(Qeerroo, Finfinnee, 23 Sadaasa 2011) Maddi Oduu Qeerroo Onkoloolessa 2, 2011 akka gabaasee turetti, humnooti tikaa fi poolisooti wayyaanee namoota hedduu ayyaana Irreechaa irratti argaman irraa vedio fi kaameera fudhachuun, akka sabboontonnii kun aadaa isaanii kabajachuuf itti boonuu hin qabnee gochuuf yaalan illee diddaa fi heddummina ummataa ukkaamsuu dhaabuun hin danda’amne.
Mootummaan TPLF Ayyaanaa Irreechaa irraatti ummata doorsisuu fi sodaachisuuf humna waraanaa kumaatamaan lakkaayamu bobbaastu illee sagalee ummataa ukkaamsuu akka hin dandeenye gabaasaan Qeerroo bakka addaddaatti bobbaafaman dhaamanii turan iyyuu yeroon gabaasa Viidiyoo fi sagalee nu gahuu waan dadhabeef haga ammaatti ummataaf otuu hin dabarsiin turree jirra.
Amma garuu dhaamsi viidiyoo dargaggoota Oromoo kun nu gahee jira; Qeerroon dhaamsa kana ijaa fi gurra dhala Oromoofi hawaasa addunyaan gahuu keessatti tattaaffii olaanaa godhee jira.
Akka aadaa fi sirna diddaa karaa nagaa finiinuutti, fincilli kamuu mallattoon, sagaleen, suuraan, weedduun, sirbaan, yookaan dubbiin ibsamuu danda’a. Haala kanaan yoo xiinxalame, diddaan Qeerroo kun diddaa mudaa hin qabne, kana guutumatti karaa nagaan taasifamee dha; diddaa mootummaa haga funyaaniitti hidhate kutannoon dura dhaabbachuu dha.
Keessaayyuu, Qeerroon sirbaan dhaamsa diddaa dabarsaa oolaniin sagalee isaanii dhageessisanii jiru. Akka fakkeenyaatti, lafa Oromoo maqaa investment tiin saamamaa jiru kanaaf akkas jechuun dhaamaa oolanii jiru. “ Yaa Oromoo Oromoo qulqulluu; Qonnee nyaanna qe’ee hin gurgurruu!” kan jedhu cinattis, dhaamsi Oromiyaan Qeerrootti dhaammatte sagalee Qeerrootiin jamaaf ibsamaa oole.
Kan biraa immoo, kan guyyaa Irreechaa irra deddebi’amee jedhamaa oole; haala bilchina ta’een haala sirba aadaa fakkaatun akkasi jedhanii kallacha qabsoo ummata Oromoo kan ta’e ABO faarsaa oolanii jiru.
“Yaa iyyoolee yaa iyyoolee
Ya abaaboo daraari;
Yaa iyyoolee yaa iyyoolee
Yaa WBO koo taraari!
Yaa ABO koo daddaraari!”
Diddaan Qeerroo kun waan mootummaan Wayyaanee balaaleffatuu fi dhagayuu hin feene ifatti itti himuu dabalata.Yeroo ammaa kanatti Wayyaaneen maqaa ABO waamuu dhiisii itti aggaamuunuu yakka ta’uu isaa halkanii guyyaa ololaa jirti. Kun garuu Qeerroo Bilisummaaf hin liqinfamu. Bilisummaan waan fedhan filachuuf bilisummaa qabaachuu dha. Qeerroon Bilisummaas kanaaf of kennuu isaa waltajjiitti himaa fi ibsaa jira.
Akka gabaasota addaddaa irraa hubachuun danda’amettti, ayyaana Irreechaa baranaa irratti baayyinni uummataa kan bara darbeerra dabaleera; 80% ol dargaggoota ta’uu hubatamee jira.
Hayyuun seenaa fi aadaa Oromoo tokko dhimma kana irratti yaada kennaniin, haalli amma adeemaa jiru seexessaa dha. “Amma akka agarrutti, Qeerroon human guddaan ka’aa jirti. Barana Irreeffattooti harki caalan Qeerroo dha.”
Dargaggooti heddummachuun hiikaa akkamii akka qabu illee yeroo ibsan, “kun dhaamsa guddaa dabarsa. Sababni isaa dargaggoonni eenyummaa ofiitti deebi’uu jechuu egereen biyyaa fi sabaa utubaa lalisu argachuu isaa ibsa.
Kana malees, Qeerroon waltajjii bal’aan tokkummaadhaan fedhii isaanii kana itti guuttatan Arsadii akka ta’e waliig galaa jiru. kana waan ta’eef godinaalee Oromiyaa mara irraa saganteeffatanii dhufan. Kun immoo, dhaloonni ammaa rakkoo har’a Oromoon keessa jiru kana dhabamsiisuuf abdachiisaa ta’uu agarsiisa,” jedhanii jiru.