Basaasoti manneen barumsaatti ramadaman saaxilaman; diddaan Qeerroo immoo daran akka finiinu dhaamame.

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 11 Onkoloolessa 2011) Mootummaan Wayyaanee/OPDO/ namoota dhoksaatti HOJII TIKAAF/BASAASAAF/ qaamaa Federaalaatiin leenjifamanii barattoota Oromoo mana barumsaa sadarkaa ol aanaa/koollejjootaa fi Yuunversiittiitti bobbaasaa jiruun beekame.
Gabaasaan Qeerroo odeessa qabatamaa argateen akka mirkaneessetti, yeroo ammaa kanatti sochii diddaa ummataa to’achuuf mootummaan Wayyaanee Godinaalee Oromiyaa 17 irraa namoota hojii basaasaaf fo`ee leenjisee nama lama lama/02 Godina Godina irraa walumaa galatti namoota 34 hojii basaasaaf bobbaasee jira.
Akka kanaan namootni kun kan itti bobbaa`an Mana barumsaa sadarkaa Ol aanaa.Koollejjii fi Yuunversiitiitti ta`uun mirkanaa`eera. Godinaalee 17×2= Namoota 34 Godinaalee Oromiyaa keessa jiran walii gala keessaa fo`ee Leenjii addaa adada kenneefii qopheesseera.
Namoota kana keessaa kan ammatti maqaan isaanii nu dhaqqabe Godina Shawaa Kibba Lixaa keessaa ,1. Obbo Walabummaa Gunjee Aanaa Wancii bulchiinsa keessa kan hojjetu. Dirqamni isaa ykn kallattiin bobbaa isaa Wallaggaa Yuunversittii Godina Wallaggaa dhiyaatti hojii basaasaaf kan ramadame.
Obbo Al-amduu Bagidaad Itti gaafatamaa dhimma Dinagdee Aanaa Ammayyaa kan ta`e. Kallattiin bobbaa isaa ykn dirqamni isaa kallattii Walaayittaa Soddoo YKN Yuunveristii Arbaa Mincii tti kan ramadame.
Akka maddeen keenya irraa hubachuu dandeenyutti, namotni kun ammaan dura hojetaa mootummaa ta`anii kan hojii mootummaarratti ramadaamnii hojiirra jiranii dha . Yeroo mana barumsaa keessa jiranitti miindaan isaanii dhoksaan karaa mootummaan kaffalamaa, isaan akka baratattii sirnaa fi unkaa barataa/barnootaa guutanii utuu hin ta`iin mootummaati dirqama addaa itti kennee hojii basaasummaaf barattotatti bobaase dha.
Qeerroon akka hubachiisetti, dirqamni hojii bobbaa isaanii yoomii fi hangamiif? akka ta`e ammatti yoo beekamuu baatellee, yeroon bobaa isaanii amma Onkoloolessa kana irraa tu`uun beekameera.
Barataa fakkaataanii Barattootaa Oromoo waggaa haaraatti Barumsaaf gara mana barumsaa Koollajjii fi Yuunveristiitti dhufan isaanis akkuma barataatti/barataa haaraa fakkaatuun itti dhiyaatanii basaasuu fi sochii barattoota Oromoo hordofuu fi gabaasuu.
Namootni kun kan Mootummaa Wayyaanee/OPDO/ f amanamoo fi dirqama itti kennamu kan raawwatan ta`uu isaanii namootni kun sadarkaa Godinaatti filamuun leenjiin kennameefii bobbafaman. Dirqama adada aaddaa kan raawwatan ta`uunisaaniis beekameera.
Namootni 34 kun Koollejjii fi Yuunversittii Oromiyaa Keessa jiran maratti hojii basaasumma kana hojjechuu fi sochii QFDG QEERROON Oromiyaa eegalanii fi itti jiran kana mootummaaf gabaasuu. Sabboontota Barsiisotaa fi barattoota Oromoo hordofuu.
Mootummaan wayyaanee SOCHII QEERROO irraa sodaa fi birruu qaburraa kan ka`e bifaa fi humna danda`ameen dura dhaabbachuuf dinagdee guddaa /baajeta addaa ramadee namoota sirna isaaf amanamoo fi waardiyaa ta`an fo`ee sadarkaa feederaalaatti leejjii addaa addaa kennaa jiraachuu isaa akka ta`es gabaasni kun mirkaneesseera.
Wayyaaneen namoota hojii kanaaf fo`ate aangoo fi faayidaa addaa addaan sadarkaa addaa addaatti jijjiiruu fi mindaan /aangoon guddisuuf waan hin godhiin hin qabu.
Qeerroon Bilisummaa haala kana irratti akka ibsetti, Wayyaaneen gaaffii fi diddaa ummataa dhaamsuuf humna tikaa fi basaasaa kitilaan bobbaasuu irraa akka hin deebine hubachiise; garuu itti milkaa`uu fi sochii Qeerroo gufachiisuu hin dandeenye.
“Gara fuula duraattis hanga Sirni gabroofataa mootummaan Bulguu Wayyaanee kun burkutaa`utti QFDG QEERROON eegale cimee fi cichummaan /Seexaan itti fufa,” kan jedhe ibsi Qeerroo kun, “diidaa fi qabsoon keenysa  hanga bilisummaan galma isaa ga`utti daran jabaatee itti fufa; kanas hojiin ni mul`ifna,” jedhee jira.
Qeerroon itti dabaluunis, “humna sabaa fi sablammootaa ,cunqurfamtoota Itiyoophiyaa mara gamtaan qindeessee hanga humni gabroofataa kun hundeen buqqa`utti sodaa fi birruu tokko malee akka itti fufu irra deebinee ejjennoo keenya addeessina,’ jedheera.
Qeerroon yeroo kanatti dhimma  kanaan dahatee dhaamsa dabarseenis “barattootni sadarkaa ol aanaa koollejjii fi Yuunversiittii addaa addaa keessa jirtan kanneen duraan mana barumsaa keessa turatanii fi haaraatti gara mana barumsaatti dhuftan Ilmaan Cunqurfamtootaa dheebuu barnootaaf qabdanii fi barattanii of danda`uu fi maatii keessan garagaruuf sammuu keessan qopheessitanii gara mana barumsatti dhuftan, garuu mootummaan Wayyaanee mana barumsaa dirree lolaa fi mooraa waaranaa godhatee barattoota ajjeesuu fi hidhuun kaan barnoota irraa ukkaamsee gara dabarsuun maatii fi firoottan keessan boosisaa fi joorsaa turee fi ammallee itti jiru kunoo ammas utuu barumsa kee hin eegaliin dursee mana barumsaa keessaatti kiyyoo hidhee shiraa fi goolii addaa addaa uumuuf/jeequmsa kaasuuf basaasota garaaf bitamanii /sab gantootaa/ addatti dhoksaan leenjisee qopheessee mana barumsaatti bobaasaa jira.
“Kanaaf Qeerroon Jiruu jireenya gabrummaa fi gadaantummaa bara baaraan roorrifamaa jiraachuu irra Bilisummaa! ykn Du`a! jennee kaanee wareegama qabsoon nu gaafattu mara hanga lubbuutti itti kitimnee sirna gabroofataa kana jijjiiruuf sabootni cunqurfamootni gamtaan kaanee bilisummaa fi diimokiraasii dhugaaf akka waliin qabsoofnu Qeerroon waamicha keenya cimsinee dhaamna,” jdhee jira.