Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa (Qeerroo)


 Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa (Qeerroo)

 Amajjii 03,2012

Hidhaa fi Dararamuun Qabsoo Irraa nu Hin Dhaabu.

Baroota 20f ummata Oromoo fi saboota Ethiopia kaan ukkaamsee gaadi’uun abbaa irrummaa isaa fi farra dimokraatummaa kan itti muldhisaa ture mootummaan Wayyeenee, gaaffii mirgoota sabootaaf deebii gahaa akka hin laanneefi karaa nagaa qabsoo sabootaa deemaa jiru furuun aadaa isaa waan hin taaneef sochiin dargaggoota biyyoolessaa bilisummaa fi dimokraasii (Qeerroon) baatii Ebla 2011 keessa guutummaa biyyattii keessatti sochii warraaqsaa eegaluun sagalee cunqurfamtootaa addattis kan ummata Oromoo adunyaa fi lammiilee biyyattiitti dhageesisaa turuun ni yaadatama. Diddaa dargaggoonni Oromoo University lee addaaddaa keessaa fi qaamota hawaasa Oromoo keessatti waggaa kana keessa deemsisaa turan bifa addaan duula itti banuun barattoota Oromoo heddumminaan hidhuu,rasaasaan mooraa University keessatti tumuu, summii nyaachisuu fi barnoota irraa arihuun gaaffii haqaa ummattootaa kan ukkaamse itti fakkaataa  yoona gahe.

Diddaan Qeerroo Bilisummaan eegale amma illee manneen barnootaa fi University adda addaa akkasumas qonnaan bultoota Oromoo fi hojjettoota biratti bifa qindaayeen deemaa jira. Hawaasa Oromoo keessatti guutummaatti jibbiinsi mootummaa Wayyaanee kan yoomuu caalaa itti jabaachaa jira. Waan taheef, mootummaan Wayyaanee, sagalee fi diddaa kana ukkaamsuuf baatii Muddee2011 keessa sochiilee dargaggoo bakkoota adda addaa jiran ukkaamsuuf duula hidhaa bal’inaan itti fufee jira. University Adaamaa yeroo ammaa sababaa diddaa gootota barattoota Oromoon qabateen kan cufamee jiru yeroo tahu, barattoota mooraa sanii keessaa hanga ammaatti nama 67 humna  waraana Wayyaaneen hidhaatti guuramanii gidirfamaa dhaa jiru. Kana malees barattoota mana barnoota sadarkaa lammaffaaWancii  fi Gimbii akkasumas Unversity Wallaggaa keessaa walitti qabaatti nama 102 manneen hidhaa adda addaa fi bakkoota hin beekamneetti geeffamanii akka jiran beekamaa dha.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Amajjii 03,2012

Amajjiin tokkoo fi Guyyaan WBO Oromiyaa Bakka Garaa Garaa Keessatti Kambajame.

Amajjii 3,2012

Tokkummaan dargaggoota biyyoolessaa(Qeerroon) guyyaa WBO seena qabeessaa fi Amajjii tokko bakkoota adda addaatti sirna howwaan kabajachuu gabaasaan Qeerroo Oromiyaa godina garaa garaa irraa gabaafame.

Akka kanaan :-

  1. University Dirree Daawwaa
  2. University Hasaasaa
  3. University Haromaya
  4. University Amboo
  5. University Jimmaa
  6. University Wallagaa
  7. Univesity Miizaan Teeppii

Keessatti qeerrooleen argaman sirna howwaan kambajachuu fi ejjennoo bara 2012 baafachuun dabarsanii jiru. Qeerroon bakkoota olitti gabaafame keessatti kabajatan akeeka tokkummaa dargaggoota biyyoolessaa bakkaan gahuuf bara 2012 keessa murtii fi qajeelfama barbaachisu  ofitti fudhachuun akka qabaasawan gabaasaalee ergame irratti addeessanii jiru.

University n Adaamaa haga ammaa diddaa isaanii kan itti fufan yeroo tahu mooraa san keessatti guyyaa WBO kabajachuuf carraa hin arganne.

Kana malees Qeerroon manneen barnoota sadarkaa lammaaffaa jiran, Ona Ibantu,Limmuu, Finca’a,Ayira Gullisoo,fi Gimbii jiran sirna ho’aan akka kabajatan gabaasaan naannoo san irraa dhufe ni addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!