Finfinnee Barattooti Hidhamaa jiru; Fincillis Itti Fufe!

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 15, 2011) Diddaa ummataatiin raafamaa kan jiru, mootummaan Mallasaa humnoota isaa “Agaazii” barattoota irratti bobbaasee hidhuu fi hiraarsuu itti fufee jira. Barattootis “diddaan karaa nagaatiin taasisamu aangoo abbootii irreetti daangaa tolchuuf malee nagaa fi misooma biyyaatti gufuu ta’uu miti,” jechuun diddaa isaanii itti fufanii jiru.

Guyyaa har’aas barattooti Yunivarsitii Finfinnee kan mooraa jaha keessa baratan, humnoota tikaatiin qabamanii gara hin beekamnetti geessamaa jiru. Keessaayyuu, guyyaa har’aa, ebla 15, 2011,  barataa Abdisaa Baqaallaa,  waggaa 4ffaa History kan baratu, humnooti tikaa ukkaamsanii bakka hin beekamnetti geessanii jiran.

Haaluma walfakkaatuun barataa Geettuu Saqaataa, waggaa 5ffaa kan seera[law] barataa jiru, bakka inni barumsaa fi hojii itti shaakalaa ture, mana murtii Oromiyaa irraa qabanii gara hin beekamnetti dabarsan kanneen ijaan argan nuuf dhaamanii jiru.

Har’a ganama naannoo saatii 9:00AM irratti  immoo mooraa kiiloo 6 keessaa barataa Nagaa kan waggaa 4ffaa  barnoota muummee Poletical science baratu qabanii gara hin beekamnetti akka geessan barameera.

Humni Wayyaanee sodaan guutame baratttoota hidhuu keessa darbee humnoota isaa tikaa fi basaasaa mooraa Yunivarsitii keessatti bobbaasuun akka isaan barattoota ukkaamsan gochaa jrti. kana malees, yeroo ammaa kanatti hidhattooti Wayyaanee barattoota fakkaatanii doormii keessa akka jiraatan kan godhame ta’uun beekamee jira.

Haala kana irratti dameen Qunnamtii Qeerroo ibsa baaseen gochaa saalfachiisaa akkanaa balaaleffatee, ummati nagaa fi bilisummaaf dhaabatan martuu gochaa kana akka balaaleffatan gaafatee jira.

Ibsi qeerroo kun itti dabaluunis “waantii namaa gaddisiisu yeroo hidhattooti wayyaanee seeraan ala barattoota fakkaatanii doormii keessa galanii barattoota hidhaa fi ukkaamsaa jiranitti aangoowwan yunvarsitichaa usuun isaanii seenaa keessatti kan isaan gaafachiisuudha,” jedhee jira.

Kana malees, kanneen barattoota fakkaatanii hojii basaasummaa gaggeessaa jiran adda bahanii beekamuu isaanii kan saaxile ibsi qeerroo kun warreen gochaa jibbamaa fi abaaramaa kana irratti bobba’an yoo hojii kana irraa hin dhaabbatan ta’e, maqaa fi suuraan isaanii sadarkaa sadarkaan akka saaxilamu akeekkachiisee jira.

Hidhamuu fi ukkaamsamuu barattoota kanaan walqabatee, guyyaa har’aa mooraan kiiloo jahaa jeequmsa irra kan oole yoo ta’u, barattooti hidhaman akka hiikaman, kannneen seeraa ala mooraa mana barumsichaa keessa qubatan akka gadhiisanii bahan gaafataa oolanii jiru.

Qunnamtiin qeerroo akka gabaasetti, guyyaa har’aa naannoo mooraa 6 keessaa  keessaa akka barattooti walitti hin qabamnneef humni tikaa fi waraanni wayyaanee dhorkaa fi ariihaa jirti. Ijoolleen garuu “obbolaan keenya haa hiikaman!” jechaa jiru. Diddaa fi fincilli barattootaa kun Oromiyaa bahaa keessattis ka’ee jira; hidhaa fi ukkaamsaan illee akkasuma itti hammaatee jira.

INJIFANNOO!!

“Haga Barattooti Hidhaman hiikamanitti, Barumsatti Hin Deebinu!” BUA

Yunivarsitiin Arbaa-Miinci Humnoota Tikaa Wayyaaneen Marfamee Jira!

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 15, 2011)Guyyaa har’aa  Ebla 15,bara 2011 gootonni barattooti Oromoo Yuniversitii Arbaa-Miinci, (BUA)  mooraa isaanii keessatti FDG gaggeessanii gaaffii siyaasaa fi mirgaan mootummaa Wayyaanee baaragsaa akka jiran gabaasame.

Gabaasaan Qeerroo akka hubachiisetti, akeekni diddaa FDG barattootaa kaayyoo nagaa fi bilisummaatiin kanneen gaaffii mirgaa fi siaaysaa gaafatan cina dhaabbachuu fi kanneen ukkaamfamanii hidhaman akka hiikamaniif deeggarsaa fi birmannaa barbaachisu kennuuf  ta’uun hubatamee jira.

Baratoooti Oromoo mirga ummata isaanii fi saboota kanneen Ethiopia keessatti cunqurfamoo tahaniif falmii godhaa jiran kun milishooti federaala Wayyaanee meeshaa guguddaa fi salphaa hidhatanii mooraa san keessaa akka hin baane yoo dhorkan iyyuu mooraa keessatti walitti qabamuun gaaffiilee mirgaa qondaalota Wayyaanee fi ergamtoota mooraa University saniif dhiheessanii jiru.

Barattooti kunneen wayituma kanatti gaaffiilee mirgaa dhiheessan keessaa:-

  1. Barattooti Oromoo badiin tokko malee University adda addaa keessaa hidhaman haal duree tokko malee amma irraa akka gadi lakkifaman.
  2. Hidhamtooti Oromoo bakka hundatti sababaa ABO deggertuun hidhaman yeroo gabaabaa keessatti akka gadi lakkifaman.
  3. Abbaan qabeenyaa fi abbaan biyyummaa ummata Oromoo akka mirkanaawu. Fi kkf gaafataa turan.

Kana irratti dabalee xalayaa labsii sochii dargagoota biyyoolessaa bilisummaa fi dimokraasiin labsame mooraa san keessatti lukkee Wayyaanee fi Wayyaanotatti hiraa akka oolan qeerroo mooraa University sanii irraa gabaafame.

Akka labsiin kun hirameen kan baaragde Wayyaaneen mooraa keessaa humnaan barattoota 50 tana qabuun gara mana hidhaa hin beekamiinitti  akka geessitee jirtu gabaasi addeessa.

Fincilli kun hanga gaaffiin ummata Oromoo deebi’utti kan itti fufu tahuu dargaggooti Oromoo mooraa University Arba-Miinci keessaa baratan beeksisuu isaanii qunnamtiin qeerroo Arbaa-Miinci irraa gabaasee jira.

INJIFANNOO!!

Labsii Barattootaa:Bilisummaa, Walabummaa fi Dimokiraasiin Ni Mo’ata!

Warraaqsi Itoophiyaa keessatti mandi‟uuf jiru fakkii warraqsota biyyoota Kaaba Afrikaa, kan akka Tunisia, Egypt fi biyyoota Giddu-galeessa Bahaa ti. Sochiin ummataa godinaa kanneen keessatti eegalame ergaa seena-qabeessa tahe addunyaa hubachiise. Haalli keessa jirru yeroo itti dimokirasii fi sagaleen ummataa bulchiinsa abbaa irrootaa fi sirna cunqursaa siyaasaa isaan gaggeessan irratti ol-aantummaa argate tahuu mirkaneesse. Haa tahu malee hundeen dhibdee sochii warraaqsa nuti gaggeessinu fi wareegamni nu gaafatu warren kan irraa addummaa qabaata.

Nuti bartootni Oromoo fi bartootni saboota miidhaa bittaa jala jirruu ummata Itoophiyaas tahe hawaasa addunyaatti quca warraaqsaa qabsiisuu keenya kunoo ifatti labsineerra. Seenaa wareegama bartoota Oromoo dhiheenya taasisameef bakka guddaa kennaa nutis wareegama bilisummaa baasuuf murteessanne.

