“Sochiin Qeerroo Har’aa, Itti Fufa Qabsoo Mirkaneessa.”

YAAYYAA GAMMADAA (2005)

Kutaa 2ffaa

Addunyaan keenya har’aa , ragaa qabatamaa waliin dhaamsi Ummatoota cunqurfamoo fi warra cunqursaa ta’aniif dabarsaa jirtu, hegareen addunyaa keenyaa , Ummatoota cunqurfamoof Bilisummaa , warra cunqursitootaaf ammoo, kufiinsa salphinaatii. Kana malees, warra meeshaa amma funyaaniittii hidhatee fi Abbaa irrummaan, ummatoota dhiitaa jiraanna warra jedhaniif , humni kamuu ykn masaraan mootummaa sibiila sibiila caaluun ijaaramus, humna ummataa dura dhaabbachuu akk ahin dandeenye mirkaneesse jira.Kana qofaa odoo hin taane, humnni Addunyaan nu harka jirti warra jedhanittis maxxananii, tajaajiltummaan wawwaatanis , tarkaanfii Ummatoota irraa nama baraaru akka hin dandeenye , shakkii tokko malee qabatamaatti kan nutti mul’iseedha.Abdiin addunyaa keenya irratti guyyuu daawwachaa jirru, Ummatoot aItoophiyaa addatti , Ummata Oromoo Abbootiin irree irratti walfuraniif fakkenya guddaadha. Sirni wayyaanee waggoota 20f humnaan aangoo qabatee jirus, sodaan isaa inni guddaan, Fincila Ummatootaa ,sirnoota waggoota dheeraaf, maatii fi gosaan Ummatoota hiraarsaa jiraatan haaxaa’ee fi dursitoota kaleessa waan Ummatoonni isaaniin jedhan dhaga’uu didanii qaanii itti haguuggatan kanadha.

Wayyaaneen ega aangotti ol ba’ee , mormiin Ummatoonni addatti , Ummati Oromoo isa irratti gaggeessu, yeroo itti dhaabbate hin qabu.Hiwaatonnis siyaasa kijibaa gaggeessaniif adda durummaan kan sodaatan, Gaaffii ummata Oromoo waan ta’eef, waggaa 20 guutuu waan danda’an hundaan Ummata kana jilbeenfachiisuuf yaalaa jiran. Ilmaan oromoo gaaffii mirga umamaa fi siyaasaa kaasan hedduunis hammeenya wayyaaneen , gara laafina tokko malee dhumaniiru. Kumoota 60n kan lakkaa’aman manneen hidhaa ifaa fi dhoksaa keessatti dararamaa jiran. Kumoota dhibbaan kan lakkaa’aman , Biyyaa ba’anii jiran. Miliyoonaan kanneen herregaman ammo jireenya gadadoof saaxilamanii jiran.Shirrii wayyaanee inni guddaan Ummata Oromoo humna waraanaa dhabsiisuun,karaa jireenyaa, Dingdee, Qor-qalbii, siyaasaa , Barnootaa , Namummaa, karaa hundaa cabsitee bara baraaf akka lafaa hin kaane taasisanii jilbeenfachiisuudha. Wayyaaneen Ummata Oromoo cabsuudhaaf shirri ol aanaa Dargaggoota irratti gaggessitu , hunda irra ulfaataa ta’us, Dargaggoonni Oromoo shiraa fi hammeenya diinaa kanaaf jilbeenfatanii hin beekan.

Addatti Dargaggoonni fi Barattoonni Oromoo , Fincilli diddaa gabrummaa bifa gara garaan gaggeessan guddachaa deemee, har’a gurmaa’iina Qeerroon hogganamee wayyaaneef yaaddoo Ulfaataa ta’ee jira. Wayyaaneen seenaa ishee saamicha qabeenyaa har’aan dagattee jirtu, guyyuu wanni of irratti hojjachaa jiran , hegaree dhaloota isaaniif kan yaadaan hin fakkaatu. Qabeenyaa saaman jiraachisuuf jecha, dhaloota har’aa irratti badiin gaggeessaa jiran , Immiyyee Itoophiyaa isaanii eessatti oofaa akka jiru, kan hubatan hin fakkaatan. Wayyaanoonni quufa isaanii turfachuuf hammeenyi hojjataa jiran , Ilmaan cunqurfamoo, keessattu, Qeerroo Oromoo dhalchee injifannoo Ummata oromoo dhiheessaa jiraachuu dagachuu hin qaban. Sochiin Ummatoota miidhaan itti heddummaatee , Dargaggoo Tuniziyaa ibiddaan of gubeen eegale, warra Addunyaan nu harka jirti jedhaniifu abidda itti umaa jiraachuu hubachuu qaban. Haqa Ummata miidhamee ukkaamsuuf , warra humna qabna jedhan jala goruuf yaaluun, sochii qeerroo gonkuma dhaabuu akka hin dandeenye hubachuu barbaachisa. Humni Ummatootaa yennaa jabaatu Addunyaa, keessattu warra haqa Ummatootaa irra dhaabbatanii dantaa isaaniif dhaabbatanitti hirkadheen jiraadhaan , dhaloota har’aa harka qullaa , Taankii dura dhaabbatuuf murate , dhaabuu hin danda’u. Fincilli Diddaa gabrummaa fi sochiin qeerroo har’aa , adeemsa qabsoo dhaloota har’aa hangam jabaachaa jiraachuu kan nu akeekuudha.

Dargaggoonni Oromoo kaleessa Fincila Diddaa gabrummaan, har’a ammoo , Sochii qeerroon wayyaanee raasaa jiran, Injifannoo Ummata Oromoo shakkii tokko malee akka mirkaneessan mamiin hin jiru. Ummatoonni biros sochii kana cinaa dhaabbatanii Injifannoo waloof hojjachuun akkaan barbaachisaa ta’uu hubachuu barbaachisa. Wayyaaneen qabsoo keenya gufachiisuuf Ummatoota nu irratti daboo kadhachaa fi shiraan akka wal dhabnu taasisaa jiraachuu hubachuu qabana. Kana fashalsuuf

garaa bal’annee , siina of irraa hanqisuuf jecha , kan keessa keenyaa keessa keenyatti qabanne, Ummatoota biro hawwachuu qabna.Sababaan, Wayyaaneen diina Ummatoota hundaa waan taateef. Wayyaaneen har’a maqaa Ummatootaan haa kakatu malee, Mirga abbaa Biyyuummaa Ummatootaa addatti kan ummata oromoo hin barbaadu.

Har’a wayyaaneen gonkumaa ummataaf dubbachaas ta’ee hojjachaa hin jiru. Qabeenyaa saaman karaa itti jiraachisan qofaa yaadaa jiran. Kun ammo kan ta’uu danda’u , qabsoo Ummatootaa dhabamsiisu qofaan ta’a. kana booda bara-baraaf jiraanna jedhanii murteeffataniiru. Naannoon keenya , wareegama irraa barbaachisu kafalee , dhaloota itti aanuuf dabarsaa jira. Mirga ofii kan tolaan namaa kennu gonkumaa hin jiru. Har’a wal irratti ilaaluun eessaanu nu hin ga’u. keessattu Ilmaan Oromoo Biyya ambaa keessa jiraatan, sochii qeerroo kana milkeessuu qofaa odoo hin taane, Qabsoo Oromoo Addunyaa dhageesisu keessattu , sadarkaa dhuunfaa eegalee tattaaffii mataa siaa taasisu qaba.wayyaaneen qabsoo ykn gaaffii Ummatootaa ukkaamsuuf, Biyya keenya warra alaatti akka matta’atti qabsiisaa ykn kennaa jira. Guutummaatti tajaajiltummaan jiraachuuf murteeffatees hojjachaa jira. Gaaffiin dhaabbilee Bilisummaa saba isaaniif qabsaa’aan gaaffii jala galchuu fi shororkeessummaan galmeesisuuf, Qabeenyaa Biyyaa akka saaman , Biyyattii keessatti dantaa ol aanaa akka qabaatan taasisu irratti argama. Dachee keenya abbootii keenya irraa buqisee, warra alaattii gurguraa jira. Walii gala wayyaaneen jibba nuuf qabu daran hammeessee jira.

