ABO Paartii Siyaasaa Tokko Jechuun Hin Danda‟amu.
Maqaan ABO yeroo ka‟u onneen firaas kan diinaas ni dhaabbata.
1ffaa kaan Jaalalaan , kan isa biraa jibbaa fi sodaan.
ABOn aasxaa qabsoo uummata Oromooti. ABOn dhaaba qofa miti. ABOn afuura bilisumaati.
ABOn uummata Oromoo biratti carraa filannoo isa dhumaati malee aangoo fi mo‟icha dirree lolaan kan madaalamu miti. Waa‟een ABO yoo ka‟u alaabaan isaa, sirni isaa fi bulchiinsi isaa mataa mataatti dhiibbaa gaarii qabu. Alaabaa isaa yeroo argu keessi isaa kan hin naanee fi diinni hin jeeqamne hin jiru.
Kanaafi tokko tokko qoricha budaa kan jedhaniif. Amma amma alaabaa ABO kana dhaabicha qofaaf dhiisuu irra eenyullee gareen mirga uummata Oromoo fi bilisummaa isaaf socho‟u yeroo fayyadaman arguun barameera. Continue reading
