Gootowwan Qeerroon Oromoo Guyyaa FDG Anaalee Adda addaa Keessatti Kabajatan.

Gabaasi Qeerroo magaalaa Amboo akka ibsutti, dargaggoonni anaalee lixa Shawwaa haala howwaa fi gammachiisaa taheen Guyyaan fincila diddaa gabarummaa(GFDG)  kabajachuun beekame.

Dargaaggooni  aanaa Amboo, Aanaa Gudar,Aanaa Abunaa, aanaa Gincii fi Gindabarat keessatti Sadaasa 13,2011 sirna howwaan wayita kabajatan, Dargaggoonni kun bakkoota adda addaa Universty lee adda addaa irraa kabajaa guyyaa kanaaf jecha walitti dhufuun kabajaa kana irrattis dhimmoota qabsoo bilisummaa Oromoo fi itti fufa finciloota Qeerroo irratti maree bal’aa deemsisanii jiru.

Qeerroleen aanaa adda addaatti kabajatan kunniin,maadheelee isaanii  University adda addaa irraa anoleetti ergachuun yeroo kabajatan,bakkoota sirni kun kabajamaa ture sanitti telefoonaan walitti bilbiluun guyyaa FDGn nagaan akka gahan gammachuu isaanii walii ibsaa turanii jiru.

Qabsoon karaa nagaa mirga ofii kabachiisuu fi bilisummaa ummata ofiif akkasumas walabummaa Oromiyaaf jecha fincilli diddaa gabrummaa akka itti fufuu fi hireen murteeffannaa ummata Oromoo akka mirkanaawuuf jabeessanii akka irratti hojjetan dargaggoonni sirnicha irratti argaman ibsanii jiru.

Gabaasi dhimma kanaa akka guutuutti qindaayeen bakka bakka irraa gabaafama.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!