የአቶ መለስ ወቅታዊ ዛቻ

(ቄሮ ዘጋቢ October 22, 2011)  የወያኔ ጠቅላይ ሚኒስትር መለስ ዜናዊ ለፓርላማቸው ባቀረቡት እልህና ቁጣ የተቀላቀለበት፣ ማስፈራሪያና ዛቻ በበዛበት ንግግራቸው ጋዜጠኞቹ ወንጀለኞች መሆናቸውን ያለጥርጥር ተናግረዋል።

ሌሎች ጋዜጠኞችና አስተያየት ሰጪዎች ስለተከሳሻቹ ንጹሕነት መጻፋቸውን ጭምር ሕገ ወጥ መሆኑን የደሰኮሩት መለስ፣ እርሳቸው ግን የተጠርጣሪዎቹን ወንጀለኝነት በማያወላውል ሁኔታ አራጋግጠው ሲናገሩ ተሰምተዋል።

የኢትዮጵያ ፍርድ ቤቴዎች የውሳኔ ጭብጥ ከአቶ መለስ ቢሮ እንጂ ከሕግ ፍልስፍናና መጻሕፍት አይቀዳም” ያሉ አንድ የሕግ ባለሞያ፣ የጠቅላይ ሚኒስትሩ ንግግር የፍርድ ሒደቱን መጨረሻ ከወዲሁ የሚያረጋግጥ ነው” ሲሉ ለአዲስ ነገር ተናግረዋል።

ከእስር ተርፈው በከፍተኛ ጫና ውስጥ ሥራቸውን ለማከናወን በመሞከር ላይ ያሉት ጋዜጠኞችም የአቶ መለስ መልእክት እንዲደርሳቸው ተደርጓል። የአቶ መለስ ንግግር በስም ባይጠቅሳቸውም መልእክቱ ለፍትሕ እና ለአውራምባ ታይምስ ጋዜጦች እንደሆነ ብዙዎች ተስማምተዋል።

http://youtu.be/AkY7P-ngqOY

http://youtu.be/iM4IM7cjKuM

የሰሜን አፍሪቃ አምባገነኖች አንድ ባንድ እየተወገዱ ነው

(ቄሮ ዘጋቢ October 22, 2011)  በቱኒዚያ ተቀጣጥሎ የሰሜን አፍሪቃ ሃገራት አምባገነኖችን እየጠራረገ ያለው የህዝብ አመጽ በሊቢያ ከተቀሰቀሰ ሰባት ወራት ቦኋላ ተቃዋሚዎቻቸውን አንዴ ሽብርተኞች፤ ሌላ ጊዜ ደግሞ የውጪ ቅጥረኞች ከማለት አልፈው አይጦች እያሉ ሲሳደቡ የነበሩት ሙአመር ጋዳፊ ለተቃዋሚዎቻቸው በተመኙት የአይጥ ጉድጓድ ውስጥ ለ2 ወራት ያህል ከመሸጉ ቦኋላ የሚያሳፍር ሞት መሞታቸው መላውን የአለም ህዝብ እያነጋገረ መሆኑ ታወቀ።

ሙአመር ጋዳፊ በሥልጣን ላይ በቆዩባቸው የመጀመራዎቹ አሥር አመት የህዝብ ፍቅር የተቸራቸው መሪ የነበሩ እንደሆነ የሚናገሩት፤ ባልተገደብ የሥልጣን ዕድሜ አገሪቱን ለመምራት የተፈጠሩ ብቸኛ ሰው አድርገው እራሳቸውን ወደ መቁጠር በመሸጋገራቸው አሁን ለደረሱበት አሳፋሪ ሽንፈትና ሞት ተዳርገዋል ይላሉ።

ጋዳፊ 42 አመታት ያህል ሥልጣን ላይ ለመቆየት የተጠቀሙበት ስልት መለስ ዜናዊ በአገራችን ላይ እያደረገ እንዳለው ህዝብ እርስ በርሱ እንዳይተማመን በጎሳና በነገድ በመከፋፈል እንደሆነ ይታወቃል። በቱንዚያ የፈነዳው ህዝባዊ ተቃውሞ ወደሊቢያ በተዛመተበት ወቅት ህዝብ ያነሳውን ጥያቄ በሰላማዊ መንገድ በመመለስ ለአገራቸውና ለራሳቸው ክብር የተሻለ አስተዋጾ ማድረግ ይችሉ የነበሩት ጋዳፊ፤ ስልጣን ላይ ለረጂም ጊዜ በመቆየት በመጣ አልደፈርም ባይነት የአምባገነኖች ትዕቢት ሲወጠሩና በባዶ ሜዳ ሲደነፉ ከሰነበቱ ቦኋላ ከተደበቁበት የቆሻሻ መተላለፊያ ቱቦ ውስጥ በውርደት ተጎትተው በመውጣት እንደተገደሉና ጦሱ ከራሳቸው አልፎ ለልጅ ልጆቻቸውም መትረፉ ብዙዎቹን ያነጋገረ ሆኖአል።
የጋዳፊ መገደል ዜና የተሰማው የሽግግሩ አስተዳደር ተዋጊዎች ሐሙስ እለት ማለዳ ሲርቲ ላይ አዲሱን የሊቢያ ሰንደቅ ዓላማ ከሰቀሉ በኋላ ነው። ከተማይቱን ለበርካታ ሣምንታት ሲያናጋት በከረመው የደፈጣ ተኩስና የከበድ መሣሪያ ድምፅ ቦታ ወደሰማይ በሚንጣጣ የደስታ መግለጫ ተኩስና የመኪና ክላክስ ተተክቷል። የሊቢያ የሽግግር መንግሥት ባለልስጣናት ጋዳፊ ሲርቲ ላይ በተካሄደ ውጊያ መገደላቸውን እንዳስታወቁ ጋዳፊ ለአርባ ዓመታት በገዛት ሀገርና ሌሎች ከተሞችም ፈንጠዚያ ሆኗል። ጋዳፊ ለሁለት ወራት ተሸሽጎ ሲሳደድ የቆየበት ወቅት መደምደሙ ለብሔራዊ የሽግግር መንግሥቱ በሀገሪቱ ላይ ቁጥጥሩን የሚያጠናክርበት ምዕራፍ ከፍቶለታል።

የሙአመር ጋዳፊን ሞት ተከትሎ የዝግጂት ክፍላችን ከተለያዩ ቦታዎች በኢሜይልና ስልክ መለክቶች የደረሱን ሲሆን ከአዲስ አበባ በኢሜይል ከተቀበልናቸው መለክቶች መካከል አንደኛው፣ እንዳሉት፣ የጋዳፊ ሞት ለሊቢያዊያን ርካታ ያስገኘላቸው ሲሆን የሊቢያዊያኑ ርካታ ደግሞ ለኛ ለኢትዮጵያዊያን ይተስፋ ሰጪ ሆኖልናል ብለዋል:: ቀጥለውም፣ በፍጹም ይደፈራል ተብሎ የማይታለመው የሊቢያው አምባገነናዊ አገዛዝ እንዲህ ሲገረሰስ ማየታችን መለስናና የሱን አሽቃባጮች ከሃገራችን ምድር ጠራርገን ለማጥፋት ምንም እንደማይከብደን ነው በማለት አስተያየታቸውን አጠቃለዋል።

