal’ataa jira. Qeerroon hidhaa fi ukkaamsaa wayyaanee ciciranii gara injifannootti ce’uuf jabaatanii akka hojjatan illee gaafatame.
Oduu damee qunnamtii Qeerroo irraa nu gahaa jiru akka ibsutti, yeroo ammaa kanatti kaabineen bulchiinsa Harargee Dhiyaa akka jiranitti hidhaatti kan darbaman yoo ta’u, Goree fi Shaashamannee keessattis qorannoo booda qondaaltota OPDO akka hidhan beekamee jira. Hidhaan kun akkasumas barattoota oromoo qaroo fi jajjaboo ta’an irratti xiyyeeffatee babal’achaa jira.
Oduu godinaalee Oromiyaa mara keessa nu gahaa jiru irraa akka hubatamaa jirutti, wayyaaneen gooxii irraa haga naannootti qorannoo fi gimgamaa dhimma tikaa fi nageenyaa irratti xiyyeeffate gochaa jirti.
Haala kanaan dargaggooti akka fincila hin kaafneef dursanii miseensa OPDO/EPRDF akka ta’anii caasaa dadala xixxiqqoo jalatti liqii akka fudhatan sossobaa jirti.
Yeroodhuma kanatti ummati ijoollee isaa diddaa fi fincila kamirraayyuo akka ittisaniif maatii ijoolleef akeekkachiisti kennaumus, warri ijoollee immoo “mootummaan kan kabajamu yoo lammiin itti amanee dha; mootummaan lammiidhaan se’atamee fi jibbame dheekkamsa maatiin eegamuu hindanda’u,” jedhanii humnoota tikaa fi basaasa wayyaanee qaanessaa jiru.
Dargaggooti gama isaaniitii, “sossobbaan diinaaf hin bullu!” jedhanii walijaaruu fi dhaamsa qeerroo kan diddaa ummataa labsu waliif baay’isaa fi tamsaasaa jiru.
“Bilisummaa fi dimokiraasiin bakka hin jirretti, guddinni jiraachuu hin danda’u,” kan jedhan Qeerrooleen Oromiyaa keessaa sossobbaadhaan dhimma nagaa fi bilisummaa dabarsinee hin kenninu; dhumaatiin abbootii irreetti gduunfaa gochuu qabna,” jechuun diddaa fi fincila ummataa kaasuuf hojii isaanii jabeessanii itti fufaa jiru.
Kun kanaan otuu jiruu, barattoota Oromoo hidhuu fi hiraarsuun amma illee jabaatee itti fufee jira; barattooti Yunivarsitii adda addaa keessa baratanis to’annaa fi hordoffii jjaboo keessatti argamu.
Barattoota Ebla 15, 2011 hidhaman keessaa, Barataa Dani’el Tarreessaa Shonee, bakka dhalootaa Gedoo kan ta’e,Yunivarsitii Finfinnee, mummee Socieology kan barataa jiru, waggaa 1ffaa ,dormii isaa D-Block kan ture,humnoota tikaa mootummaa wayyaanetiin qabamee bakka hin beekamnetti geeffamee jira.
Akkasumas, Barataa Sanbataa Damee, yuunivarsitii Wallaggaa irraa qabamee bakka buuteen isaa akka dhabame qunnamtiin qeerroo gabaasee jira.
Hidhaa fi ukkaamsaan ilmaan Oromoo irratti jabaatus, diddaa fi fincilli ummataa bifa kamiinuu jabaatee kan itti fufu ta’uu dameen qunnamtii Qeerroo dhaamsa dabarsee jira. Qeeroon akkuma duratti tooftaa fi tarsimoo isaanii jijjiiraa bara aangoo wayyaaneetti dhumaatii akka tolchan qunnamtiin qeerroo dabalee hubachiisee jira.
INJIFANNOO!!
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk