Category Archives: Oduu/News
Barana Ammoo Qeerroon Maal Jedhee?
Poolisoonni Naannoo Oromiyaa 5 Diddaa Barattoota Oromoo Duubaan Jirtu Jechuun Qorataman.
Caamsaa 18,2013 Jimmaa
Barattooti Oromoo Kolleejjii fi Yuniversitii Jimmaa keessa jiran Caamsaa 12,2013 ayyaana Irreecha Arfaasaa irratti diddaa jabaa dhageessisaniin mootummaan Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa seenuun ni yaadatama. Walleelee warraaqsaan dhaamsa diiddaa isaa kan dabarfataa turan barattooti Oromoo dabalataan barruu warraaqsaa manneen barnootaa fi magaalaa keessatti baldhinaan facaasaa turan.
Haala kana irraa ka’uun mootummaan Wayyaanee Caamsaa 15,2013 irraa kaasee poolisoota naannoo Oromiyaa dhalootaan Oromoo ta’an nama 5 sochii barnootaa kana dhaabuu waan hin dandeenyeef jecha isin ergama addaa waan qabdu sababa jedhuun waajira poolisaatti qormaata jala galuun isaanii qeerroon gabaasa. Haalli kun ilmaan Oromoo mootummicha keessaa hojjetan garii waan mufachiisee jiruuf gaaffiin mirgaa Qeerroon jalqabe gara qaama mootummichaatti baldhinaan ce’uuf akka jiru muldhisa.
Maqaa fi itti baha qormaata poolisoota Oromoo irra gahaa jiru gama fuula duraatti qeerroon ni gabaasa.
Raadiyoo fi TV lee Oromoo Warraaqoo/Tamsaasa Walakkeessaa Caamaasaa ,2013
OSA’s Appeal Letter to the UN Secretary General Ban Ki-moon about the Conflict in Eastern Oromia, E thiopia
P.O Box 32391, Fridley, MN 55432
http://www.oromosudies.org
May 16, 2013
His Excellency Mr. Ban Ki-moon, Secretary-General
Office of the Secretary General of United Nations
885 Second Avenue
New York, NY 10017, USA
RE: OSA’s Appeal Letter to the UN Secretary General Ban Ki-moon about the Conflict in Eastern Oromia, Ethiopia
Your Excellency Ki-moon:
I am writing on behalf of the Oromo Studies Association (OSA), a scholarly organization established by Oromo and non-Oromo scholars to promote studies on and relevant to the Oromo and other people of Ethiopia and the Horn of Africa. The Oromo, the largest ethno-national group in the Horn of Africa, constitute 40% of the Ethiopian population. The coalition of the ruling party which has dominated Ethiopian political landscape since 1991 is controlled by the Tigrayan People’s Liberation Front (TPLF). The TPLF, which fears Oromo numerical strength in any free and fair election, has systematically destroyed all independent Oromo organizations in Ethiopia. The TPLF even destroyed the Oromo Relief Association, a non-profit organization that assisted the people who were affected by draught and famine. Read More:-
OSA_letter_to_UN_Secretary_General_on_the_Confilict_in_Eastern_Oromia_May_2013.pdf
OSA_letter_to_UN_Secretary_General_on_the_Confilict_in_Eastern_Oromia_May_2013.docx
Diddaan Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Mootummaa Wayyaanee Yaaddoo Keessaa Galche.
Caamsaa 16,2013 Jimmaa
Caamsaa 15,2013 Mootummaan Wayyaanee diddaa barattooti Oromoo itti fufan sodaa fi yaaddoo irraa ka’uun baratootaa Oromoo qabee dorsiisuun hidhuu fi hordoffii ittifufee jira.
Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campus irraa department Sportii Waggaa Lammaaf barataan Lama kan maqaan isaanii
1ffaa barataa Eebbisaa Dhaabaa fi
2fffaa barataa Asafffaa Ababaa
Kannee jedhaman Poolisotaa Wayyaaneen mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa nanna’uun eganiin qabamanii halkaan tokkoo guutuu hidhamanii ergaa doorsiiamanii boodaa gamtaan barattoota Oromoo dargaggoonni hidhaman kun hatattamaan hiikamuu qabuu, hidhamuu baratootaa keenyaaf bulchiinsii mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa itti gaaffatamaadhaa jechuun waraqaa aasxaa Qeerroo qabuun barreessuun baratootaa Oromoof raabse.Sodaa Sochii baratootaa Oromoo kana irraa ka’uun baratootaa hidhamanii jiraan lamaan ID isaanii irraa fudhuudhaan seeratti ni dhiyaattu jechuun gadi lakkifamanii jiru.
Sabboontotnii Qeerroo dargaggootaa Oromoo Oromoon yeroo hidhamuu dhaabbaannee hin ilaalluu wal irraattii duunaa jechuun waadaa isaanii jajjabeeffaachuun, balleessaa tokkoo malee poolisaa fi dabbaalleen doorsifamuun nurraa dhaabbaachuu qaba jechuun ifaan ifaattii dabbalootaa fi poolisotaa Wayyaaneetti himanii jiraachuu gabaasi Qeerro addeessa.