Diddaan Qeerroo Itti Fufee,Gandi Wanciin Dirree Waraanaa Taate

መለስ እና ጋዳፊ

ከመላኩ ፀጋዬ መኮንን
በአንድ ሃገር ውስጥ ባለጌዎች እና ስድ አደጎች ስልጣን በጃቸው ሲገባ በምን መልክ አላግባብ እንደሚጠቀሙበት ብዙ ሩቅ ሳንባክን ከቀድሞው የዩጋንዳው ኢዲያሚን ዳዳ ዓንድ ብለን እስከ አቶ መለስ ዜናው አስረስ በየሃገራቱ የተፈጸሙትን ኢሰብአዊ ድርጊቶች ብንመለከትት ስለአምባገነኖች አገዛዝ ምንነት በቂ ማስረጃ ነው። በወዲ መለስ አገዛዝ በበረሃ ዘመናቸው አንስቶ የፈጸሙትናን ለከት ያጣ ርህራሄ የለሽ ተግባራቸው ይኽውና ለሃያ አመታት የያዝነው፤ ያየነው፤ የስቃይና የመከራ፤ የስደት፤ የሞት፤ የእስራት፤ የቸነፈርና የረሀብ እገዛዝ ዘክረውናል። አሁን ግን ይህ የሰቆቃ ኑሮ ወደዱም ጠሉም ለመጨረሻው ጊዜ መወገድ አለበት። የተቀመጡበት ወንበር ሲቆረቁረወት ካልተሰማወት ሊፈነግለወት ወስኞል ፤ውሳኔውን ባደባባይ እንዳይገልፅ ለጊዜው በብዙ ባላ ሊያስደግፉት እየሞከሩ ነው ይህ ሂደት አንቅሮ ከተፋወት ህዝብ ግፊት እስከመጨረሻው ሊደግፈወት አይችልም ፡፡ ለመደገፊያ ያውሸለሸሉት መሰላል ቀድሞ መበስበሱን ተረድተው እና ሕዝብ አንቅሮ የተፋወት መሆኑን አውቀው በጊዜ የመቋጠሪያ ውሉ ሳይጠፋ መሰስ ይበሉ፡፡

ሕዝቡ ከቀን አንድ ጀምሮ አንቅሮ ተፍቶወታል፤ እንደ እንሰሳ ሰው የተፋውን መልሶ አይውጥም አራት ነጥብ አይደል የሚሉት፡፡የማቆሚያ ነጥብ የሚያውቁ ስለሆነ ሕዝቡ ከአራት ነጥብ አልፎ ሃያ ነጥብ ብሏል። ታዲያ ሳልሞት አልወርድም የሚለውን የአምባ ገነኖች የሞኝ ዘፈን ትተው ሾለክ ቢሉ ለእርሰዎም ሆነ ለሀገሪቱ በጣም የተሻለ ነው።ለነገሩ የእርሰወ አይነት አገዛዝ የሚከተሉት ከራሳቸው ፍላጎት ውጭ ለሌላው ደንታ ቢስ መሆናቸውን አሁን በትኩሱ ጋዳፊ በልጆቹ ላይ ሳይቀር እልቂት እንዲፈጸምባቸው ያደረገ በመሆኑ ውሳኔወን በምን ላይ አንደሚያሳርፉ ለእርሰወ ልተወው፡ ግን ከታሪከው ሽርፍራፊ እንደምራዳው በሸር እንጂ በጀግንነት ወይም በሞገደኝነት ስለማይታሙ አራዳው የአስረስ ልጅ ቀኑን መዝኖ መሰስ ይላል የሚል ግምት አለኝ፡ ለማንኛውም ጊዜ ውሳኔ ይሰጣል፤ አሁን የተማመኑበት የዘር ጥርቅም ሲናድ በዚይን ጊዜ የእርሰወ ወኔ ይታያል፤ለነገሩ በቅርብ የሚያውቀወት ታጋዳሊ ሳይቀር በዋሉበት የጦር ግንባር ከድጋይ ስር ከመወተፍ ውጭ ቆምጨጭ ያለ ውሎ እንደማይሆንለወት ከግንባር አባሎቸወ የሚነገርለወ የታሪክ ባለድርሻ ነወት።

PDF article meles_ena_gaddafi

 

“Sochiin Qeerroo” itti fufa Qabsoo Oromoo mirkaneessa !

YAAYYAA. GAMMADAA (2011)

Hawaasi ykn Ummati tokko Qabsoo gaggeeffatu keessatti, waan isa mudatu hedduutu jira. Qabsoon Ummatoota mirga dhabilee ta’anii , Addunyaa kana irra jiranii fi jiraataa turan, waan isaan mudatee ture ,fknf, Gammachuus ta’ee gadda, Injifachuus ta’ee mo’amuu, laafachuus ta’ee jabaachuu, diigamus ta’ee ijaaramu keessa dabrabii Ummata isaanii mirga akkuma goonfachiisan, kan keenyas Addunyaa irratti kan ilaallu kana keessa dabruun dirqama ta’a.

Kana jechuun, waan har’a nu mudatu hundaan raafamnee abdii kutachuu akka hin qabne akeekufii. Kana keessatti hubchuu kan qabnu ykn nu barbaachisu, waan kaleessa keessa dabran irraa baratanii, Qabsoo Ofii haala itti finiinsuun danda’amu irratti xiyyeeffachuudha. Kaleessa qabsoo gaggeessaa turre keessatti maaltu nu mudate ? jedhanii qorannoo gaggeessuu fi sochii kaleessa nu gufachiisee adda baasanii kan har’aa milkeessuuf murannoon hojjachuudha.

Kun ammo dhaloota har’aa irraa akkaan eegama. Sochii Fincila Diddaa gabrummaa keleessaa irraa maal baranne ? maaliif itti fufiinsa qabaachuu dadhabe ? maaliif deeggarsa saboota biro argachuu dhabe ? jedhanii irratti yaaduun hedduu nama gargaara. Kanatti dabalee sochii wareegama ulfaataa nu kaffalsiisu kana Injifannoo malee akka hin hafneef , maal gochuu qabna? jedhanii irratti hojjatanii, waan yaadan bakkaan ga’uuf tattaafachuun barbaachisaadha.

Har’a mirga Umamaa keenya sarbamnee jiraachuun warri nu hin liqifamne walii galteen keenya hanga maalitti ? jedhanii, haala addaan hin cinneen qabsoo kana gaggeessuuf maaltu nu barbaachisa ? kan jedhu irratti mari’achuun ejjannoo tokko qabachuun murteessaadha. Qabsoo keenya haalaan hammaataadha. Rakkoolee hedduu keessatti gaggeessaa jiraachu fi diina humna maallaqaan waan barbaadee raawwachuu dana’u keessatti waan hojjannuuf, sochiin keenya rakkoo ulfaataa akkasii keesstti wayita gaggeeffannu , toftaan keenya diina keenya dacha 3n kan caalu ta’uu akka qabutti amanu qabna.kanas milkeessuuf yeroo fudhatanii irratti hojjachuu fi qophaa’un baayyee barbaachisa.

Hara Fociloota Biyyoota gara garaa irratti argaa fi milkaa’aa jiran irraa maal baranna ? jennee yoo of gaafanne, waa hedduu hubanna. Ummati Biyyoota Fincilaan Abbootii irree kuffisan, jalqaba, sirnichi dhabamsiisu irratti walii galan. Kana gochuuf ammo, wareegama barbaachisu baasuu irratti walii ta’an. Wareegama lubbuu , wareegama qabeenyaa, beekumsaa, jireenyaa, humnaa baasuuf itti amanan. Kana wal amansiisuuf yeroo fudhatanii irratti hojjatan. Isa booda galii isaanii keewwatan . waan barbaachisuus qopheeffatan. Qophii kana keessaa inni duraa Fincillii sun yeroo fudhatus, addaan akka hin kunnee murteeffatan. Itti aansanii mootummaa sana dadhabsuuf ykn humna dhabsiisuf, humna inni irratti abdatu jalaa kaasuu ta’utti mari’atan. Kanneen keessaa waraana Biyyaa dhunfachuu irratti hojjatanii itti milkaa’aan.

Miidiyaas akka itti tu’atan, Ummati isaanii akka waliin dhaabbatuuf waan barbaachisu hundaa raawwatan. Isa booda qabsoo isaanii kana milkeessuuf ykn gurra addunyaan ga’uuf bufataalee gara garaa hiriirfatan. Isaanis miidhaa sirnicha addunyaatti baasuuf bakka maratti hiriiran. Qabsoo bakka marattii gaggeeffamu bifa tokko qabsiisuuf quunnamtii banatan. Kan akka fakkeenyaatti isiif kaasu kun hundi qabsoo ficila Ummataa milkeessuuf kan durfamee itti yaadameedha. Isaan waa heddu dursanii qoheeffatan.Fincila bara kanaa fi kan bara Apprtaayidii yoo ilaalle, akkuama teekinolojiin wal irraa fagaatu sana fagaata. Garuu Fincilli Ummataa qoricha abbootii irree ta’uun tokkodha.

