Dhagaa Biyya Abbaa Keenyaan Rasaasa Wayyaanee of irraa Deebifne jedhu Barattooti.

Gabaasa Qeerroo Laqamte Amajji 08,2012

Fincilli diddaa gabrummaa University Wallaggaatti guyyaa kaleessaa qabate hanga har’a Amajjii 08,2012 itti fufee olee jira,barattoota moraa University Wallaggaa nayaata dhorkachuun mooraa keessaa akka hin baane gochuun guyyaa har’aa humni Poolisaa fi waraanni feederaala Wayyaanee itti bobba’ee dhukaasaan moraa jeqaa jiraachuu qeerroon gabaasa.

Humna waraana mootummaa rasaasa akka bokkaa roobsaa mooraa University jeeqaa jiru kana barattooti wal tahuun tokkummaa isaanii cimfataa dhagaa darbaa of irraa deebisuun guutuu waraana wayyeenee mooraa keessaa arihatanii Universiti Wallagaa bilisomfatanii jiraachuu gabaafame.

Mooraa University Wallaggaa baratooti Oromoo haa dhuunfatan malee nyaati mooraa san keessa akka hin jirree fi bishaan gama tokkoon irraa citee jiraachuun beekame.

Gaaffiin barattoota Oromoo kun kan mirga bu’uuraa ummata Oromoo fi gaaffi abbaa biyyummaaf hireen murteeffannaa akka dhugoomu,ammos barattooti hidhaman akka gadhiifamanii fi nyaati barattootaaf akka kennamu kkf hunda dhadannoo isaanii irraa dhagahama.

Guutuu gabaasa kanaa ni dhiheessina.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Finilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufee Barataan Unversity Wallaggaa Rasaasa Wayyaaneen Rukutame.

Gabaasa Qeerroo Laqamte 08,2011

Godina wallaa Baahaa mooraa University Wallaaggaatti Amajjii 7/2012 Qaanqeen FDG qabsifame hanga ammaa itti fufee jiraachuu fi gootonnii barattoota Oromoo mooraa Universiticha hiriira moormii bahaan, qabsoon fininee,gootonnii barattoo Oromoo fincila deemsisaa jiranii fi hiriira haalaa guddaa tahe bahan kana irratti dhadannoon dhagessisaa jiran

  1. Amma irraa eegalee mootummaan Mallas Zeenaa aangoo haa gadhiisu.
  2. Mirgi hiree murteeffannaa ummattootaa bakka haagahu.
  3. Oromooti hidhaman amma irraa gadi haagadhiifaman.
  4. Lafti Oromootaa gurguramuu akka dhaabbatuu fi kanneen laa isaanii irraa buqa’an amma irraa gara qe’ee isaanitti haa deebifaman
  5. Jireenya du’aa gadii jiraachuu irra qabsoofnee wareegamuu wayya fi kkkf

Gootonni barattota Oromoo bakka lamatti wal qoodanii gariin mooraa University Wallaggaa keessatti gariin ammoo mooraa ala magaalaa Laqamtee keessa deemaa dhadannoo dhageessisaa jiru.

Finicla kanatti kan rifate mootummaan Wayyaanee humna waraanaa guddaa erguun magaalaa Naqamtee keessa bobbaasuun dhukaasa qawwee gurguddaa dhageessisaa jira.

Akka kanaan barattoota keessaa

Amajjii 7/2012 FDG mooraa University Wallaaggaa keessaatti dhowee jiruun wal qabatee wayyaaneen dhiiga ilmaan Oromoo akkuma dhuguu barteetti, halkan kessaa sa’aa 1 irraattii barataa Oromoo barataa Leejjisaa kan jedhamuu  mummee Afaan Oromoo waggaa 3ffaa rasaasa waraana Wayyaaneen rukutamuu irraan haalaan madaayee Hosptala Laqamtee galee jiraachuu qeerroon gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Barattoonnii fi Hojjettoonni University Haromaya Xalayaa Gaaffii Bulchiinsa Wayyaaneetti Ergatan

Dhimmi isaa Gaaffiilee dhiyaataniif Deebii Hatattamaa gaafachuu ta’a!

Akkuma armaan olitti ibsamuu yaalametti Gaaffiin ilmaan Oromoo yeroo dheeraaf bifa garaa garaan mootummaa biyyattiif dhiyaachuun akka deebi’uuf gaafatamaa turuun isaa ni beekama.Nuyi barattootnii fi hojjettootni oromoo fi sabawwan cunqurfamoo yuunivarsiitii kanaa fi naannoo ishee gaaffiin Barattootni Oromoo fi sabawwan cunqurfamoon yuunivarsiitii Finfinnee gaafatan guutummaan guutuunn gaaffii keenya ta’uu beeksisuun akka hatattamaan nuuf deebi’u jechaa gaaffiilee dabalataa armaan gadii kana hatattamaan akka nuuf deebistan isin gaafanna!

Kunis:-Gaaffii barattootaa fi hojjettoota Yuunivarsiitii Haramaayaa (1)