Qeerroo Oromiyaa;

Dhaamsa Diddaa Qeerroo Oromiyaa
Gadaan kun kan kee ti. Gadaa kana keessatti kaatee yoo oromiyaa garbummaa jalaa hin baaftu ta’e, biyyaa fi saba garbummaan dhaale keessatti hireen darbuuf deema. Kun immoo qaanii qaanii caaluu dha. Abbootiin keenya garbummaa didanii guca bilisummaa qabsiisan har’as si waliin qabsootti jiru. Atis, guca isaan qabsiisan saniin biyyaa fi saba kee qarriffaa garbummaa jalaa baaftee gara bilisummaatti akka tarkaanfachiiftu sirraa eegu. Kana waan ta’eef, bakka jirtutti hidhannoo kee jabeeffadhu!
Akkuma beeknu, hidhaa fi ajjeechaan akkuma kaleessaa sanatti mana keetti dhufaa jira. Diinni keenya karaa maraan nu balleessee ofii badhaadhuuf nurratti hojjachaa jira. Nuti, qeerroon immoo yoo har’a didne malee biyyaa fi saba egere dhaallee dhalootaa dhalootatti lachiifnu qabaachuuf hin jirru. Kanaaf, bakka jirtitti waan dandeessu mara godhi!
Diinni keenya duula walii galaa nurratti bane jira. Ijoollee mana hidhaatti guuramaa jiran irraa akka hubannutti nu kanneen hafne illee buluu keenya beeknus, oollee keenya beekuuf hin jirru; ooluu keenya beeknus, buluu keenyaaf wabiin hin jiru. Wabiin keenya otuu falminuu du’a seena qabeessa du’uuf of-qopheessuu qofaa dha.
Odeeffannuun humnoota tikaafi basaasaa irraa nu gahaa jiru akka hubachiisutti manneen fi oolmaan sabboontota Oromoo marti hordofamaa jira. Torbee as dhufuuf jiru, keessaayyu, jimaata eegalee haga dilbataatti duulli guddaa manneen barnootaa keessatti banamuuf qophaa’ee jira. Kanaafis, humni guddaan waraanaa fi garee farra-shororkeessitotaa keessaa walitti qindeeffamanii jiru. Qeerroon kana beektee, akkuma kanaan duraatti of-eeggannoo guddaa akka gootu haata’u. Caasaa qabdan maraanis dhaamsa keessan akka miidiyaalee adda addaa gahu godha. Yoo diina harka buutan bifa kamiinuu gowwoomtanii akka odeessa keessan hin kennine.
Kaayyoon keenya kanneen abbaa irrummaan dhiiiga ummataa xuuxaa jiran dhabamsiisuu malee ummataa fi gosa kmirrattiyyuu kan xiyyeeaffattee miti. Nuti kan itti jirru, tooftaa diddaa keenyaan qabsoo keenya karaa nagaa itti fufuu dha. Hin dagatiinaa! Nuti saba kamirraayyuu diinummaa hin qabnu! Diinni keenya kanneen aangoo ummataan duruumanii dhiiga ummataa xuuxaa bara baraan jiraachuu fedhanii dha. Galiin keenya sirna cunqursaa dhabamsiisuu dha.
Qeerroo! Bifa kamiinuu sodaatti harka kennachuu hin qabdu! Otuu sodaannuu du’uun raawwatuu qaba. Yeroon du’aa jiraannus awwaalamuu qaba. Duuti sodaa illee dallaa keenya jala dhaabbatee jira. Qeerroonis gamtaa keetiin yeroon itti tulluu sodaa itti jijjigsitu ga’eeraa, ka’i!!
Qeerroo waanti guddaa ati gochuu maltu amala diina keetii beeki; jabinaa fi laafina diina keetii adda baasi. Diinni keenya waanti inni qabu meeshaa waraanaa malee dhugaa miti. Dhugaa kan qabu nu warra qe’ee keenya keessatti dararaa argaa jirruu dha. Dhuma irratti kan mo’atu, kan dhugaa qabuu dha. Abbootiin irree dhumaa isaanii hin argan; seenaa darbe irraa hin baran. Warreen seenaan galmeesse dhiifnee, warren kaleessaa yoo mil’anne kabajaa caalaa salphinaan aangoo irraa bu’uu warra filatanii dha. Haga fedhan kijibanis dallaan kijibaan ijaarratan du’a isaan hin oolchine. Dhugaaan karaa qal’aa keessaan hulluuqxee isaaniin fuutee darbite, bittaa wayyaanees buqqisuuf jirti; jabaadhu!!
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk