(Oduu Qeerroo, Haromaayaa, Ebla 17, 2011) Mooraa Yunivarsitii Haromaayaa keessatti diddaa fi fincilli barattootaa akka hin kaane gochuuf Ebla 15, 2011 irraa kaasee baratan tokko doormii hiriyyaa isaa akka hin deemne godhamaa jiru.
Guutummaan mooraa sunis to’annaa waraanaa jala kan gale yoo ta’u, barataan tokko yemmu bilokii irra ga’u waraqaa eenyummaa isaa agarsiisetu daraba. Humni polisii federalaas kan dura jiru irratti, konkolatota 5 dabalataan osoo baratoni arganii moaraa keessaatti harcafamanii jiru.
Akkasumas barataan tokko yoo library senu sakata`a addatin sena; mooraa keessa asifi achi deemuun dhorkadha. Sababa kanaanis guyyaa har’aa damee barnootaa kan muumeen sociology ta’e, sagantaa guyya har`aa kan ittiin guyya maangudotaa kabajuuf mooraa eyamsiisanii turan dura taa`aa mooraa kanafi gareen poolisi akka sochii tokko hin goone waan dhorkaniif hafee jira.
Yeroo barattooti gaaffiin isaanii kan barattooti hidhaman haa hiikana, jedhuuf deebii eeggachaa turanitti, meeshaa gurguddaan mooraa barnootaa kan weerare mootumaan Wayyaaneen dhuunfatame uggurri sochii tolfamuun barattoota hedduu dheekkamsiisee jira.
Guyyaa har’aas barattooti kunneen nyaata lagatanii diddaa fi fincila isaanii kan itti fufan yoo ta’u, keessaayyuu kan hara`a waanti adda isaa godhu gaaffiin waa`ee barattota hidhamanii akka har`aatti deebi`u kan waadaa galame ukkaamsaa haaraa dhalchee dhufuu isaa ti jedhamee jira.
Yeroo ammaa kanattis humni hin beekamne ijoolleen Universitii dhiisanii gara warra isaaniitti akka deeman dhaamsa dabarsaa kan jiru yoo ta’u, barattooti garuu achuma haga gaaffiin isaanii kan walii galaa hiikamuutti akka hin sochoone dhaammataa jiru.
Gaaffiin barattootaa inni fardii kanneen seeraan ala barnoota isaanii irraa qabamanii hiraarfaman akka gadhiifaman kan gaafatu yoo ta’u, nagaa fi bilisummaa biyyattii keessatti dagaagsuuf dhibdeen siyaasaa biyyattii akka hiikamuu fi hidhamtooti siyaasaa Oromoo hundi haalduree tokko malee akka hiikaman kan gaafatuu ta’uun labsii warraaqsa qeerroo irraa kan hubatamuudha.
INJIFANNOO