Kana kan kaasaa jiruuf , adeemsa keenya diina qixxee haa dubbifnu odoo hin taane , Sochiin Qeerroo har’aa milkaa’inaan akka guduufamuuf muuxannoo jiru qooduun barbaachisaa ta’uutti waan amanuufii. Diinni keenya har’a shororkeessaa jedhee seera nutti tumee , dhaloota ittii aanu qabsoo keessaa akkaa baqatu taasisuuf shira xaxuudha. “ sochiin qeerroo gama kanaan deebii quubsadha ” jedheen amana. Qabsoon saba kanaa dhaabbatee ykn gufatee , wayyaaneen bara baraaf jiraata jechuun , yaada warra gawwaa ykn seenaa ofii warra dagatan irraa kan maddudha.

Bara Qabsoon keenya eegale, Somaaleen Hogganoota Qabsoo keenyaa bakka tokkottii kana rashanan , Qabsoo kana abbaa dhabsiisanii gaaffii Oromoo sadaatan hanbisuufii . Dargiin Gootawwanii fi Qaroowwan Oromoo akka dhiiga saree bakkayyuutti kan dhangalaaseef, Qabsoo saba kanaa hundeedhaa balleessee bara baraaf jirachuF ture . wayyaaneenis , Ilmaan Oromoo sababaa gara garaan akka feete kan ajjeesaa , Biyyaa yaasaa , hidhaa fi hiraarsaa jirtuu qabsoo saba kanaa kolaasuufii . inumaayyuu dhaloota haaraa har’aa toftaa gara garaan kan cabsuuf tattaafataa jirtu , kaayyoo warra somaalee Hogganoota keenya fixan sana irraa adda kan ta’uu miti. Walii galli isaanii qabeenyaa keenya dhaaluuf jedhanii nu ajjeesanii hubadhaa .

Egaa nuuti kan injifachuuf deemnu humna akkasiiti. Kanaaf qophiin nu barbaachisu jabaadha. Sochii qindaa’aa , bilchaataa, jabaa , kan diina hundeeti rifaasisu ta’uu qaba jechuudha. Kanaaf qeerroon Oromoo kana haalaan xiinxalu isa barbaachisa. Diinni maal irratti hirkatee jiraa ? riqichi isaa eenyu ? Dingdeen isaa maalii ? duubbeen isaa maalii ? dura kam irraa kunnaa ? booda maal goonaa ? tarkaanfiin keenya maal fakkaataa ? maal irratti xiyyeeffataa ? jedhanii yaadanii , ifanii dhaamu odoo hin taane , ifaa jiraachuu akkamitti dandeenya ? jedhanii yaaduu barbaachisa.

Sochiin Qeerroo dhaloota itti aanu diinni sababaa gara garaan gawwamsee of harka galchuuf shira gaggeessaa jiru kanallee hubchiisuu irratti hojjachuun barbaachisaadha. Wayyaaneen, wanni “ mayikiroo xixiqqaa” jettee Dargaggoota liqii itti laattee , qabsoo keessaa akka deebi’an taasisaa jirtu kana irratti duuluu barbaachisa. Hojii dhiisaa odoo hin taane , Biyya abbaa isaa irratti eenyu irraa liqeeffatee , boquu cabsee jiraata ? Biyyaa eenyu irratti Abbaan warshaa wayyaanee ta’ee , inni gatii gadi aanaan qacaramee jiraata ? Dhalli Oromoo ashikarii fi humna isaan kan jiraatu ta’ee, eenyutu Angoo siyaasaa fi Bulchiinsaa qabatee jiraata ? Oromoon Biyya isaa irratti Boqqolloo facaasee galfachuuf gibira humnaa olii irratti muramaa , wayyaaneen Albuuda isaa gaaffii tokko malee , gibira malee saamee yennaa deemu ilaaluun keenya maalii ? jedhanii wal dammaqisuu qaban.

