(Oduu Qeerroo,Haromaayaa,14 Ebla 2011) Hidhaa fi hiraarsaa barattoota Oromoo irra gahu hatattamaan akka dhaabbatu barattooti Oromoo mooraalee Yunivarsitii adda addaa keessa baratan gaafatan.
Barattooti kun guyyaa kaleessaa hala rakkisaa keessatti wal qunnamanii akka dhaamsa dabarsatanitti barattooti hidhaman hatattamaan hin hiikaman taanaan barumsa akka dhaaban beeksisanii jiru. “Hidhaa fi Hhiraarsaanis diddaa karaa nagaatiin goonutti akka cichinee hojjannu nu gargaara,” jedhanii jiru.
Yeroo ammaa kana Oromoota hidhuu fi ajjeessuu irraan qabsoo ummata Oromoo ukkaamsuun fala jedhee kan itti jiru mootummaan Orom-nayaataa Wayyaanee ammas magaalotaa fi University lee irra deemee ilmaan Oromoo funaanee hidhuu itti fufee jira.
Akka kanaan Barattoota Oromoo barnootaan qaroo tahan keessaa gaafa Ebla 11,2011 halkan bakka ciisicha cabsanii itti seenuun kenneen hidhaatti geeffaman keessaa Barataa Mirreessaa Hayleyesus Qananii barataa Universal University clinical Pharmacy waggaa 3ffaa, Barataa Damee Olambe Universal University Clinical Pharmacy waggaa 2ffaa, Barataa Taddasaa Takkaleny University Finfinnee Journalism waggaa 3ffaa ta’uun beekamee jira.
Haga ammaatti barattoota Oromoo adamsanii hidhuun kan itti fufe yoo ta’u, haala isaan keessa jiran beekuuf yaaliin godhame hin milkaa’iin jira.
Odeessi turee nu aghe immoo barattooti Oromoo kunneen mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti hiraarfamaa akka jiranii fi keessaayyuu barataa Tolesa Farajaa University Jimmaa, Barataa Tufaa Baacaa University Jimmaa, Barataa Sanbataa Damee University Haromayaa, fi barataa Daandii Baqalaa, University Haramayaa irraa mana dukkanaa keessatti hidhamanii akka jiran beekameera.
Kana malees, barsiisota dhalootaan Oromoo tahan Kaampaasii Goteraa keessaa kanneen barsiisan ammoo Barsiisaa Alamayyo Garumaa, Barsiisaa Fayyisaa Alamineh fi Barsiisaa Dachaasa Magarsa kanneen jedhaman mana hidhaa bakka hin beekamiinitti geessuun hanga ammaa bakka jiran hin beekamu.
Kana malees college University Rift Vally keessatti barattooti Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan irraan bulchitooti Wayyaanee rakkoo uumanii haalli college kanaa yeroo gabaatti kan cufamuuf deemu tahuu qeerroon ni beeysifti.
Yeroo ammaa kana tikaa fi basaasaan wayyaanee heddummaachaa akka jiru kan dhaaman barattooti Oromoo, kanneen hidhaman martuu maatii fi firoottan isaanii waliin akka qalqunnamaniif yookaan abukaatoo seeraa akka argataniif waanti godhamee akka hin jirre beekameer jira. Sababa kanaan haala isaan keessa jiran beekuun hedduu rakkisaa waan ta’eef yaaddoon jiru guddaa dha. jedhamee jira.
Oduu Qeerroo


