Gabaasa Qeerroo Horroo Muddee, 18,2011
Wallagga, Godina Horroo Guduruu aanaa Horroo ganda Ashaayyaa keessatti ijaarsa hidhaa laga Nasheen kan ka’e namootni qe’ee isaanii irraa buqqa’anii gara Gammoojjii Nuguloo jedhamutti itti akka galaniif mootummaan laficha inveesterootaaf kennuun qoteebulaan ganda isaa irraa buqa’u ammo maallaqa ittiin ka’an akka isaaniif kennuu fi mana isaaniif akka ijaaru waadaa galee ture. Baatii lamaan darban ummanni gochaa mootummaa kana diduun hidhaa fi dararami gurguddaan irraan gahamaa ture.
Ammoos dhimma kana irratti diddaan ummataa itti fufuun gammoojjiin uummatni Oromoo kun itti godaanuuf deemu bakka tajaajilawwan hawaasaa hoomtuu hin jirre(Remote area)fi qubsuma hawaasa irraa fagoo daandiin konkolaataa fi tajaajjillee kan akka Gabaan,Suuqiin,Bishaan qulqulluunii fi k,k.f hin jirree tahuun beekamaa dha.
Namoonni 200 tahan maallaqa mootummaan isinii kennina jedhe hanga ammaatti akka hin arganneefii qe’ee dhaloota dhufaa darbaan irra jiraataa turanis akka gadhiisanii deemuu hin feene sagalee diddaa cimaan dhageessifataa jiru. Qotee bulaan Oromoo kunniin biqiltootni isaan qe’eedhaa qabanii fi gaagurri dammaa achumatti dhiisanii laficha irraa akka godaanan kan dirqamaa jiran yeroo tahu ummannis murtii mootummaan murteesse kana dua dhaabatanii mormachaa akka jiran gabaasi qeerroo naannoo san irraa ni addeessa.
Haaluma wal fakkaatuun Godina Horroo Guduruu aanaa Kombolchaa ganda Waatiyyoo jedhamu keessatti bara oomishaa darbe sanyii filatamaadha jechuun qotee bultoota dirqiin akka bitanii fi daldaltoota irraa akka hin bitne dhorkanii turan. Garuu sanyiin boqqolloo kun oomisha qotee bultootaa gad waan buuseef uummatni walgahii waamamu irratti diddaa agarsiisaa jira.Gaaffii qotee bultootni dhiyeessaniifis deebiin hin argamu.Basaasni mootummaa barattootaa fi qotee bultoota amansiisuuf halkanii fi guyyaa fiigu kutaa kudhanitti kufee basaasuun hojii bulchinsa aanaa keessa kan gale nama Guddataa jedhamu ta’uus tikni qeerroo bira ga’ee saaxile jira.Namni kun hojii isaa kana irraa hin dhaabbatu taanaanis tarkaanfiin hojii isaa madaalu akka isa eeggatuu fi irree dargaggoota Oromoo jalaa bahuu akka hin dandeenyeef gartuun qeerroo onichaa beeksisanii jiru.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!
