Ayyaanni Irreechaa 2011 Malkaa Gafarsaatti Onk 9, 2011 Kabajama.

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 08 Onkoloolessa 2011) Ayyaanni Irreechaa 2011 akkuma barametti godinaalee Oromiyaa mara keessatti kabajamaa kan jiru yoo ta’u, Onkoololessa 9, 2011 immoo  Godina  Shawaa Lixaa Maagalaa Burraayyuu, Malkaa Gafarsaatti  sirnaa ho’aa ta’een kabajamuuf jira.

Akka gabaasaan Qeerroo magaalaa Burraayyuu irraa odeessa nuun gayetti, ayyaana Irreechaa kana kabajuuf Sabboontonni Oromoo Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa gara Burraayyuutti galuu kan eegalan dursanii ti.

Haata’uutii, humnooti tikaa fi poolisooti Wayyaanee Irreeffattoota Ayyaanaa Irreechaa Gafasaa irraatti argamuuf gara san imalaa jiran sakatta’uu fi doorsisuutti akka jiran hubatamee jira.

Akka gabaasaan keenya kellaa naannoo Giincii irraa gabaasetti, humnooti tikaa uffannaa ummataa uffatan warra Irreeffannaaf deeman fakkaatanii otuu Irreeffattoota basaasanii mul’atanii jiru.

Kana malees,kellaa irratti Irreeffattoota adda baasanii gaaffii,”Eessa deemta? Maal of harkaa qabdu? Maaliif irreeffattu? Hayyama qabduu?” fi kkf gaafachuun ummata nagaa goolaa jiraatan iyyuu, Irreeffattotis “aadaa fi amantii keenya kabajauuf hayyama nu hin feesisu!” jedhanii deebii akka kennan beekamee jira.

Sabboontonni Oromoos itti dabaluun, “doorsisa diinaa hin sodaannu; aadaa keenyaanis ni boonna,” jechuudhaan dhaamsa waaliif dabarsaa jiraachuun hubatamee jira.

Ayyaanni Irreechaa Malkaa Gafarsaa irratti kabajamu kun  waggoota 29f addaan citee kan ture yoo ta’u, yeroo duraatiif bara 2007 haaromfamee akka kabajamuu eegalee kna yaadatamuu dha. Ayyaana Irreechaa  Onk. 12, 2008 yeroo lammaffaaf kabajame irratti fakkeenyaaf,ummanni Oromoo lakkoofsaan 20,000(kuma digdama) ol ta’an Oromiyaa iddoo adda addaatii  walitti dhufanii akka kabajatan kan yaadatamuu dha.

Dhiichisaa fi Sirba Ayyaana Irreechaa 2011

LAFEE KEENYAAN OROMIYAA JAARRANNA

Taammanaa Bitimaa irraa (Gurree)

Guyyaan nuti tokko taanu
Kan bakka kufnee olkaanu
Yaa Oromoo-koo ni dhufa
Hammasittis qabsoon ittum-fufa!

Itti-fufa qabsoon bilisummaa
Kan nu gonfachiisu namummaa
Itti-fufa biyya guutuu marsee maree
Oromiyaaf du’uuf ni dhaabanna dabaree!

Kuunnoo, ammayyuu dhaloonni qubee tarree galtree
Ilaa, dhaloonni qubee duraas waliigaltee
Oromiyaa“, “Oromiyaa” jechaa tarkaanfattii
Impaayera bosobboftuu tan yoom abdattii?

Elemoo Qilxuu“, “Waaqoo Guutuu” jechaa dhaadattii
Ekeraa Taaddoo Birruu fi kan Maammoo-faa waammattii
Maali hin kaatuu akka Saartuu?”
Waayee Gaara Suufii-faa hin Haartuu?”
Jechaa olkaate-kaa joolleen qubee
Deebiftee jaaruuf bosonaa fi walabummaa jarri gube!

