(Gabaasa Qeeerroo, Naqamte, Amajjii 13,012) Yeroo ammaa Oromiyaa guutuu keessatti gaaffiin mirgaa barattoota Oromoo University lee fi manneen barnootaa sadarkaa lammaaffaa keessatti Qeerroleen qabsiisanii jiran human jabeeffachuun qaamota hawaasaa kaan waliin diddaan itti fufee jiraachuun beekama.
Haala kanaan dhiha Oromiyaa Wallagga keessatti manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa bakkoota adda addaatti gaaffii mirgaa gaafataniin barumsi dhaabatee barattootii fi humni poolisa Wayyaanee walitti bu’aa akka jiran beekame.
Guyyaa gaafa Amajjii 13,2012 Wallaaggaa Bahaa Onaa Limmuu Galiilaatti baratoonnii M/b sadarkaa 2ffaa FDG kaasani gaaffiin dhadannoon isaan qabatanii ka’anii fi gaaffii ittiin bulchitoota Wayyaaneetti dhiheffatan keessaa
· Gaaffiin barattoonni Oromoo University kaasan deebii argachuu qaba,
· Oromummaan hidhamuun,ajjeefamuun,barnotaa irraa arii’amuun, biyyaa irraa arii’amuun daddaffiin haadhabatu.
· Qoteebulaa lafa irraa buqqisuun dhabatee Oromoon abbaa qabeenyaa fi abbaa biyyaa haata’u
· Ollummaan baroota dheeraa nagaan kan waliin jiraanne Saba xiqqaa akka Gumuuz hidhachiisanii toftaan Oromoo Ajjeesisuun nurraa haa dhaabbatu kan jedhuun mormii dhageesisaan olanii jiru.
Haala kanatti kan rifatte Wayyaaneen edana ummata nagaa mana keessaa qabdee reebichaan dorsisaa akka jirtuu fi humni poolisaa dabalataan magaalicha guutee akka jiru Qeerroon gabaasa.
Kana malees Godinuma wallaaggaa Hoorroo Guduruu Onaa Haamuruutti Amajjii 12,2012 baratootni Mana Barumsaa Hagamsaa Sadarkaa 2ffaa gaaffii mirgaa kan hiree murteeffaan uummaata Oromoo ilaaluu kaasuun FDG eegalan,Poolisoonni mana barnootaa kana tuhachuuf deemanis diddaa qeerroleen dhagaan tumamanii akka deebi’an haallichis hanga ammaa hin qabanaawiin akka jiruu fi manni barntaan kunis akka cufamee jiru gaabaasi qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.
Amajjii 11,2012 Bahaa wallaaggaa Mana barumsaa Giddaa Ayyaanaa Sadarka 2ffaa fi Naqamte qophaa’inaa sadarkaa 2ffaatti Fincillii diddaa gabrummaa barattoota Oromoon eegale guyyaa guutuu itti fufee akka jiruu fi qabxiilee gaaffii mirgaa qabuun mootummaa Wayyaanee gaafatanii hanga ammaatti deebii hin argatiin jiraachuun beekamee jira.
Gama kaaniin Tokkummaa fi Gaaffiin wal irraa hincitnee Gootota barattoota Oromoo mooraa University Wallaaggaattiin itti fufee dhiyaachuun barattoota Oromoo 60tti lakkaa’aman Oromummaan yakkaamanii torbee darbee keessaa mooraa University kana irraa akka ukkamfamanii bakka buuteen isaanii hin beekamiin beekama.
Kanaa malees poolisonnii lukkeelee Wayyaanee ta’an Baraataa Tolaasaa Urgii barataa departimeentii Engiliffaa Waggaa 3ffaa Amajjii 13,2012 ukkaamsuuf yeroo isaan yaalii godhan tokkummaan Baratootaa(Qeerroon)irraatti dammaquun dhagaan haleelee irraa buufatanii jiru.
Gamtaa fi tokkummaa barattootaa kanatti rifachuun bulchitoonni Wayyaanee edana maanguddummaa barattootatti ergaa akka jiran qeerroon gabaasa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk