(Gabaasa Qeerroo Magaalaa Gimbii, Sadaasa 7,2011) Yeroo ammaa kana diddaa gabrummaaf jecha dargaggooti Oromoo badiyaa fi magaalaalee Oromiyaa keessa jiraatan marti harka wal qabatanii sirna irreen bulaa Wayyaanee dura dhaabbachuun FDG qabsiisaa jiru. Dargaggooti Oromoo addatti baratooti Oromoo University lee fi Kolleejjota jiran keessatti fincila diddaa gabarummaa gaggeessaa yeroo turanitti hidhaan ajjeechaan akkasumas arihatamuun irra gahaa ture, kana irra darbee summii nyaachifamanii miidhaan guddaa irra gaheera. Barattooti Oromoo gochaalee diinaa kanaan osoo hin dhaabbatiin yeroo boqonnaa isaanii ganna mana barnootaa irraa galanitti qoteebulee Oromoo fi hojjetee bulaa akkasumas qaama hawaasa Oromoo hunda dammaqsanii diddaa gabrummaf akka warraaqan gochuu irratti qooda guddaa taphatan. Sochii dargaggootaa kanatti kan rifate mootummaan Wayyaanee barattoota akkasumas hojjettoota jimlaatti qabee mana hidhaatti geessaa ture. Barattooti hedduun hanga har’aa University leetti osoo hin deebi’iin hafanii bakka buuteen isaanii wallaalamee jira.
Haaluma kanaan yeroo ammaa kanas, baatii Sadaasa 2011 kana keessa hojjettoota Oromoo faana warraaqsa kan ABOn durfamu Oromiyaa baadiyyaa fi magaalaa keessa geessitan,alaabaa Oromoo qoteebulaa fi ummataaf raabistan,barattootii fi hojjettooti mobaila isaanii irratti alaabaa ABO akka tolfatan gootaniittu jechuun bakka jiran irraa adamfamanii kanneen hidhaman keessaa:-
- Obba Caalaa lafiti dhaloota isaa Innangoo kan tahe bakki hojii Waajjira qonnaa irraa
- Obbo Addisuu lafi dhaloota isaa Amboo waajjira Finance anaa Gullisoo kan hojjetu
- Obbo Tafarii lafti dhaloota isaa Finca’aa waajjira albuudaa fi energy kan hojjetu
- Obbo Admaasuu Lammii lafa dhaloota Wallaga Bahaa
- Caalaa Baqqalaa lafti dhaloota isaa Ambo
Kanneen jedhaman mana hidhaa Godina Gimbiitti argamutti ergamuun akka maatii fi firoota irraa fagaatanii hidhamanii namni hin argine taasifamanii jiru. Hojjettooti Oromoo kun sabboonummaa isaanii irraan kan ka’e badiin tokko malee mootummaan Wayyaanee akka aadaa isaa waan hidheef jecha dheekkamsaa fi diddaa hojjetoota naannoo adda addaa jiranii kaasuun isaa akka hin oollee gabaasi Qeerroo magaalaa Gimbii addeessa.
Qabsoon itti fufa !Gabrummaan ni kufa!