Alaabaa Oromiyaa: gurraacha, diimaa, adii qabattee
Odaa fi ejersaan marsitee hammattee
Harmee Oromiyaatiif ni duuna
Jaannama qileellee ni buuna
Jechaa kuunnoo laga labdee
Shilmii fi bacoo marsitee qabde!

Lafee mataa isa gooroo Calanqoo
Kan gaara Suufii, kan dubree fi dargaggoo
Harkaa fi harma bowwaa Aannolee
Qaama dhiiraa kan Walisoo fi Gullallee
Ee, boolla keessaa baaftee awwaallattii
Ilaa, namummaa fi aadaa gadaatiin kakatti!

Lafti Oromoo lafee Oromootii
Biyyi Oromoos biyyee Oromootii
Abadan lafeen Oromoo hin gurguramuu
Abadan biyyeen Oromoos hin duguugamuu
Majaan gamanaa gamasiis itti hin waamamu!

Kanaafuu, harka walqabannee oljenna
Miila keenyan sirriitti dhaabanna
Jiraa-du’aa Oromoo labsanna
Hortee Kuush mara waammanna
Warra kolonii turetti dhaammanna
Ekeraa Lumumbaatiin Obaamaattis iyyanna!

Abboo roorroon nafxanyoota haareyyii nu gayee
Fooliin nafxanyota moofeyyiis nutti ajaayee
Miilli sansalataan nu madaayee
Mormi kiyyoon nu burkutaayee
Gateettiin baachuu nu daddhabee
Harqoota gabrummaa
Copha tokkollee waa dhabnee
Camii kan namummaa!

Hayyee, haa kaanu gaaraa-dakaa
Tole, haa yaanu gamaa-gamanaa
Eekaa, haa baanu alaa-manaa
Haa seennu malkaa Waabee
Haa buunu laga Gibee
Uummanni keenya bosonaa
Leencatoo keessa sonaa
Maalumatoo nu dhibee?

Carcar bowwaa qeerransaa
Tiruu laga Dhiddheessaa
Mogor boongoo gichillootaa
Dallo qeyee jagnootaa
Caakkaa Roggee Ammayyaa
Kutataaf achi wayyaa
Kutatee itti-galaa
Jibaat keenyas daggalaa!

Daggala qeyee gootaa
Garaan dhaquuf abjootaa
Abjuun abjuu bilisummaa
Kan biyyaa kan walabummaa!

Yoo qeenxomne akka kufnu ni beeknaa
Yoo tokkoomne akka bullus ni beeknaa
Kanaaf, tokkummaa akka sibiilaa jabaatu
Isa miliyoona afrutama nuuf baatu
Haa jaarrannu amma olkaanee
Garagarummaa xixiqqoo achaanee!

Maarree, dhiichisaa laga buuna
Mancaa, haamtuu fi qottoo olfuuna
Akaafaa, eeboo fi dhagaraa qabanna
Silaa qawwee hin qabnuu
Shimala, hablee fi manshii qabanna
Qoorbii, hordaa fi darbaadhaan
Gabrummaa ofirraa darbanna
Lafee keenyaan Oromiyaa jaarranna!

Barliin, 07. 10. 11

********** // **********
HUBACHIISA:

Mee walaloon tun yaadannoo mucayyoo fi jaarsa Oromoo, akkanuma warreen biroo isaan Gaara Suufii irratti diinni uummata keenyaa gurra’eetoo irbaata majaa (waraabessa hamaa) taasise saniif yaadannoo haa tahu! Walaloon tiyya tun bakka imimmaanin amma yommuun kana barreessu haqachaa jiruu bu’uun, jajjabeessaa fi bira dhaabannoo: warra, aantee, firoottan, gandaa fi lammii namoota keenyaa kanaaf haa tahu!

============== // ==============

Hidhamtoota Dhoksanis, Sagaleen Hiraarsaa Hindhokatu!

(Qeerroo, Finfinnee, 6 Onkoloolessa 2011) Mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti hidhamtooti siyaasaa halkanii guyyaa reebamaa fi hiraarfamaa akka jiran odeessi gola wayyoonotaa irraa argame saaxile.

Wayyaanoti dhiibbaa humnoota addunyaa dhala namaaf falman irraa isaan mudachaa jiru jalaa bahuuf jecha gidduu darbe ergamtoota isaanii kannneen maqaa “komishiinii mirga dhala namoomaa” jedhamuun  muggaasfaman gara maa’ikalaawwiitti erganii ibsa dhugaa irraa fagaate baasanii jiran

Akka ibsa isaan baasanitti, yeroo ammaa hidhamtooti 78 callaa maa’ikalaawwii keessatti argamu. Haata’uutii, hidhamtooti yeroo ammaa maa’ikalaawwii keessatti dararamaa jiran 500 ol akka ta’an odeessi achi irraa argame saaxilee jira.

Ergamtoot Wayyaanee kunneen akka waanti hundi seeraan hojjatu fakkeessanii ibsuuf yaalanis, dhugaan jiru hidhamtooti siyaasaa mirga bilisa ta’anii ilaalamuu, mirga seera fuulduratti walqixxee ta’anii ilaalamuu, mirga maatii fi abukaatoo isaanii waliin maryachuu,mirga waan itti hin amanne dubbachuu dhiisuu fi mirgoota dhalli namaa qaban mara mulqamanii halkanii fi guyyaa hiraarfamaa jiru.

Manneen dukkanaa kutaa 12 kan ibsaa fi q8illeensa gahaa hin qabne keessattis yeroo ammaa hidhamtooti Oromoo fi Ogaadeen 100 0la kan argamn yoo ta’u, yeroo ergamtooti Wayyaaneen maqaaf naannoo san daaw’atanitti kutaaleen dukkanaa kun tokkoon isaa illee hin ilaalamne  ture.

Ergamtooti Wayyaanee kan daaw’atan kutaa “dubaay” jedhamu kutaa namooti yakka addaddaatiin himataman keessatti hidhamnii fi bakka namooti bebbeekamoo yeroof keessa turfaman qofaa dha.

Hidhamtoota halkanii fi guyyaa dararaa fi tumaa kan jiran kan akka Rattaa Tasfaayee yeroo afaan tolfatee akka waan tokko hin jirretti ibsa kennu, kanneen hidhanii fi hiisisan yeroo itti wliifibsa kennanitti dhagayuun “mirga dhala namoomaa irratti qoosuu dha,” kan jedhe Qeerroon, “Wayyaaneen yoo dhuguma seera addunyaaf bitamti ta’e qaamoti walaba ta’an akka hidhamtoota dubbisan hayyamuu qabdi; yeroo isaan dubbisanis humnooti tikaa hidhamtoota hiraarsan dhagayuu fi hordofuu hin qaban,” jedhee jira.

Torture @ maikelawi

Hidhamtooti akka jedhanitti qorattooti Wayyaanee halkan guutuu akka dhaabbatan erga godhanii booda, yeroo hidhamaan sun of wallaalee kufe achitti bishaan qorraa fi hoo’aa itti naqu; yookaan  sibiila qara qabuun qaama isaa quncisanii akka hiraarfamu godhu.

Hidhamtoota faana jala sibiilaan reebuun waan hiraarsaa isa xiqqaa ta’uu kan himan hidhamtooti siyaasaa maa’ikalaawwii keessatti argaman, dhugaa kanas namuu ganama yeroo fincaaniif bahu mallattoo dhiigaa lafa irratti arguun kan mirkaneessu ta’uu saaxilanii jiran.

“Biyya Kan qabee hidhu Wayyaanee, kan qabee reebu wayyaanee, kan himannaa banu wayyaanee, kan  itti muru wayyaanee ta’e keessatti mirgi dhala namaa eegamaa jira,” jedhanii ibsa kennuu caalaa, “kan nama dinqu kan reebus kan qoratus miseensa paartii Wayyaanee  ta’uu isaa ti,’ kan jedhe Qeerroon, “kun mirga dhala namaa irratti qoosuu dha,” jedhee jira.

“Hidhamtoota dhoksanii, bakka isaan hin argamnetti  ibsa kijibaa  kennuun dhugaa dukkanaan dahatamee raawwatamaa jiru, sagalee hiraarsaa fi faana hiraarsaa maa’ikalaawwii keessaa na dhaqqabaa jedhee iyyaa jiru dhoksuu hindanda’u,” kan jedhe Qeerroon, “yeroon itti dhugaan wayyaanotaan dhoksame waltajjiitti bahee himamuu fi lallabamu fagoo hin ta’u,” jedhee jira.

Oromooti Ayyaana Irreechaa Irratti Sirban Hidhaman;Irreeffattootis BILISUMMAA Jedhan!

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 05 Onkoloolessa 2011) Ummata Oromoo irraa abdii kan kutatte, Mootummaan Wayyaanee, Ummata Oromoo nagaan Waaqa isaa Irreeffatee gammadee galuuf deemu qabdee hidhuun ishii gabaafame.

Gabaasaan Qeerroo akka beeksisetti Dilbata ganama Obboruu, Onkoloolessa 2, 2011, dargaggoota karaa Jalduu fi Gindabarat Irreecha deemaa turan irratti sakattaa cimaa taasifameen namoonni shan sababa tokko malee qabamanii mana hidhatti darbamanii jiru.

Ilmaan Oromoo hidhaman kunneen  akka hidhaman sababa kan ta’e, faayaa Oromoo kan ta’e callee fi mormee waan keewwataniif ta’uun hubatamee jira. Ergamtooti Wayyaanees, yeroo namoota kunneen qabanitti, “Isin faayaa ABO harkaa fi mormatti keewwattan; Callee fi iskarvii Alaabaa ABO qabdu,’ ittiin jechuun namooti nagaan gara Irreeffannaa deemaa turan akka reebanii hiraarsan kanneen ijaan argan ragaa bahanii jiru.

Ilmaan Oromoo hidhaman kunneenis otuu reebamnii, “nuti nama hin tuqne; waan feene keewwachuun mirga keenya; nuti waa hin balleessine; nu dhiisaa,” jechaanii akka turan maanguddoon yeroo san argan gabaasaa Qeerroof ibsanii jiru.

Yeroo sanatti namoota kaan erga reebanii callee fi faayoo isaanii irraa guuranii booda kan gadhiisan yoo ta’u, kaan immoo haga yoonaatti bakki isaan geeffaman akka hin beekamiin kan eere Qeerroon, “maqaa fi iddoo jireenya isaanii adda baafachuuf yaalii godhaa jirra; akkuma arganneen siifin dhaamna,” jedhee jira.

Haaluma walfakkaatuun,Fiicheettis akkasuma sakattaa ganama obborootiin godhameen namoonni sadii qabamanii gara mana qorannoo poolisiitti  akka geessaman  beekamee jira. Haata’uutii, sababa itti hidhamanii fi  iIsaan kanas eenyu eenyu akka ta’an adda baafachuuf yaaliin godhame haga yoonaatti hin milkaa’iin jira.

Karaa biraa, Onkoloolessa 2, 2011 gara 2:00 PM tti dhiichisnii fi sirboonni ABO leellisan akka malee oo’ee waan tureef humnooti tikaa wayyaanee hedduu baaraganii namoota sirbaa fi dhiichisaa turan walitti qabanii akka hidhan beekamee jira.

Akka Qeeroon gabaasetti, yeroo ummata humnaan hidhuuf jedhanitti walitti bu’iinsa poolisii waliin godhameen namoonni digdamii jaha  hidhamaniiru.

Akka kanaan namoota hidhamn keessaa namoota 22 suuraa fi Ashaaraa kennisiisudhaan galgaluma san kan gadi dhiisan yoo ta’u, namoota 4 manuma hidhaa Bishooftuutti hambisanii akka jiran bira gayameera.

Namooti Irreeffannaaf manaa bahanii yeroo ammaa mana hidhaa Bishooftuutti hiraarfama jiran kanneen:

1. Qalbeessaa Guddisaa Simee _  kan Adaamaa ganda 13 irraa gara Irreechaa dhaqe.

2.  Fiqaaduu Ankaffee Shaggoo – Godina Lixa Arsii, Arsii Nageellee, ganda Basaqoo.

3. Araarsaa Abbabaa Gammadaa- L/Shawaa, Meettaa, ganda Waraaboo.

d. Gulummaa Duressaa – L/Shawaa, Aanaa Dandii, ganda Sariituu dhanquu.

Akka gabaasana Qeerroo argetti, anmooti maqaan isaanii hin beekamne hedduun illee qamanii mana hidhaa adda addaa keessatti argaman.

Gabaastoti Qeerroo bakk adda addaa irraa odeessa walitti qindeessan akka hubachiisutti, ayyaanni Irrreechaa baranaa hedduu sabboonsaa dha. “Qeerroo keenya irraa yaadni walitti qabame akka ibsutti barana dargaggoonni Oromiyaa mara irraa haala itti qophaa’aa turaniin irreeffatanii jiru; Irreeffattooti bara kanaa immoo miliyoona shanii gad hin ta’u.”

“Garuu mootummaanis haalli barana dargaggoon akkasitti itti qophaa’aa jiru kun baayyee waan isaan yaaddesseef ji’a tokkoo eegalanii doorsisaa fi keessa keessaa hidhuu jalqaban,” kan jedhe Qeerroon akka ummati Irreechaa irratti hin argamne shirri xaxamaa turuu illee “ummati dachaa dachaadhaan argamuu hin dhiifne; baayyinni uummata argamee hanga miil. 5 ta’uu danda’a.” jedhamee jira.

Haaluma walfakkaatuun  warra hojjattoota mootummaa ta’an dabballonni OPDO “waajjira waajjiraan gurmoofnee deemna, namni gurmuu kanaan ala kophaa deeme nama fedhii warra farreen misoomaa qabuudha…” fi kkf  jedhanii doorsisaa waan turaniif namoonni haala akkasii keessa jiran rakkoo itti dhufuu danda’a tilmaamudhaan ayyaanicha irraa hafuu filatan iyyuu baay’inni Irreeffattotaa hedduu ajaa’ibsiisaa akka ture hubatamee jira.

Ergamtooti Wayyaanee fi diinoti eenyummaa Oromoo gama hundaan Irreechaa gufachiisuuf tattaaffii guddaa kan akka “yoo achii deebitu ykn karaarratti ni qabamta; kun kaabinee keenyaan sirratti murtaa’eera…” fi kkf olola lafa jala oofaa turan.

Maanguddootin tokko Qeerroof yaada kennaniin “Olollii fi doorsisti guddaan deemaa ture. Kun immoo uummata keenya rakkoo jireenyaa hamaa ta’e keessa jiru kana onnatee fuulduratti akka hin dhiibneef daangesseera. Ta’us doorsisaa isaanii cinaatti dhiisudhan “lama hin du’u!” jedhee kan ba’es miiliyoonaan lakkaawwama. Nama didee xiiqeffati kan duubatti gdeebisu hin jiru,” jedhanii jiru.

“Saba garaan diddaa agarsiise hidhaan hin deebisu,” kan jedhan maanguddoon kun, ” mootumman kun waan darbe irraa waa barachuu qaba. Humna guddinaan Dargiin dhaabbatee hin hafne; Biyyoota ollaa kkka Igiptii fi Liibiyaa fa’aa irraa waa baratuu qaba. Sagaleen ummata  hamaa dha. Deebii yoo argatuu dhabe, si’a tokkotti akka dambalii fudhatee akka isaan deemu beekuu qaba. Saba Bilisummaa barbaade hidhaan duubatti hin deebisu,” jechuun dhaamsa guddaa dabarsanii jiru.

Ayyaanni Irreechaa Sirna Hoo’aan Kabajame; Qeerroonis Diddaa Garbummaa Ifatti Mul’isan!

 (Qeerroo, Bishooftuu, 03 Onkoloolessa 2011) Ayyaana Irreechaa Oromiyaa guutuu keessatti sirna hoo’aa fi miidhagaatiin kabajamee jira; Bishooftuu, Hora Arsadiitti uummanni Oromoo miiliyoona 3 olitti tilmaammaman bahanii kan kabajatan yoo ta’u, diddaan Oromoos ayyaana kana irratti haalaan mul’atee jira.

Gabaasaan Qeerroo akka qindeessetti, ayyaana Irreechaa kana dadhabsiisuuf diinni kallattii adda addaan harka keessa galfachuun guutuutti to’achuu yaalu iyyuu,dargaggoonni gabrummaaf harka hin kennine gama adda addaan sirboota warraaqsaa fi dhaadannoo adda addaa dhageesifachuun, alaabaa mirmirsuun, akkasumaas, dhaamsa ergaa adda addaa of keessaa qabu gamuma adda addaan waliif dabarsuun haala baay’ee dadammaqiinsa ta’een kabajatanii jiru.

Keessaayyuu, Ayyaana kana irratti  humni “bittinsaa hokkaraa” jedhu karaa addaddaa dhiibbaa fi shororkaa gochaa jiruu Qeerroon Oromiyaa seexaa guddaadhaan otuu diinaaf hin sarmiin kabajatanii jiru.

Dabalataaniis, qophii baandiin sagallan booranaa Dukam irratti qopheeseeniis dargaggoonni dhaamsota adda addaa waliif dabarsuu irra darbee sirba warraaqsaa adda addaa fi alaabaa mirmirsuun haala hedduu dadammaqiinsa waliif kennuun kabajameera.

Ayyaana kana irratti kanneen qooda fudhatan keessaa Qeerroon tokko yaada kenneen, “dhugaa dubbachuuf haamileen dadammaqiinsa fi sabboonummaan uummata keenya waggoota sadanii fi afuran darbeef hir’atee qofa osoo hin ta’iin dhabame jechuun ni dandama ture.  Haalli amma itti jiru kan abdii namaa kennuu fi nama onnachiisu ta’eetu argamaa jira,” jechuun haala hubatee ibsee jira.

Qeerroon biraas haala yeroo ammaa jiru oggaa ibsitu, qabsoo fi diddaan Oromoo “bakka duriitti deebi’eera yoo jedhame hedduu nama hin salfachiisu.haala kanaan yeroo gabaabaa keessatti jabinaan sochoonaan jijjiramni barbaachisu uumamu mala jedheen amana,” jettee jirti.

Ayyaana Irreechaa Onkoloolessa 2,2011 Oromiyaa guutuu keessatti kabajame kana waanti adda godhu dhalooti haaraan heddumminaan keessatti hirmaatuu ta’uu kan eeran maanguddoon Oromoo tokko immoo “Irreechaan daandii ittiin qacceen dhalootaa lalisu ta’aa jira,” jedhanii jiru.

Akka lakkoofsa Gadaatti yeroo 6405f ayyaana kabajame kana irratti aayyoon argaman tokkos yeroo ibsan,” “An akkan waan lammata dhaladheettin ilaala. Dhugaatti, waan Irreechaa kana ibsuu hin danda’u. Garuu, yeroon lammii koo asitti akkanatti argu guyyaan itti dhugaan keenya deebi’ee mul’atu fagoo miti jedheen yaada,” jedhanii jiru.

Ayyaannii Irreechaa Horaa Arsadiittii haala baay’ee ajaa’ibsisaa ta’een yeroo kabajamee oleetti, Qeerroon Oromoos bakkaa Irreechaattii wal ga’uun ifaan ifaattii waraana Bilisummaa Oromoo faarsaa oolanii jiru. Keessaayyuu, dhaadannoo “WBO gachaana Oromiyaa ti! Addaa Biliisummaa Oromoo abdii saba keenyaa ti!” jechaa oolanitti humni diinaa dargaggoota bittimsuuf yaalu illee diddaa dhalootaa cabsuu waan hin dadneenyeef moggaatti ba’uuf akka driqaman gabaasaan keenya ijaan arguu isaa gabaasee jira.

Adeemsa ayyaana Irreechaa baranaa sagalee fi viidiyoon kan waraabame ta’u illee ammaaf sababa networkiitiin dabarsuun rakkisaa waan ta’eef karaa danda’ame maraan yeroo gabaabaa keessatti akka sabaaf gayu kan godhamu ta’uu qunnamtiin Qeerroo hubachiisee jira.

Mootummaan garboomfattuu wayyaanee dargaggoota uffata aadaa uffatanii Irreechaa deema jiran karaatti jechuunkellaalee cufuun sakkata’uun namoota hedduu rakkisaa kan oolte ta’uun illee beekamee jira.

Qeerroon akka ijaan argetti humnooti tikaa wayyaanee fi poolisooti kellaa addaddaa irratti ramadaman Oromoota Irreeffannaanf imalan qabuun ‘isiin miseensaa Addaa Biliisummaa Oromooti’ jetteenii rakkisaa turte.

Haaluma kanaan kan walqabates, humnooti tikaa fi poolisooti wayyaanee namoota hedduu irraa vedio fi kaameera fudhachuun, akka sabboontonnii kun aadaa isaanii kabajachuuf itti boonuu hin qabnee gochuuf yaalan illee diddaa fi heddummina ummataa ukkaamsuu dadhabamee akka jiru hubatamee jira.

Mootummaan TPLF Ayyaanaa Irreechaa irraatti ummata  doorsisuu fi sodaachisuuf human waraanaa kumaatamaan lakkaayamu bobbaastu illee sagalee ummataa ukkaamsuu akka hin dandeenye gabaasaan keenya dhaamee jira.

Keessaayyuu, Qeerroon sirbaan dhaamsa diddaa dabarsaa oolaniin sagalee isaanii dhageessisanii jiru. Akka fakkeenyaatti, lafa Oromoo maqaa investment tiin saamamaa jiru kanaaf akkas jechuun dhaamaa oolanii jiru.

     “ Yaa Oromoo Oromoo qulqulluu;

     Qonnee nyaanna qe’ee hin gurgurruu!”

Kan biraa immoo, kan guyyaa Irreechaa  irra deddebi’amee jedhamaa oole; haala bilchina ta’een haala sirba aadaa fakkaatun akkasi jedhanii  kallacha qabsoo ummata Oromoo kan ta’e ABO faarsaa oolanii jiru.

      “Yaa iyyoolee yaa iyyoolee

      Ya abaaboo daraari;

      Yaa iyyoolee yaa iyyoolee

    Yaa WBO koo taraari!

    Yaa ABO koo daddaraari!”

Akka gabaasota addaddaa irraa hubachuun danda’amettti, baayyinni uummataa kan bara darbeerra dabaleera;  80% ol dargaggoota ta’uu hubatamee jira.

Hayyuun seenaa fi aadaa Oromoo tokko dhimma kana irratti yaada kennaniin, haalli amma adeemaa jiru seexessaa dha. “Amma akka agarrutti, Qeerroon human guddaan ka’aa jirti. Barana Irreeffattooti harki caalan  Qeerroo dha.”

Dargaggoti heddummachuun hiikaa akkamii akka qabu illee yeroo ibsan, “kun dhaamsa guddaa dabarsa. Sababni isaa dargaggoonni eenyummaa ofiitti deebi’uu jechuu egereen biyyaa fi sabaa utubaa lalisu argachuu isaa ibsa. Kana malees, Qeerroon  waltajjii bal’aan tokkummaadhaan fedhii isaanii kana itti guuttatan Arsadii akka ta’e waliig galaa jiru. kana waan ta’eef godinaalee Oromiyaa mara irraa saganteeffatanii dhufan. Kun immoo, dhaloonni ammaa rakkoo har’a Oromoon keessa jiru kana dhabamsiisuuf abdachiisaa ta’uu agarsiisa,” jedhanii jiru.