Mooraa University Hawaasaa Keessatti lukkeewwan Wayyaanee irratti tarkaanfiin fudhatame.

Gabaasa Qeerroo, University Hawaasaa Sadaasa 19,2011

Sadaasa 17 bara 2011 guyyaa keessa sa’atii 11;00wd humni addaa garee Barii Burraaqaa jedhamu mooraa University Hawaasaa keessatti lukkeelee Wayyaaneen kanneen barattoota Oromoo yeroo adda addaatti hiisisaa fi qabsiisaa turan irratti tarkaanfii laalessaa fudhate.

Basaasota Wayyaanee fi kanneen lukkee tahuuf barattoota Oromoo yeroo dheeraaf dararaa turan kana irratti tarkaanfiin tahe haala sababa hin beekamnee fi yeroo hin eegamnetti akkasumas namoota hin beekamneen tarkaanfichi raawwatee jira, rakaanfii kana irratti ergamaan diinaa tokko guutummaatti ilakaan isaa fuula duraa miidhamee adaba hojii isaatii argachuun beekame. Kanneen hafan nama lama ammo reebichaa hadoochaa taheen adabbiin kennameefii jiraachuu gabaasi Qeerroo University Hawaasaa addeessa.

Kun kana tahee osoo jiruu ergamtooti diinaa mooraa sanitti argaman kaan leeyyoon guutamanii halkan kaleessaa osoo hin rafiin of eeggachaa buluun isaanii beekame. Gochaa kanattis kan rifate humni poolisa diinaa mooricha doorsisuu yaalu illee human hin beekamne kana argachuu akka hin dandeenye qeerroon gabaasee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!