(Oduu Qeerroo, 20 Onkoloolessa 2011) Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee barattootaa fi barsistotaa Universitii fi Kollejjiiwwan Oromiyaa adda addaa keessatti sababa dhimma amantii irratti mari’achuu jedhuun wal-gahii wal-irraa hin cinneen muddaa akka jirtu gabaasame.
Maddeen Qeerroo akka gabaasanitti, mootummaan Wayyaanee guutummaa biyyattii keessatti duula walgahii fi walmarii dhuma hin qabne Univaristiiwwan Oromiyaa keessaatti adeemsisaa jirti.
Akka odeessa nu dhaqqabeetti, keessaayyuu giddu gala Oromiyaa keessaa Univarsitii Amboo keessatti wal-gahiin fedhii barattootaa fi barsiistotaa malee wamame guyyaa Wiixataa Onkoloolessa 17, 2011 irraa eegalee guyyoota 6f walitti aansee geggeeffamaa jira.
Haalli wal-gahichi itti waamame guyyaa lamaaf barattoota fi barsiistota guutuu (mara), guyyaa lamaaf missnsota warra abbaa garaa, fi guyyaa lama barsistotaaf akka ta’e beekamee jira.
Tooftaan Wayyaanee yeroo ammaa sochii fi diddaa Qeerroo fi uummata Oromoo jabaachaa dhufe dura dhaabbachuu waan hin dandeenyeef mata duree wal-gahii rakkoo naannoo hin jirretti uummata hojii isaa fi barattoota barumsa irraa dhaabuudhaan seminaara/barumsa waa’ee dhimma amantii sababeeffachuudhaan karoora tokko malee qabeenya uummataa gar malee abdii kutannaashee akka dhoksuuf itti fayyadamaa akka jirtu beekameera.
Haata’uutii barattooti humnaan akka hirmaatan godhamanis dubbii diduu fi yeroo wayyaanoti lallaban dhimma biraa haasa’uun diddaa isaanii agarsiisaa akka jiran odeessi nu dhaqqabe ni hubachiisa.
Kanumaan wal-qabatee warreen miseensota ishee ta’aniif qarshii guddaa dhoksaadhaan akka durgootti kaffalaafii akka jirtuu fi barattoota harka caalu immoo barumsa irraa kuttee halkanii fi guyyaa ‘barumsa’ waa’ee amantii jedhuun nuffisiisaa akka jirtus beekameera.
Goototi barattota Oromoo garuu shira Wayyaaneen sochii Qeerroo Oromoo dura dhaabachuuf hojjechaa jirtu kan dursanii fi shira ishees kutannoodhaan kan kukkutan ta’uusaa karaa adda addaa mul’isaa akka jiranis beekamee jira.