Bara baraan gabrummaa keessa jiraachuu irra bilisummaaf utuu falmannuu, wareegama seena-qabeessa taheef kufuu filanne. Ummatootni Ittophiyaa keessaas yaamicha keenya dhagahanii, miidhaa, cunqursaa fi gabrummaa of irraa dhabamsiisanii, bilisummaa, walabummaa fi sirna dimokiraasii haqaa dhugoomsatanii biyya isaanii keessa kabajaan jiraachuuf goca bilisummaa bakka hundatti akka qabsisanii qalbii fi onnee guutuun akka nu waliin hiriiran guddisnee abdanna. Waan taheef:

1fa- Bulchiisni Adda Bilisummaa Ummata Tigray ykn Adda Dimokirasii Warraaqsa Ummatoota Itophiyaa ofiin jedhu: Mootummaa gosummaa irratti of ijaare, kan caasaa jaarmayaa Stalinistummaan masakamu, kan bu‟ura siyaas-hawaasummaa fakkaattii tarkaanfachiisu waan taheef;

Sirni Federalummaa gartuun kun ittiin of fakkeessus sirna shiraan guutame, tokkummaa ummataa addaan diigee, qoqqoodee ittiin bituuf saganteessate waan taheef; Mootummaan kun sabootaa fi sab-lammoota kanneen akka Oromoo, Ogaaden, Sidaamaa fi Ummatoota Kibba biyyattii akka diina innikkaatti ilaalee itti duulaa hanga har‟aa waan gaheef;

Kanaaf, mootummichi dhugaa ummata biyyattii keessaa ukkaamsuuf jecha duula humna waraanaa waggaa 20f Oromia, Ogaden fi naannoo adda addaatti itti jiru, tarkaanfii waraanumaa fi lolaa, biyyattii keessaa saboota bittaa cunqursaa jalatti barootaaf kufanii jiran irraan geessisaa jiru akka irraa dhaabu jedhna.

2fa- Mallas Zenawi baroota bulchiinsa isaa, waggaa 20 guutuu, miidhaa fi cunqursaa hamtuu ummatoota biyyattii irraan geessiseen aangoo isaa jabeessataa waan deemaa jiruuf;

Bulchiisni Mallas Zenawi kunis dhiitama mirga namoomaa hammaate, kan ummata nagaa haala lammii biyyaa irra gahuu hin malleen dararkeessuu (harassment), lafa irraa buqqisuu, dararuu, guuranii hidhuu fi ajjechaa raawwataa waan yoona gahee jiruuf; Ummatni nagaan kumaatamaan manneen hidhaatti guuraman, badii takka malee manneen hidhaa keessatti hanga har‟aa dhiphachaa waan jiraniif;

Kanaaf: Hidhamtootni siyaasaa hundi haal-duree tokko malee daddaffiin akka hiikaman; Manni hidhaa Qorannaa Giddu-Galeessaa ykn ‘Maikelawi’ jedhamu kan lubbuun dhala namaa keessatti gatii dhabsiisame, kan dhala namaa keessatti dararuu, reebichaan qaamaa hir’isuu, akka beeyiladaatti keessatti gorrawuuf itti yaadamee ijaarame, akkasittis hanga har’aa lubbuu lammii biyyaa kumaatamaan keessatti galaafatamee fi galaafatamaas jiru haa cufamuu, giddu-galeessi diina lubbuu dhala namaa tahe kun daddaffiin haa diigamu jedhna.

3fa. Abbootiin taayitaa mootummaa Mallas Zenawii yeroo itti saamicha dinagdee gaggeessaniin soorumaa fi badhaadhina ofii akka guddina dinagdee biyyattiitti himataa jiran, ummatni Itoophiyaa keessaa garuu oolee buluuf iyyuu jireenya guyya guyyaa of dadhabaa waan jiruuf; 

Imaammata dinagdee dogoggoraa fi gowwoomsaa mootummichi gaggeessuun gatiin gabaa akka malee dabalaa, jireenyi ummata biyyattiitti hadhaawuutti dabalee mo‟achuun dadhabamaa waan jiruuf; Dhukkubni, beelli, hongee fi wallaalummaan mallattoo jireenya hawaasa waliigalaa Itoophiyaa keessaa tahee beekamaa waan jiruuf;

Kanaaf, Dhiheessiin mi’oota jireenya ummatichaa guyya guyyaaf barbaachisoo tattahan, kanneen akka sukkaaraa, mi’eessaa fi daabboo jarjartiidhaan ummataaf akka dhihaatan; Imaammatni dinagdee deega hamtuu ummata irraan geessisaa jiruu fi gatiin bittaa fi gurgurtaa gabaa to’annoo ala bifa saamichaan gaggeessamaa jiru akka daddaaffiin sirratu, oolee osoo hin bulin hojii irras akka oolu jedhna.