Nu ajjeeseera. Nu hidheera. Biyyaa nu godaanseera. maatii keenya diigeera. Dhalota gubeera. Shamarran gudeedeera. Beerran keenya salphiseera. Maaguddoo keenya miidheera. Qabeenyaa keenya chaayinaa fi arabatti gurguraa jira. Walii gala dachee irraa nu dhabamsiisuuf hojjataaa jira. Humna akkasiif callisuun dabeessummaadha. Dhalooti hegareen isaa itti dukkanaa’ee ,wayyaanee jalatti jilbeenfatee akka jiraatuuf irratti hojjatamaa jiru , sochii isaa bakka jiru finiinsuu qaba. Wayyaaneen ,Biyya Abbaa keenyaa irra taa’ee, galmee shororkeessaa keessa nu galchuuf yaaluun isaa qofti , hammeenya Ummata Oromoof qabu akka gaaritti kan ibsuudha. Odoo danda’ee , akka biyyoota biroo xiyyaara nama malee balali’uun osoo hin hafnee akka tumamnu barbaada. Diina

akkasiif nama mijeeffatu of irratti ilaaluun , qaanii isa dhumaati.
Diina mana nama seenee abbaa namati ta’uu irra dabree, akka itti dhuma namaaf malu callisani ilaaluun , namummaan gadidha. Ummati Oromoo bakka maraa jiru , odoo hin jaallannee, humna isaa gamteeffachuun murteessaa ta’aa dhufee jira. Hojjataan , daldalaan, beekaan , barsiisaan hundumtu sochii Dargaggootaa kaleessa eegalamee fi har’a qeerroon gaggeeffamu cinaa dhaabbachuu qaba. Canqursaan hanga jirutti , qabsoon farra cunqursaa jiraachuun darqama. Bilisummaan Biyya keessa hin jirre , mana dhunfaa ofii keessatti qabaachuun hin danda’amu. Dargaggoo oromoo maqaa maayikiroo xixiqqaan qabsoo irraa daguu wayyaanee irraa of haa eeggannu. Biyya ofii irratti , qee’ee ofii irraa buqqa’anii ,Warshaa cunqursitootaa keessatti qacaramuun , gonkumaa mirga ta’uu hin danda’u. waggaatti barattoonni kumoota 70n lakkaa’aman, koleejoota barnoota ga’ummaa hin qabne keessaa eebbifamuun , dhaloota hegaree irratti maaltu hojjatamaa aka jiru haa hubannu. Dhaloota sabootaa domsaa , kan hiwaatootaa Biyya alaatti barsiisaa jiraachuun , bor maal akka nu yaadan dagachuun gawwummaadha. dhaloota har’aa qabsoo irraa dhaabuuf shirrii gaggeeffamu hundumtu ni hongaawa.

Dhuma irratti , har’a nu hidhan . nu ajjeesan . nu hiraarsan. Hiyyuummaa keessattii nu adaban. Abbootii keenya, obbolaa keenya ,
haadholii keenya gargar facaasan. Qabeenya keenyaaf jedhanillee nu miidhan. Kan kaleessa nu waliin guddate har’aa hidda dhahatee nu miidha. Inni har’af dantaan mo’mee jedhes , nu hiraarsa ta’a. Dachee keenya irraa nu buqqisanii ofiis qubatanii ta’a. kanarra waan hamaas nu irratti gaggeessu ta’a.