Halagaa qabeenyaa keenyaaf jedhee nu ajjeesu, hidhu, Biyyaa nu godaansu dura kan dhaabbachuu qabnu, Qabeenyaa sana akka hin saamne taasisuuniidha. Kun qabeenyaa keenya irree ta’eef irraa kutuu nu barbaachisa. Sochiin Qeerroo haalaa fi akka isaa hammayyeesse diina rifaasisuu qaba. Yeroos sochiin Qeerroo , Dawaa shororkeessaa jedhamu ta’a jedheen yaada. Wanni waa hunda irra hubachuu fi irratti xiyyeeffachuu qabnu, wayyaaneen dhaloota borii illee yakkamaa taasisaa jiraachuu isaati. Mirga isaa gaafachuu jechuun, shororkeessaa ta’anii hidhaa seenu jechuudha. Biyya isaa gaafachuun, mirga umamaa gaafachuun gooleessaa jedhamee hidhaatti guuramu jechuudha. Kun ammo dhaloota itti aanu illee yakkaa jiraachuu nu argisiisa. Kanaaf kana akka salphaatti ilaalu hin qabnu . lubbu keenya ykn jiraachuu fi dhiisuu keenya irratti murteessaniiruu jechuudha. Gara jabiina isaanii kanaan wal qixa, garaa itti jabaachuun barbaachisaadha. Nuun galmee shororkeessaa keessatti nu ramachiisanii, bara baraan nu hidhaa fi ajjeesaa jiraachuun filataniiru . Oromiyaa garaaf bultootaan qabanii saamaa jiraachuu murteeffataniiruu jechuudha.

Maarree nuutis kana irra garaa jabaachuu nu barbaachisa. Dhaloota keenya irratti ega murteessanii , dhaloota isaani irratti murteessuu qabna. Qabsoo akkasii kana dura dhaabbachuuf, Hogganoonni keenyaa fi qabsaa’oonni keenya akka sareetti ajjeefaman sana gumaa baafachuuf murteeffachuu nu gaafata. Yoo gurmaa’uus ta’ee , ijaaramu barbaannu, fageessinee yaannee irratti hojjachuun murteessaa ta’u hubachuu qabna. Qabsoon gaggeessinu firii akka godhatuuf, kudhan yaannee , tokko tarkaanfachuu qabna.

Wanni akka gaaritti hubachuun nu barbaachisu wayyaaneen har’a humna waraanaan kan jirtu haa fakkaattu malee , kan dhiibu osoo jiraate , bakka itti qaban hin qabdu. Kana malees har’a Biyya Bulchaa jiru osoo hin taane, Qabeenyaa saamaan jiraachisuuf arreedaa jiran. Qabeenyaa kana jiraachisuuf Qabsoo Oromoo sadarkaa adda duraatti kolaasu irratti hojjachaa jiraachu qalbeeffachuu qabna. Maarree humna akkasii kanaaf toftaa akkamiituu nu barbaachisa ? jedhanii akeekkatanii bakka dadhabiina isaanii haleeluun dansaadha. Waan ummata ittiin seenan dura kolaasuun murteessaadha. Adeemsa diinaa hubatanii fashalsuu caalaa qabsoon hin jirtu hubadhaa.

Gara laafessuummaan keenya , kan lubbu nu baasaa bara baraaf jiraatuf ta’uu hin qabu. Obsi keenyas ni ga’a. dabeessummaatti ilaalamuun salphina. Dhalooti har’aa kana iggitii itti gochuutuu irraa eegama. Diinni hanga gola keenyaatti nu seenee nu saamu huyyamu hin qabnu. Warrii alaa dantaaf jedhanii addunyaa biro irraa dhufanii qabeenyaa keenya saamanii warra baar gamoo hanga qalabanitti eguun keenya maal jedhama ?

“QEERROON OROMOO KANA AKKA GAARITTI HUBATEE , SOCHIIN ISAA ITTI FUFA QABSOO OROMOO MIRKANEESSUU QABA. .!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!! ITTI FUFA

Barreessaa barruu kanaa karaa email: addunyaa.alam7@gmail.com  argachuu dandeessu!