Sadaasa 14,2011 Godinaa Lixaa Shawaa Univerisity Amboottii guyyaan yaadannoo FDG Β sadaasaa 9/2005 Sabboontotaa baratootaa Oromoo Univerisity Ambootiin kabajamee,Akkasummaas Sabboontotaa baratoota Oromoo mana barumsaa Amboo Sadarkaa 2ffaa fi mana barumsaa Caarii Amboo sadarkaa 1ffaatti guyyaa kana sabboontonnii mana isaanii ooluun kabajatan.Sabboontonnii kuni sabboonticha Oromoo barataa Jaagamaa Baadhaanee fi sabboontotaa Oromoo FDG irraattii wareegamaan yaadachuun wayita kabajatan,gaariin isaanii maatii Jaagamaa biratti argamuunii fi bakka awwalchaa isaa dhaquun kabajatani,
Haaluma wal fakkaatuun guyyaan sadaasa 9/2005 sabboontotaa baratoota Oromootiin Univerisity Finfinnee mooraa kiiloo 6 fi Univerisity Wallaaggaatti guyyaa gaddaa ol aanaa ta’uun akkaa kabajamee jirachuu gabaasi Qeerroo University Finfinnee gabaase.
Yaa Jaagamaa Badhaanee
Gumaan kee hin bane..
Tarree gallee kaanee
Gumaa baasuuf qophoofnee.
(Barattoota Uni)