4fa- Bittaan mootummaa Mallas waa hunda keessaa harka kan qabu, keessattuu wiirtuu dinagdee biyyattii dhuunfaatti harkatti kan galchate waan taheef; Dhaabbileen dinagdee biyyattii keessaa miseensota Adda Bilisummaa Ummata Tigraayii maqaa „EFFORT‟ jedhamuun dhuunfatamuu fi haadha warraa Mallas Zenawi, Azeb Masifiniin to‟atamaa jiraachuun hiccitii ummatni biyyattii keessaa tolchee beeku waan taheef;

Kanaaf, qabeenyaan dhuunfaa maatii Mallas Zenawiin dhuunfatame akka ummataaf deebisamu, saamichi seeraan alaa maatii fi aantota isaan hanga har’aa gaggeessame, kan ifatti hin bahin dabalee haa qoratamu jedhna.

5fa – Ummatni biyyattii keessaa dhibba keessaa harki sagaltamni (90) jireenyi isaa qonnaatti hidhataa waan taheef; Dhaadannoon “Lafti kan Qotee Bulaaf Haa tahu” jedhu baroota 1960ta fi jalqaba 1970ta keessa belbelaa ture; kan bara 1974 biyya Itophiyaa keessatti ummata, siyaasa wal fakkaataa jala waliin hiriirsee, warraaqsa ummataa qabsiisuudhaan mootummaa Hayila Sillaasee aangoo irraa dhabamsiise;

Imaammata Saamicha Lafaa mootummaan Adda Bilisummaa Ummata Tigray gaggeessaa jiruun, ummatni dachee isaa dhabuun, buqqisamuu fi hoji-dhabilee taasisamuu irraa kan ka‟e, gabrummaa ammayyaa, kan aangawummaa hidhata dinagdee addunyummaan wal qabateen, har‟as naannoftuu haala fakkaattii keessa waan jiramuuf; 

Kanaaf, imaammatni deegsaan kun daddaffiin akka irraa dhaabbatamu, wal tahiinsi idil-addunyaa gurgurtaa dachee ummataa xiyyeeffate akka fashaluu fi diigamu jedhna.

6fa- Biyyi Itoophiyaa jedhamtu kun waggoota 20n (digdamman) dabran karaa siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee deega caalaa hammaate keessa seentee waan jirtuuf; Sirni siyaasaa mootummichi laf-jalaan ittiin gaggeessamu yaad-rimee (concept) Stalinistummaa waan taheef; Qoodumsaan aangoo walabaa kan seer-baastotaa, (legislatives) seer-murtootaa (judiciaries) fi seer-alangootaa (executives) dhugaadhaan addaan bahee karaa walabummaa isaanii eeggataniin hujii irra oolaa waan hin jirreef; Qaamota seeraa, kan walaba tahanii dhugaadhaan seera biyyattii keessaa hojjii irra oolchuun ture , bifa bulchiinsa Satlinistummaadhaan, Muummichi Ministeerotaa Mallas Zenawi aangoo fi ol-aantummaa irratti qabuun gara ofiif fedhutti daddabsaa waan jiruuf; Mallas Zenawi takkaahuu filamee (elected) kan hin beekne garuu sirna Satalinistummaa uummateen kan of foosisuu (selected) waan taheef; Kanaaf, Mallas Zenawi aangoo irraa bu’ee, waajjira akka gadi lakkisu barbaadna.

