(Gabaasa Qeerroo,Sadaasa 28,2011 Finfinnee) Oromiyaa giddu galaa Aanaa Ammayyaa keessatti Barataan Oromoo Xurunaa Dhaabaa jedhamu humnoota Wayyeeneen ajjeefamuun gabaasame.
Oduun Qeerroo Aanaa Ammayyaa irraa nu dhaqqabe akka hubachiisetti, barataa Xurunaa Dhaabaa, Sabboonaa fi umurii ijoollummaa isaan kanaan qaroo quuqaan saba isaa ijoollummaan keessa bule ture. Walumaa gala odeeffata ajjeefamuu barataa Xurunaa Dhaabaa gabaasa Qeerroo irraa akka armaa gadiiti.
Sadaasa 14/2011 barataa Xurunaa Dhaabaa barataa kudhaa 7ff Ajjeefte. Akkaataa barataan Kun itti galaafatame
Wayyaaneen Dhoksaan Humna nama Ynaataa ta`e leenjiftee akka Ummata Oromoo saamanii fi Barattoota Oromoo akka ajjeessan, dhoksaan ukkamsaan akka dhabamsiisaniif humna Addaa qaama Feederaalaan leenjisee bobaasuu isaa ammaan dura odeessa duraan wal hubachiisuu keenya ni yaadatama.
Akkuma kanaan barataan kun Aanaa Ammayyaa ganda Agmsoo jedhamutti mana barumsaa ba`ee guyyaa Jimaataa gara warra isaatti galuuf utuu deemaa jiru duuka bu`uun Hordofanii ukkamsuun qabanii akka malee dhaananii Qophee fi Uffata irraa baasuun Qullaa isaa du`eera jedhanii Kumxaa/Mutaantaa jalatti ufate du`aa irratti dhiisanii Bosona keessatti gatanii deeman.
Ukkamfamee dhabamuu isaa fi humna mootummaan Dhaanamee kan du`aa ta`u isaa argee ummatni aanaa Ammayyaa itti dirmatee Hospitaala geessee Barataa Xurunaa Dhaabaa Lubuun isaa du`aa irraa dandamachuu hin dandeenye. Maatiin isaas Lubbuu ilmoo isaa Hospitaalatti baraarachuu hin dandeenye.Gaddaan guutamanii, gaara gubatanii iyyaa fi wareerruun reeffa fudhatanii ofirra deebiyan. Lubuun dabrite.
Waan kana kan argee fi dhaga`e ummatni Oromoo aana Ammayyaa keessa Jiraatu waajjira Poolisaa Aanaa Ammayyaatti Hiriira ba`ee gaaffii gaafate Mucaa keenya barumsaaf ergine ukkamstanii nu jalaa ajjeeftan. Ilmaan keenya mana barumsaa nagaan ba`anii galuu fi baratanii warra gargaaruun afee lubbuu isaaniif waabii dhabne. kaan mana barumsaatii humna qawween nu jalaa ukkaamsitanii dhabamsiiftu. kaan baadiyaya keessati jala deemtanii Karaatti eegadii ukkamsitanii ajjeeftu. Biyya nagaa fi tsagabbiin hin jirre keessa jiraanna. Biyya mootummaan hin jirre keessa jiraanna.
Hattamaan Qaamni Barataa kana ajjeessee fi sababni inni itti galaafatame qoratamee akka ifa nuuf ta`uu fi deebiin sirnaa fi heera qabeessa ta`e akka nuuf kennamu jedhanii gaafannaan.
Waan kana/ummata kana ABO tuu nurratti kakaase. ABO tuu nutti isin erge ABO tuu duubaan jia jechuun waajjirri Poolisa Aanaa Ammayyaa gaaffii Ummataa qoosaa fi salphisaan ilaaluun ummatatti qoosaniiru.
Ummatni haarii fi dala`nsuun guutame hanga ammaatti gaaffii isaa fi diddaa fincila isaa itti fufee jira.
Dhimmuma barataa du`e kanaan kan wal qabateen Hanga guyyaa odeessi kun nu dhaqqabeetti Barsiisotni 40 ol ta`an Kan mana barumsaa Ammayaa barsiisan hojii barsiisummaa dhaabaniiru.Nuus ta`e barattootni keenyas bor nagummaa isaanii fi lubbuu isaaniif waabii maalii qabu jechuun gaaffiiseeraa gaafachaa jiru. Barattootnis hin barannu jedhanii barumsa isaanii dhaabaniiru.
Manni barumsaa cufamee jira.
Ummatni Oromoo Aanaa ammayyaa jiruYaa Saba keenya Oromoo! Biyya nagaa fi tasaggabbiin hin jirre, biyya mootummaan hin jirree kan badii tokko malee nama ajjeesuu fi kan qabeenya ummataa saamuu, samsiisu malee nagaa biyyaa fi ummataa eegsisuu kan hin jirre keessa akkamiin jiraannaa?
Mirga sabummaa keenyaa sarbamnee, qee fi qabeenya keenya irraatti ajjeefaamaa, ilmaan keenya mana barumsaatii ukkamsaanii ajjeesaa fi gara dhabamsiisaa akkamii fi haga yoomiitti du`aa jiraannaa? Kan jedhuun ummanni aanaa sanii qabsoo hanga wareegamaatti kaffaltii gaafattu gaggeessuuf murteeffachuu qeerroon gabaasa.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk