(Qeerroo News, Finfinnee, Ebla 13, 2011)Oromoota hidhuu fi ajjeessuu irraan qabsoo ummata Oromoo ukkaamsuun fala jedhee kan itti jiru mootummaan Orom-nayaataa Wayyaanee ammos magaalotaa fi University lee irra deemee ilmaan Oromoo funaanee hidhuu fardeefatee jira.
Gabaasoti Qeerroo bakka adda addaa irraa odeessa nuu ergaa jiraniin akka mirkaneessanitti, wayyaaneen gama hundaan sagalee Oromoo ukkaamsuuf human qabdu amraan hojjacha ajirti.
Akka kanaan Barattoota Oromoo barnootaan qaroo tahan keessaa gaafa Ebla 11,2011 halkan bakka ciisicha cabsanii itti seenuun kenneen hidhaatti geeffaman keessaa:-
1. Mirreessaa Hayleyesus Qananii barataa Universal University clinical Pharmacy waggaa 3ffaa
2. Damee Universal University Clinical Pharmacy waggaa 2ffaa
3. Taddasaa Takkaleny University Finfinnee Journalism waggaa 3ffaa
4. Tolesa Farajaa University Jimmaa
5. Tufa Baacaa University Jimmaa
6. Sanbataa Damee University Haromayaa
Yeroo hidhaa Ma’ikelaawiitti darbitu, barsiisota dhalootaan Oromoo tahan Kaampaasii Goteraa keessaa kanneen barsiisan sadii;
1. Alamayyo Garumaa
2. Fayyisaa Alamineh
3. Dachasa Magarsa
mana hidhaa hin beekamiinitti geessuun hanga ammaa bakka jiran hin beekamu. Maatii fi firoottan isaanii haala kana irraa rifaatuu waan qabaniif bakkatti iyyatan dhabuun rakkachaa jiru.
Kana malees college University Rift Vally keessatti barattooti Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan irraan bulchitooti Wayyaanee rakkoo uumanii haalli college kanaa yeroo gabaatti kan cufamuuf deemu tahuu qeerroon ni beeysifti.
Dameen qindeessituu sagantaa diddaa Qeerroo dhimma kana irratti ibsa kenneen, hidhaa fi ajjeechaan sagantaa Qeerroo fashalsuuf yaaliin godhamaa jiraatus, “diddaan Qeerroou bifa kamiinuu hin dhaabbatu.” jedhee jira.
Isbi kun itti dabaluunis, “ wayyaaneen nu hiitus, nu ajjeeftus, nu darartus, nu madeessuu irra dabartee biyya keenya deegsitus abadan qabsoo irraa hin dhabbannu!” jedhee jira.
Oduu Qeerroo