7fa- Filmaata biyyoolessaa Caamsaa bara 2010 gaggeessameen osoo mormitootni siyaasaa seeraan biyyattii keessatti galmaawan sagaltamaa (90) ol tahan dorgom jiranii, Addi Bilisummaa Ummata Tigiraayi, kan durumaan humnaan aangoo dhuunfate sagalee ummataa dhibba keessaa sagaltamii Sagalii fi tuqaa jaha (99.6%) aragachuu isaa haala tasumaa amansiisaa hin tahiniin waan labsateef; Gaggeessitootni filmaatichaa miseensotuma paarti aangoo bittaa of harkaa qabuu waan tahaniif; Maallqani filmaatichaaf ooluun irra ture, meeshaan sab-qunnatmii, humni poolisii fi tikiaa dhuunfata mootummichaa tahuu irraa kan ka‟e paartiin siyaasaa durumaanuu aangoo of harkaa qabu akka deebisee mo‟atuuf waan danda‟an hundaan filmaata walaba tahuun irra ture humnaan ukkaamsaa, mo‟icha paartii mootummichaaf garuu haala mijjeessaa waan turaniif; 

Filmaatni biyyattii keessatti gaggeessame jedhamu qaanfachiisaa tahuutti dabalee, addunyaa ittiin gowwoomsuuf xapha siyaasaa raawwatame tahuun ifatti waan mul‟ateef; Kanaaf, golli qaama paarlmaa biyyattii lamaan (2n) daddaffiin akka diigaman, Seera haqaa fi sirna dimokiraasii dhugaa biyyattii keessatti dhugoomsuuf mootummaan yeroo cehumsaa dhaabota sochii bilisummaa gaggeessaa jiran, jaarmota mormitoota siyaasaa adda addaa kan ammate haa utubamu jedhna. 

Injifatnoon Saba Cunqurfameef!

Bilisummaa fi Dimokraasiin Ni Mo’ata!!

Qunnamtiin Qeerroo:

Email : qeerroo2011@gmail.com

Facebook: Qeerroo Bilisummaa

Website: https://qeerroo.wordpress.com


Barattooti Hidhaman; Diddaan Itti Fufe!

(Oduu Qeerroo, Hawaasaa, Ebla 15, 2011) Humni tikaa wayyaanee barattoota Oromoo adamsee hidhuu isaa wayita itti fufee jirutti, barattooti Oromoo immoo diddaa isaanii jabeessanii babal’isaa jiru.

Maddi Oduu qeerroo akka nuuf gabaasetti, barattooti Oromoo Yunivarsitiilee biyyattii keessa baratan doorsisaa fi hidhaadhaan hiraarfamaa jiru.

Barataa Seenaa Mararaa

Akka kanaan Yunivarsitii Arbaa Miinchi keessaa barataa Seenaa Mararaa ukkaamsanii akka hidhanii fi barataa kanas mooraa keessaa qabanii yeroo deemanitti reebicha guddaa erga irraan gahanii booda qabanii  gara mana hidhaa hin beekamnetti fuudhanii deeman.

Hidhamuu barataa Seenaa Mararaan walqabatee mooraa University Arbaa Miinchi keessatti mormiin guddaa kan ka’e yoo ta’u,   guyyaa har’aa  Ebla 15,2011 guutummaatti hiriira bahanii mirga barattootaa fi guutummaa ummata cunqurfamaaf gaafachuuf ejjennoo fudhatanii jiru.

Haaluma walfakkaatuun barattoonni Oromoo mooraa University Hawaasaa keessatti baratan hedduun qabamanii hidhaatti darbamaa jiru.

Barataa Daagim Gizaw

Haga ammaattis barattooti Oromoo jajjaboo fi qaroo sadii gaafa Ebla gaafa 13, 2011 mooraa keessaa qabamuun gara mana hidhaa hin beekamnetti fudhatamanii jiru. Barattooti hidhamnis, Barataa Sayyoo electrical Engineering waggaa 3ffaa, Barataa Daagim  Gizaawu Electrical and Computer Engineering, Barataa Gadaa Raggaasaa Vetr waggaa 5ffaa kan baratu ta’uun beekamee jira.

Yeroo hidhaan kun babal’ataa jirutti, barattooti Oromoo immoo “qabsoo irratti hirmaannus dhiisnus reebamuufi ajjeeffamuun nuuf hin oolu. Kanaaf bu’aa buusaanii wareegama gaafatu kaffaluun filatamaadha,” jedhanii jiru.

Yeroo ammaas hidhaa ummata Oromoo irratti labsame gargalchuun hawaasti marti bakka jiru irraa walqabatee akka ka’u illee Qeerroon dhaamsa dabarsatanii jiru.

INJIFANNOO!!