Magaalaan Finfinnee Dhukaasaan Jeeqamte.

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Sadaasa 21,2011

Magaala Finfinnee naannoo Faransaay jedhamutti  edana galgala keessaa sa’aa 12 hanga sa’aa 2 itti dhukaasi utuu wal irraa hin citiin girrisaa ture. Kutaan magaalaa sanii hammi tokko hamma jeeqamee baqachuuf dirqamutti dhukaasi kun deemsifamaa ture. Namoonni naannoo san irraa akka gabaasanitti dhukaasi galgalaan akkanatti baname kun waan magaalaan Finfinnee weeraramte fakkeesse. Oduun naannoo san irraa gabaafame akka addeessutti Wayyaanee irraa hangi nama 60 du’uutu gabaafama. Weerrarri akkanaa kun eenyuun akka tahee fi eenyu akka bane yoo hin beekamiin illee dhukaasi kun loltoota Wayyaanee irratti tahuu hubatamee jira. Odeessa guutuu fuula dura gabaasa qeerroo irraa hubanna.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Barattooti Oromoo University Dirree Dawaa Guyyaa FDG Haala Qindaawaan Kabajatan.

Gabaasa Qeerroo Dirree Daawaa,Sadaasa 21,2011

Guyyaan FDG University Dirree Daawwaattti Kabajame

Guyyaan FDG University Dirree Daawwaattti Kabajame

Akka qeerroon Dirree Dawaa gabaasetti,barattooti Oromoo Universitichaa sirna qindaayaa taheen maadhee Qeerroo qaanqee bilisummaa Oromoo jedhu jalatti gurmaahanii kabajatanii jiru. Maadheen kun haala sochii qabsoo bilisummaa Oromoo fi waraaqasa dargaggootiin Oromoo( Qeerroon) gaggeessaa jiru irratti bal’inaan erga marihataniin booda waadaa qabsoo Oromoof qaban maqaa Qeerroon guyyaa yaadannoo Sadaasa 9,2011 kana irratti galanii jiru.

Maadheen kun haala kamiinuu tahe finciloota Oromiyaa guutuu keessatti dargaggoonni Oromoo deemsisaa jiran irratti gahee isaanii akka bahanii fi gaaffii mirgaaf jecha wareegama barbaachisu akka kafaluuf qophii tahan beeksisaniiru.

Kana malees qeerroon University Dirree Daawwaa ibsoota ejjennoo qabxii shan qabu baafatanii jiru

  1. Sabboontota fi barattoota Oromoo manneen barnootaa fi bakka adda addaa irraa hidhuu,ari’uun hamma dhaabbatu qabsoo fincila diddaa gabrummaa itti fufna.
  2. Ayyaana OPDOn kabajju kanneen akka ayyaana walqixxummaa sabaafisablammootaa waan nu hin illalleef ammaan booda ayyaanota akkasii irratti gadda keenya ni agarsiifna, fincila keenyas itti fufna.
  3. Lukkeelee diinaa sabboontota Oromoo basaasan irratti karaa dandeenyeen tarkaanfii fudhanna.
  4. Waamicha tokkummaan dargaggoota Oromoo ykn Qeerroon nuuf godhu hundaa battala ofitti fudhannee dirqama keenya ni baana.
  5. Ibsa Dhaaba keenya (ABO) ni deeggarra,humnaafidandeettii qabnuun cina hiriirra.

Kun kana tahee osoo jiruu yeroo ammaa kana keessatti Sadaasa 18,2011 irraa kaasee mootummaan Wayyaanee dargaggoota University Dirree Daawwaa keessaa barataa jiran isin Qeerroo waliin jirtu qeerroo gurmeessaa jirtu sababa jedhuun waan qabatamaa tokkoon malee yaamee doorsisaa akka jiru qeerroon gabaasa. Dhimma kana irratti gabaasa dabalataa duubaan akka gabaafamu ni beeksifna.

Qabsoon itti  fufa! Gabrummaan ni kufa!