(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 08 Onkoloolessa 2011) Ayyaanni Irreechaa 2011 akkuma barametti godinaalee Oromiyaa mara keessatti kabajamaa kan jiru yoo ta’u, Onkoololessa 9, 2011 immoo Godina Shawaa Lixaa Maagalaa Burraayyuu, Malkaa Gafarsaatti sirnaa ho’aa ta’een kabajamuuf jira.
Akka gabaasaan Qeerroo magaalaa Burraayyuu irraa odeessa nuun gayetti, ayyaana Irreechaa kana kabajuuf Sabboontonni Oromoo Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa gara Burraayyuutti galuu kan eegalan dursanii ti.
Haata’uutii, humnooti tikaa fi poolisooti Wayyaanee Irreeffattoota Ayyaanaa Irreechaa Gafasaa irraatti argamuuf gara san imalaa jiran sakatta’uu fi doorsisuutti akka jiran hubatamee jira.
Akka gabaasaan keenya kellaa naannoo Giincii irraa gabaasetti, humnooti tikaa uffannaa ummataa uffatan warra Irreeffannaaf deeman fakkaatanii otuu Irreeffattoota basaasanii mul’atanii jiru.
Kana malees,kellaa irratti Irreeffattoota adda baasanii gaaffii,”Eessa deemta? Maal of harkaa qabdu? Maaliif irreeffattu? Hayyama qabduu?” fi kkf gaafachuun ummata nagaa goolaa jiraatan iyyuu, Irreeffattotis “aadaa fi amantii keenya kabajauuf hayyama nu hin feesisu!” jedhanii deebii akka kennan beekamee jira.
Sabboontonni Oromoos itti dabaluun, “doorsisa diinaa hin sodaannu; aadaa keenyaanis ni boonna,” jechuudhaan dhaamsa waaliif dabarsaa jiraachuun hubatamee jira.
Ayyaanni Irreechaa Malkaa Gafarsaa irratti kabajamu kun waggoota 29f addaan citee kan ture yoo ta’u, yeroo duraatiif bara 2007 haaromfamee akka kabajamuu eegalee kna yaadatamuu dha. Ayyaana Irreechaa Onk. 12, 2008 yeroo lammaffaaf kabajame irratti fakkeenyaaf,ummanni Oromoo lakkoofsaan 20,000(kuma digdama) ol ta’an Oromiyaa iddoo adda addaatii walitti dhufanii akka kabajatan kan yaadatamuu dha.