Kun hundi garuu , akka nu jabeessaa jiru , gumaa nu keessatti uumaa akka jiru , hiwaatoonni hubachuu qaban. Rorroon har’a qeerroo dhalchite, boru gara jabiina akka isaanii nu keessatti gadi dhaabee,rakkoo hama ofitti fiduuf taa’an. Mana ofitti ajjeefamuu fi hiraaruun dhaabbachuf akka deemuu fi kanas ofi irraa kaasuuf filmaati dhummaa akka itti aanu hubachuu qaban. Qabeenyaan har’a tuulame , yakka Ummata keenya irratti hojjatameen duuba akka jiru hubachuu barbaachisa. Waliin jireenye hagaree, hammeenya har’aa irratti akka hundaa’uu hubachuu qaban. Qabsoon keenya bifa hundaa itti fufa. Riqicha diinaa ni dhabamsiifna. Dhaloota hegareef dukkana hin hawwinu. Gabrummaan nu irratti ni dhaabbata. Sochiin Qeerroo har’aa , Imaanaan wareegamtootaa dhageettii argachuu mirkaneessa. Kanaaf , Qabsoon Abbootii keenyaan eegalamte itti fufti.
ITTI FUFA …

Fincilli Diddaa Garbummaa Yaadannoo itti Fufa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ti!

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 6 Sadaasa 2011) Sadaasa 9: guyyaa gaddaa waan taheef dhala Oromoo kan tahe hundi bakka jirutti guyyaa kana gaddaan yaadachuun seenaa FDG akka kabaju ABO dhaamsa dabarse.

ABO guyyaa yaadannoo FDG bara 2011 ilaalchisee dhaamsa Qeerroo Bilisummaf dabarseen  akka hubachiisetti, guyyaan kun itti fufa qabsoo diddaa garbummaa Oromoo, addatti immoo FDG kan sadaasa 9, bara 2005 bifa sirnaa fi tartiiba qabuun qinfamee labsame irratti wareega kaffalame kan itti yaadatamuu dha.

”Ulee hammeenyaa mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo irratti ol fudhate karaan itti jalaa bahuu dandeenyu didnee fincillee mirga keenya deebifachuu duwwaadha,” kan jedhe ibsi ABO kun, jagnooti keenya baroota dabran osoo mirga ummata Oromoof jedhanii falmaa irra jiranii harka diinaatti kufan yaadachuu qabna,” jedhee jira.

Dhaamsi ABO itti dabaluunis, ummati Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffachuuf ABO jalatti qindaawee qabsoo hidhannoo fi siyaasaa geggeessaa jiruun wareegama ulfaataa kaffalaa akka jiru yaadachiisee, wareegamni isaanii bilisummaatti nu geessuu kan danda’u yoo gumaa isaanii baafnee dha jedhee jira.

Guyyaa yaadannoo kanas diddaa daran jabeessuun, jagnooti keenya FDG irratti kufan daqiiqaa tokkoof yaadachuun, Sirna yaadannoo irratti faaruu gootowwaani “ Maal dhaamanii” jedhu faarfachuun, Sabboontota sababa FDGtii fi QBOtiif jecha hidhaa jiran gaafachuu fi  Gumaata addaa walitti qabuun hidhamtootaaf kennuun  ayyaanicha yaadachuun akka danda’amu ABOn dhaamee jira.

Dhaadannoolee guyyaa kana dhaadatamuu malan keessaas ” Mirga keenya falmachuuf eenyuun illee eehama hin gaafannu!, Mirgi hiree murteeffannaa ummata Oromoo haa kabajamu!,  Hidhamtooti siyaasaa Oromoo haa hiikaman!, Barattooti Oromoo hidhaman haa hiikaman! Fi kkf ” kan jedhu hundee yoo ta’u, Qeerroon Oromiyaa  bakka jiran maratti qabsoo diddaa garbummaa waan jabeessu mara akkaataa isaaniif aanja’een akka finiinsan dhaamsi darbee jira.