Gabaasa Qeerroo Giddaa Ayyaanaa,Amajjii 12,2012
Amajjii 11,2012 Bahaa wallaaggaa Mana barumsaa Giddaa Ayyaanaa Sadarka 2ffaa fi qophaa’inaatti Fincillii diddaa gabrummaa barattoota Oromoon eegale guyyaa guutuu itti fufaa olee jira.
Sababa diddaa barattootaa kana irraa kan ka’e Wayyaaneen dabballoota isheen yoo finicilli kun battala hin dhaabbanne barattoota keessaa hanga nama 50 barnoota irraa ariinee hidhaatti geessina jechuun doorsisa facaaftu iyyuu ummanni Oromoo naannoo san jiraatu gootota barattoota Oromoo irra goruun mootummaas tahe humni kamuu qe’ee keenya irratti dhufee ijoollee keenya tuqnaan if irrati hin dhiifnu jechuun ergamtoota Wayyaaneetti beeksisanii jiru.
Gaaffiin barattoota Oromoo sadarkaa lammaaffii Giddaa Ayyaanaa kun:-
- Ummanni Oromoo biyya isaa irratti akka alagaatti ilaalamee hidhaa fi qabeenya samamaa waan jiraatuuf haalli kun amma irraa nurraa dhaabbachuu qaba.
- Mootummaan amma jiru baroota 20 angoo irra ture kanatti ummata Oromoof hidhaa ajjeechaa fi gadadoo malee waan fide tokko illee hin garre waan taheef biyyi kan Oromoo haatahu.
- Hidhaa fi gurgurtaan lafaa daddaffiin akka nurraa dhaabbatu.
- Barattooti keenya hidhaman haagadhiifaman.
- Gaaffiin barattoota University keessatti kaasan unuunis waan ilaaluuf gaaffiin isaanii hatattamaan deebii haa argatu fi kkf ture.
Haala kanaan diddaan hammaachuu irraan nammi barnootaa kunis cufamee jiraachuu Qeerroon magaalaa Giddaa Ayyaanaa irraa gabaasa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!