“Wal’aansoon OPDO fi Bi’aden Wayyaanee Bashannansiisaa Jira”

(Oduu Qeerroo, 19 Onkoloolessa 2011) Mootummaan Mallas Zeenaawwii yeroo ammaa kana humna isaa karaa lafa jalaatiin ijaaraa, irra keessa immoo jala deemtotaa fi ergamtoota isaa garaaf bitamaniif diriirsaa akka jiru keessa beektoti saaxilan.

Madeen Qeerroo akka hubachiisanitti, mootummaan MAllas Zeenaawwii tooftaa fi tarsiimoo haga ammaa ittiin deemaa ture kan jijjiire fakkeessuuf humnoota isaa haga yoonaatti dhiiga ummataa xuuxaa turan waltjjii duubaan dhoksee akka isaan hojii murteessaa fi olaanaa hojjatan gochaa jira.

Akka kanaan haga yeroo dhiyootti mana hidhaa maa’ikalaawwii keessatti gaafatamaa qorannoo olaanaa ta’ee ilmaan saboota biyyatti gidirsaa kan ture, Taaddasaa Masarat kaafamee, bakka isaa immoo namni Masfin jedhamu kan bu’e ta’uun hubatamee jira.

Akkasumas namni Rattaa Tasfaayee jedhamu gaafatamaa dhimma qorannoo ta’uun kan aangome yoo ta’u, dhimma murteessaa fi angeenyaa irratti garuu sagalee tokko illee akka hin qabne beekamee jira.

Akkasuams yeroo ammaa kana humni warra OPDO fi BIADEN (Amaaraa) magaalaa Finfinnee keessatti waldorgommii amanamummaa gaggeessaa akka jiran beekamee jira.

Qorannoo gidduu darbe gaggeeffamaa tureen gareen Kumaa Dammaqsaatiin hogganamu bakka buutota Barakat Simoon aangoo irraa kan kaase ta’uun Qeeroon gabaasee jira.

Akka kanaan, kantiibaa lammaffaa fi gaafatamaan Biiroo Aadaa fi Beeksisaa Finfinnee kan ture Kaffiyaalawu Azazaa fi barreessaa EPRDF magaalaa Finfinnee fi gorsaan kantiibaa kan  dhimma qindeessaa ummataa, Li’ul Saggad Yifiruu fi qondaaltoti hedduun aangoo irraa akka aryataman beekameera.

Haala ammaa kana ilaalchisanii hayyuun siyaasaa tokko yaada gabaasaa Qeeroof kennaniin, dubbiin kun yoo dhugaa ta’e, diraamaa wayyaaneen ummata ittiin gowwoomsuuf gootuu dha. Wayaaneen kanaan dursa bakka hedduutti humnoota aangoof fiigan walitti dhiiftee yeroo dubbiin babbadu immoo akka fala fidduutti itti dhaqaa turte. Kunis damee diraamaa baranee keessaa tokko jedhanii jiru.

Qeerroon gama isaatiin, “sabni kamuu  bilisummaa isaatiin jiraachuuf mirga dhalootaan goonfate qaba. Sabooti biyyattii keessa jiraatanismirgoota uuamamaa kunneen waliif kabajaa fi waljaalalaan sirna isaan nyaataa fi dhiitaa jiru irratti bobba’uu qaban,” jechuun dhaamsa dabarsee jira.