Raayyaa Qeerroo Bilisummaa

Qeerroon Bilisummaa akka Oromoon bilisoomuuf karaa maraan tattaaffii gochaa jira; dhugaa keenya mirkaneeffachuuf karaa mara hojjachuun barbaachisaa dha.

"Nuti, Qeerroon Oromoo, seenaa wareegama qabsaa’ota Bilisummaa Oromoo haga yoonaatti galmeeffameef bakka guddaa kennaa, nutis akka dhaloota haaraatti wareegama bilisummaa baasuuf kaanee jirra."

Dhaamsa Qeerroo Bilisummaa

Qabsoon itti fufa! Garboonfataan ni kufa!!

Qeerroo nagaadhaa ?

Hi,
Nagaan haa dursu!
Dhalooti keenya akka dheebuu bilisummaan gubataa jiru kanatti, egereen dhaloota keenyaas hiree akkanaan akka dhaalamu hayyamuu hin qabnu. Nuti, kufnee lattuu egereef xurree banuu qabna, Dhugaadha, dhalooti kamuu hirkattuu dhaloota darbee akka ta’u namuu hin hawwu ta’a. Ammoo, kan har’a hin facaafne egere haamuun rakkisaa dha; kana biraan waanti facaasanis kan egere waan gaarii baasu ta’uu isaa mirkaneeffachuun nurraa eegama.

Bakka jirrutti dhallota imaanaa nyaatu otuu hin taane dhaloota imaanaa baasu ta’uunn dirqama lammummaa ti.
Haa qabsoofnu, ni bilisoomna!!

"Nuti, Qeerroon Oromoo, seenaa wareegama qabsaa’ota Bilisummaa Oromoo haga yoonaatti galmeeffameef bakka guddaa kennaa, nutis akka dhaloota haaraatti wareegama bilisummaa baasuuf kaanee jirra."

Dhaamsa Qeerroo Bilisummaa

Qabsoon itti fufa! Garboonfataan ni kufa!!

University Haramayaatti Guyyaan Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) Sirna Ho’aan Kabajame.


(Sadaasa 10/2011 Gabaasa Qeerroo, Dirree Dhawaa) Guyyaan Fincila diddaa Garbummaa yuunivarsiitii Haramaayaa fi naannoo ishee keessatti haala ho’aan ayyaaneffatame.

Guyyaa kana ganama irraa kaasamee hanga galgalaatti sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii keessaa fi naannoo ishee uffata gurraacha uffachuunii fi uffata galagalchanii uffachuun jibbinsa mootummaa Wayyaaneef qaban ifatti agarsiisanii jiru.Haaluma wal fakkaatuun sabboontotni Oromoo walitti dhufuun guyyaa kana irratti marii cimaa  gaggeessanii jiru.

Kana maless, dhaadannoo qabsoo malee bilisummaan hin jiru (No freedom without struggle) jedhuun qabsoo daran jabeessuuf waadaan walii galameera. Shamarran Oromoos doormii isaanii keessatti kan ayyaaneffatan yoommuu ta’u gahee isaan irraa eegamu ba’uuf waadaa galaniiru.

Guyyaa kana jala deemtotni Wayyaanee beektee barattootni Oromoo akka hin ayyaneffatne yaaltus haala ulfataa ta’e keessatti mirga keenya falmachuuf eenyuyyuu eeyyama hin gaafannu jechuun sabboontoti Oromoo GFDGn ayyaaneffatamee jira.Haalli qindoomina ayyaana kanaa fi hirmaatnaan sabboontotaa kunis Wayyaanee fi lukkeewwan ishee daran kan rifaasise ture.

Ayyaana kana irratti barattootni Oromoo walitti dhufanis ibsa ejjennoo armaan gadii kana baafachuun milkiin xumurameera.
1.Mirga keenya falmachuu irraa duubatti hin deebinu
2.Dhaabota siyaasaa Oromoo dhimma Bilisummaa Oromiyaa irratti hojjatan   wajjiin yoomuu ni hiriirra
3.Sochii warraaqsaa dhaloota haaraatiin finiinaa jiran waliin haala kamuu keessatti ni hiriirra!
4.Hidhamuu fi arii’atamuu barattoota Oromoo ni mormina
5.Dirqama fincila diddaa garbummaa irratti darbu kamiyyuu fudhannee gahee keenya ni baana
6.Qe’ee isaa irraa saamamuu,arii’atamuu ilmaan Oromoo ni mormina
7.Dhaaba keenya cinaa dhaabbannee qabsoo hadhaa’aa ni gaggeessina
8. Humnoota Bilisummaa Oromiyaaf qabsaa’an ni jajjabeessina

Kan jedhani tahuu gabaasaan Qeerroo Dirree Dawaa irraa gabaasee jira.

Injifannoon uummata Oromoof!!